< Genesis 4 >

1 Now Adam had marital relations with his wife Eve, and she conceived, and gave birth to Cain, and said, "I have gotten a man from God."
Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin ilma tokko argadheera” jette.
2 Again she gave birth, to Cain's brother Abel. Abel was a keeper of sheep, but Cain was a tiller of the ground.
Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture.
3 As time passed, it happened that Cain brought an offering to God from the fruit of the ground.
Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiʼeesse.
4 And Abel also brought some of the firstborn of his flock and of its fat. And God looked favorably on Abel and his offering,
Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale.
5 but he did not look favorably on Cain and his offering. Cain was very angry, and the expression on his face fell.
Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe.
6 God said to Cain, "Why are you angry? Why has the expression of your face fallen?
Waaqayyos Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe?
7 If you do well, will it not be lifted up? If you do not do well, sin lies in wait at the door. It desires to control you, but you must rule over it."
Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.”
8 Cain said to Abel, his brother, "Let's go into the field." It happened when they were in the field, that Cain rose up against Abel, his brother, and killed him.
Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese.
9 Then God said to Cain, "Where is Abel, your brother?" He said, "I do not know. Am I my brother's keeper?"
Waaqayyos, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise.
10 And God said, "What have you done? The voice of your brother's blood cries out to me from the ground.
Waaqayyo akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira.
11 Now you are cursed because of the ground, which has opened its mouth to receive your brother's blood from your hand.
Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta.
12 From now on, when you till the ground, it won't yield its strength to you. You shall be a fugitive and a wanderer in the earth."
Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata.”
13 Cain said to God, "My punishment is greater than I can bear.
Qaayin immoo Waaqayyoon akkana jedhe; “Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol.
14 Look, you have driven me out this day from the surface of the ground. I will be hidden from your face, and I will be a fugitive and a wanderer in the earth. It will happen that whoever finds me will kill me."
Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa.”
15 And God said to him, "Not so. Whoever kills Cain vengeance will be taken on him sevenfold." And God appointed a sign for Cain, lest any finding him should strike him.
Waaqayyo garuu, “Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama” jedheen. Waaqayyos akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe.
16 So Cain went out from the presence of God and lived in the land of Nod, east of Eden.
Ergasiis Qaayin fuula Waaqayyoo duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.
17 Cain had marital relations with his wife, and she conceived and gave birth to Enoch. He built a city and called the name of the city after the name of his son, Enoch.
Qaayin niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaayinis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame.
18 To Enoch was born Irad, and Irad became the father of Mehaiel, and Mehaiel became the father of Methushael, and Methushael became the father of Lamech.
Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche.
19 Lamech took two wives: the name of the one was Adah, and the name of the other Zillah.
Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe.
20 Adah gave birth to Jabal, who was the father of those who dwell in tents and have livestock.
Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture.
21 His brother's name was Jubal, who was the father of all who play the harp and flute.
Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti.
22 Zillah also gave birth to Tubal Cain, who heated metal and shaped instruments of bronze and iron. Tubal Cain's sister was Naamah.
Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaayin jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaayinis Naʼamaa turte.
23 Lamech said to his wives, "Adah and Zillah, hear my voice. You wives of Lamech, listen to my speech, for I have slain a man for wounding me, a young man for bruising me.
Laameh niitota isaatiin akkana jedhe; “Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa; yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa. Nama tokko waan inni na madeesseef, dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera.
24 If Cain will be avenged seven times, truly Lamech seventy-seven times."
Yoo Qaayiniif dachaa torba haaloon baafame Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama.”
25 Adam had marital relations with his wife again, and she gave birth to a son, and named him Seth, saying, "For God has appointed me another child instead of Abel, for Cain killed him."
Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, “Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera” jettee “Seeti” jettee moggaafte.
26 And a son was also born to Seth, and he named him Enosh. This one began to call on the name of God.
Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase. Bara sana namoonni maqaa Waaqayyoo waammachuu jalqaban.

< Genesis 4 >