< Hosea 1 >

1 The word of YHWH that came to Hosea the son of Beeri, in the days of Uzziah, Jotham, Ahaz, and Hezekiah, kings of Judah, and in the days of Jeroboam the son of Joash, king of Israel.
Dubbiin Waaqayyoo kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha:
2 When YHWH spoke at the first by Hosea, YHWH said to Hosea, "Go, take for yourself a wife of prostitution and children of unfaithfulness; for the land commits great adultery, forsaking YHWH."
Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.”
3 So he went and took Gomer the daughter of Diblaim; and she conceived, and bore him a son.
Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef.
4 YHWH said to him, "Call his name 'Jezreel,' for yet a little while, and I will avenge the blood of Jezreel on the house of Jehu, and will cause the kingdom of the house of Israel to cease.
Kana irratti Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa.
5 It will happen in that day that I will break the bow of Israel in the Valley of Jezreel."
Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.”
6 She conceived again, and bore a daughter. Then he said to him, "Call her name 'No Compassion,' for I will no longer have compassion on the house of Israel, that I should in any way pardon them.
Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi.
7 But I will have mercy on the house of Judah, and will save them by YHWH their God, and will not save them by bow, or by sword, or by battle, or by chariots, or by horses, or by horsemen."
Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan nan oolcha.”
8 Now when she had weaned No Compassion, she conceived, and bore a son.
Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse.
9 He said, "Call his name 'Not My People,' for you are 'Not my People' and I am 'Not your I AM.'
Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi.
10 Yet the number of the children of Israel will be as the sand of the sea, which can't be measured nor numbered; and it will come to pass that, in the place where it was said to them, "You are 'Not My People,'" they will be called "Children of the Living God."
“Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.
11 The people of Judah and the children of Israel will be gathered together, and they will appoint themselves one head, and will go up from the land; for great will be the day of Jezreel.
Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu.

< Hosea 1 >