< Acts 5 >

1 But a certain man named Ananias, with Sapphira his wife, sold a possession,
Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate.
2 and kept back part of the price, his wife also having knowledge of it; and brought a certain part, and laid it at the feet of the apostles.
Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
3 But Peter said, Ananias, why did Satan fill thy heart that thou shouldst lie to the Holy Spirit, and keep back part of the price of the land?
Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute?
4 While it remained, was it not thine own? And after it was sold, was it not in thine own power? Why didst thou conceive this thing in thy heart? Thou didst not lie to men, but to God.
Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.”
5 And Ananias, hearing these words, fell down, and expired. And great fear came on all that heard of it.
Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
6 And the young men arose, and wrapt him up, and carried him out, and buried him.
Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan.
7 And it was about the space of three hours after, when his wife, not knowing what had happened, came in.
Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente.
8 Peter said to her, Tell me whether ye sold the land for so much. And she said, Yes, for so much.
Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette.
9 And Peter said to her, Why is it that ye agreed together to try the Spirit of the Lord? Lo! the feet of those who have buried thy husband are at the door, and they will carry thee out.
Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen.
10 And she fell down immediately at his feet, and expired; and the young men, when they came in, found her dead, and carried her out, and buried her by her husband.
Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan.
11 And great fear came upon all the church, and upon all that heard of these things.
Waldaan kiristaanaa hundi, warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
12 And many signs and wonders were wrought among the people by the hands of the apostles; and they were all with one accord in Solomon's porch.
Ergamoonnis mallattoo fi dinqii baayʼee uummata gidduutti hojjetan. Amantoonni hundinuus iddoo gardaafoo Solomoon jedhamutti walitti qabamu turan.
13 But of the rest no one dared to join himself to them. But the people highly honored them;
Warra hafan keessaa namni tokko iyyuu isaanitti dabalamuuf ija hin jabaanne, uummanni garuu akka malee isaan ulfeessa ture.
14 and more and more were believers added to the Lord, multitudes both of men and women;
Hamma duraa caalaas dhiironnii fi dubartoonni hedduun Gooftaatti amananii amantootatti dabalaman.
15 so that in the streets they brought out the sick, and laid them on beds and couches, in order that at least the shadow of Peter, as he passed, might overshadow some of them.
Kanaafis akka yommuu Phexros achiin darbutti gaaddiddumti isaa iyyuu isaan keessaa tokko tokko irra buʼuuf jedhanii namoonni dhukkubsattoota karaatti baasanii siree fi itillee irra ciciibsan.
16 The multitude also belonging to the cities around came together to Jerusalem bringing the sick, and those plagued by unclean spirits; and they were all healed.
Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman.
17 But the high-priest and all that were with him, which is the sect of the Sadducees, rose up and were filled with indignation,
Lubni ol aanaanii fi miseensonni garee Saduuqotaa warri isa wajjin turan hundinuu hinaaffaan guutaman.
18 and laid hands on the apostles, and put them in the public prison.
Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan.
19 But an angel of the Lord in the night opened the prison-doors, and brought them forth and said,
Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase.
20 Go, stand and speak in the temple to the people all the words of this life.
Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen.
21 And hearing this, they went into the temple at daybreak and taught. But the high-priest and they that were with him came and called together the council, and all the elders of the sons of Israel, and sent to the prison to have them brought.
Isaanis akkuma isaanitti himame sanatti ganama barii mana qulqullummaa seenanii uummata barsiisuu jalqaban. Lubni ol aanaanii fi warri isa wajjin turan yommuu achi gaʼanitti waldaa Yihuudootaatii fi yaaʼii maanguddoota Israaʼel walitti waaman; akka ergamoota sana fidaniifis mana hidhaatti namoota ergan.
22 But the officers that came did not find them in the prison; and they returned and brought word,
Qondaaltonni ergaman sun garuu yommuu mana hidhaa gaʼanitti jara achitti hin arganne; kanaafis deebiʼanii,
23 saying, The prison we found shut in all security and the keepers standing at the doors: but when we opened them, we found no one within.
“Mana hidhaa sana isaa sirriitti qollofamee jiru, eegdotas, utuu isaan balbala dura dhaabatanii jiranuu argine; yeroo bannetti garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” jedhan.
24 And when the priest, and the captain of the temple, and the chief priests heard these words, they were at a loss concerning them, to what this would come.
Ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi luboonni hangafoonni yommuu oduu kana dhagaʼanitti dinqifachuudhaan waan jedhan wallaalanii, “Maaltu dhalate immoo?” jedhan.
25 But one came and brought them word, Lo! the men whom ye put in prison are standing in the temple and teaching the people.
Yommus namichi tokko dhufee, “Jarri isin mana hidhaatti galchitan sun kunoo, mana qulqullummaa keessa dhadhaabatanii uummata barsiisaa jiru!” jedhe.
26 Then went the captain with the officers, and brought them without violence, that they might not be stoned; for they feared the people.
Kana irratti ajajaan sun qondaaltota wajjin dhaqee ergamoota sana fide; isaanis sababii uummanni dhagaan nu tuma jedhanii sodaataniif humnatti hin fayyadamne.
27 And having brought them, they set them before the council. And the high-priest questioned them,
Ergamootas fidanii, akka lubni ol aanaan isaan qoruuf fuula yaaʼii Yihuudootaa dura isaan dhadhaabachiisan.
28 saying, We strictly commanded you not to teach in this name, and lo! ye have filled Jerusalem with your teaching, and mean to bring this man's blood upon us.
Lubichi ol aanaanis, “Nu akka isin maqaa kanaan hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barsiisa keessaniin Yerusaalem guuttaniirtu; akka nu itti gaafatamtoota dhiiga namicha kanaa taanu nu gochuu barbaaddu” jedhe.
29 But Peter and the apostles answered and said, We ought to obey God rather than men.
Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
30 The God of our fathers raised up Jesus, whom ye slew by hanging him on a cross;
Yesuus isa isin fannoo irratti fanniftanii ajjeeftan sana Waaqni abbootii keenyaa warra duʼan keessaa isa kaaseera.
31 him hath God exalted by his right hand, as a Leader and Saviour, to give repentance to Israel, and forgiveness of sins.
Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.
32 And we are his witnesses of these things, and so also is the Holy Spirit which God hath given to those who obey him.
Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqni warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti.”
33 But when they heard this, they were filled with rage, and were resolving to kill them.
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aariidhaan guggubatanii ergamoota ajjeesuuf mariʼatan.
34 But there stood up one in the council, a Pharisee, named Gamaliel, a doctor of the law, in high esteem with all the people, and commanded to put the men forth a little while,
Fariisichi Gamaaliyaal jedhamu, barsiisaan seeraa kan namni hundi kabaju tokko garuu waldaa Yihuudootaa keessa dhaabatee akka ergamoonni sun yeroof gad baafaman ajaje.
35 and said to them [[of the council]], Men of Israel, take heed to yourselves as to what ye are about to do in respect to these men.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, waan jara kana gochuuf deemtan keessatti of eeggadhaa.
36 For before these days arose Theudas, boasting himself to be somebody; to whom a number of men, about four hundred, joined themselves: who was slain, and all, as many as obeyed him, were scattered, and came to nought.
Bara dheeraan dura Toyidaas akka waan nama guddaa taʼeetti of ilaalee kaanaan namoonni gara dhibba afuriitti hedaman isa faana buʼan; inni ni ajjeefame; duuka buutonni isaa ni bittinneeffaman; akkasumaan badanis.
37 After this man arose Judas the Galilaean, in the days of the registering, and drew people away after him; he also perished, and all, as many as obeyed him, were dispersed.
Namicha kana booddee immoo Yihuudaan, namni Galiilaa bara lakkoobsa sabaa keessa kaʼee nama baayʼee ofitti kutate; innis ni ajjeefame; warri isa faana buʼanis ni bittinnaaʼan.
38 And now I say to you, Refrain from these men, and let them alone; for if this design or this work be of men, it will come to nought;
Kanaafuu dubbii kana keessatti ani isinittin hima; namoota kana gad dhiisaa! Haa deemani! Mariin isaanii yookaan hojiin isaanii kun yoo waan nama irraa dhufe taʼe ni bada.
39 but if it be of God, ye will not be able to overthrow them; lest haply ye be found also fighting against God.
Yoo waan Waaqa irraa dhufe taʼe garuu jara kana dhowwuu hin dandeessan; isin mataan keessan iyyuu akka utuu Waaqaan wal loltanuu hin argamne of eeggadhaa!”
40 And they were persuaded by him; and having called the apostles, they beat them, and commanded them not to speak in the name of Jesus, and released them.
Isaanis gorsa isaa fudhatan; ergamoota sanas ol waamanii garafan; akka isaan maqaa Yesuusiitiin waa hin dubbannes ajajanii gad isaan dhiisan.
41 They therefore went away from the presence of the council, rejoicing that they were counted worthy to suffer shame in behalf of that name;
Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
42 and every day, in the temple, and in houses, they ceased not to teach, and to publish the glad tidings concerning Jesus the Christ.
Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Yesuus Kiristoos taʼe barsiisaa, lallabaas turan.

< Acts 5 >