< Job 3 >
1 At length Job opened his mouth, and cursed the day of his birth.
Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare.
2 And Job spake and said:
Innis akkana jedhe:
3 Perish the day in which I was born, and the night which said, “A man-child is conceived!”
“Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu; halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.
4 Let that day be darkness; Let not God seek it from above; Yea, let not the light shine upon it!
Guyyaan sun haa dukkanaaʼu; Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin; ifnis itti hin ifin.
5 Let darkness and the shadow of death redeem it; Let a cloud dwell upon it; Let whatever darkeneth the day terrify it!
Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan; duumessi isa irra haa buʼu; ifa isaa dukkanni haa liqimsu.
6 As for that night, let darkness seize upon it; Let it not rejoice among the days of the year; Let it not come into the number of the months!
Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu; guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.
7 O let that night be unfruitful! Let there be in it no voice of joy;
Halkan sun haa maseenu; ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.
8 Let them that curse the day curse it, Who are skilful to stir up the leviathan!
Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan, kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.
9 Let the stars of its twilight be darkened; Let it long for light, and have none; Neither let it see the eyelashes of the morning!
Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu; ifa eeggatee haa dhabu; boruu baqaqus hin argin.
10 Because it shut not up the doors of my mother's womb, And hid not trouble from mine eyes.
Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf, balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.
11 Why died I not at my birth? Why did I not expire when I came forth from the womb?
“Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin? Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?
12 Why did the knees receive me, And why the breasts, that I might suck?
Jilbawwan na simatan, harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?
13 For now should I lie down and be quiet; I should sleep; then should I be at rest,
Ani silaa yoona nagaan nan ciisa; rafees nan boqodhan tureetii;
14 With kings and counsellors of the earth, Who built up for themselves—ruins!
moototaa fi gorsitoota addunyaa warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,
15 Or with princes that had gold, And filled their houses with silver;
bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.
16 Or, as a hidden untimely birth, I had perished; As infants which never saw the light.
Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee, akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin?
17 There the wicked cease from troubling; There the weary are at rest.
Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu; dadhaboonnis achitti ni boqotu.
18 There the prisoners rest together; They hear not the voice of the oppressor.
Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu; waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.
19 The small and the great are there, And the servant is free from his master.
Xinnaa fi guddaan achi jira; garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.
20 Why giveth He light to him that is in misery, And life to the bitter in soul,
“Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?
21 Who long for death, and it cometh not, And dig for it more than for hid treasures;
Warra duʼa hawwanii dhabaniif warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif
22 Who rejoice exceedingly, Yea, exult, when they can find a grave?
warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?
23 Why is light given to a man from whom the way is hid, And whom God hath hedged in?
Nama karaan isaa duraa dhokateef nama Waaqni dallaa itti marse jireenyi maaliif kennama?
24 For my sighing cometh before I eat, And my groans are poured out like water.
Gaddi buddeena naa taʼeera; aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.
25 For that which I dread overtaketh me; That at which I shudder cometh upon me.
Wanni ani sodaadhe natti dhufeera; wanni na naasisus narra gaʼeera.
26 I have no peace, nor quiet, nor respite: Misery cometh upon me continually.
Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu; jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.”