< Joel 1 >

1 The word of YHWH that came to Joel, the son of Pethuel.
Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
2 Hear this, you elders, And listen, all you inhabitants of the land. Has this ever happened in your days, or in the days of your fathers?
Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
3 Tell your children about it, and have your children tell their children, and their children, another generation.
Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
4 What the swarming locust has left, the great locust has eaten. What the great locust has left, the grasshopper has eaten. What the grasshopper has left, the caterpillar has eaten.
Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, hawwaannisni guddaan fixe; waan hawwaannisni guddaan dhiise, hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
5 Wake up, you drunkards, and weep. Wail, all you drinkers of wine, because of the sweet wine; for it is cut off from your mouth.
Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa; sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa; inni afaan keessan irraa butameeraatii.
6 For a nation has come up on my land, strong, and without number. His teeth are the teeth of a lion, and he has the fangs of a lioness.
Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko biyya koo weerareera; inni ilkaan leencaa, qarriffaa leenca dhalaa qaba.
7 He has laid my vine waste, and stripped my fig tree. He has stripped its bark, and thrown it away. Its branches are made white.
Inni muka wayinii koo onsee harbuu koos barbadeesseera. Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee dameelee isaanii duwwaa hambise.
8 Mourn like a virgin dressed in sackcloth for the husband of her youth.
Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
9 The meal offering and the drink offering are cut off from YHWH's house. The priests, YHWH's ministers, mourn.
Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqayyoo irraa citaniiru. Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan booʼaa jiru.
10 The field is laid waste. The land mourns, for the grain is destroyed, The new wine has dried up, and the oil languishes.
Lafti qotiisaa oneera; laftis gogeera; midhaan barbadaaʼeera; daadhiin wayinii haaraan dhumeera; zayitiinis dhabameera.
11 Be confounded, you farmers. Wail, you vineyard keepers; for the wheat and for the barley; for the harvest of the field has perished.
Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; warri wayinii dhaabbattan booʼaa; sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
12 The vine has dried up, and the fig tree withered; the pomegranate tree, the palm tree also, and the apple tree, even all of the trees of the field are withered; for joy has withered away from the sons of men.
Wayiniin gogeera; harbuunis coollageera; roomaaniin, meexxii fi hudhaan, mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa irraa badeera.
13 Put on sackcloth and mourn, you priests. Wail, you ministers of the altar. Come, lie all night in sackcloth, you ministers of my God, for the meal offering and the drink offering are withheld from your God's house.
Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
14 Sanctify a fast. Call a solemn assembly. Gather the elders, and all the inhabitants of the land, to the house of YHWH, your God, and cry to YHWH.
Sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa. Maanguddootaa fi warra biyyattii keessa jiraatan hunda gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii Waaqayyootti booʼaa.
15 Alas for the day. For the day of YHWH is at hand, and it will come as destruction from Shaddai.
Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
16 Isn't the food cut off before our eyes; joy and gladness from the house of our God?
Ijuma keenya duratti nyaanni cite; ilillee fi gammachuunis mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
17 The seeds shrivel under their shovels. The storehouses are laid desolate. The granaries are broken down, for the grain has withered.
Sanyiin lafa keessatti tortoree hafe. Mankuusni diigameera; gombisaan caccabeera; midhaan gogee hafeeraatii.
18 How the animals groan. The herds of livestock are perplexed, because they have no pasture. Even the flocks of sheep suffer.
Loon akkam marʼatu! Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef asii fi achi joora; bushaayeenis dhiphataniiru.
19 YHWH, I cry to you, for the fire has devoured the pastures of the wilderness, and the flame has burned all the trees of the field.
Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; ibiddi lafa dheedaa barbadeessee arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
20 Yes, the animals of the field pant to you, for the water brooks have dried up, And the fire has devoured the pastures of the wilderness.
Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; lagni bishaanii gogeera; ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.

< Joel 1 >