< Genesis 24 >

1 Now Abraham was old, well advanced in days, and YHWH had blessed Abraham in all things.
Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; Waaqayyos waan hundumaan isa eebbise.
2 And Abraham said to his servant, the elder of his household, who was in charge over all that he had, "Please put your hand under my thigh,
Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi.
3 and I will make you swear by the God of heaven and earth, that you must not take a wife for my son from the daughters of the Canaanites, among whom I am living,
Ani akka ati intallan warra Kanaʼaan kanneen ani gidduu isaanii jiraadhuu keessaa ilma kootiif niitii hin fidneef Waaqayyo Waaqa samiitii fi Waaqa lafaatiin kakattu nan barbaada;
4 but you must go to my country and to my relatives, and get a wife for my son Isaac."
garuu gara biyya kootii fi gara firoota koo dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif niitii barbaadi.”
5 And the servant asked him, "What if the woman isn't willing to follow me to this land? Must I then bring your son back to the land from which you came?"
Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate.
6 Then Abraham told him, "Be careful that you do not take my son back there.
Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu.
7 Now the God of heaven, who took me from my father's household and from the land of my birth, who spoke to me and promised me on oath, saying, 'I will give this land to your offspring' -- he will send his angel before you, and you will get a wife for my son from there.
Waaqayyo Waaqni samii inni mana abbaa kootii fi biyya ani itti dhaladhe keessaa na fidee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna’ jechuudhaan natti dubbatee kakatee waadaa naa seene sun akka ati achii ilma kootiif niitii fidduuf ergamaa isaa fuula kee dura ni erga.
8 But if the woman isn't willing to follow you, then you will be free from this oath to me. Only you must not bring my son back there."
Yoo dubartiin sun si wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baatte immoo ati kakuu koo kana irraa bilisa taata. Ilma koo garuu gonkumaa achi hin deebisin.”
9 So the servant put his hand under the thigh of his master Abraham and gave his oath to him concerning this matter.
Kanaafuu tajaajilaan sun harka isaa gudeeda gooftaa isaa Abrahaam jala kaaʼee waaʼee waan kanaa kakateef.
10 Then the servant took ten camels from his master's camels and departed, having a variety of good things from his master at his disposal, and he set out and went to Aram Naharaim, to the city of Nahor.
Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe.
11 And he made the camels kneel down outside the city by the well of water at the time of evening, the time when women go out to draw water.
Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture.
12 Then he said, "God of my master Abraham, please grant me success today and show kindness to my master Abraham.
Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam, harʼa na milkeessiitii gooftaa koo Abrahaamiif garaa laafi.
13 Look, I am standing by the spring of water, and the daughters of the men of the city are coming out to draw water.
Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheen jira; intallan warra magaalaa kanaas bishaan waraabbachuuf as baʼaa jiru.
14 Now may it happen that the young woman to whom I will say, 'Please lower your jug that I may drink,' and she answers, 'Drink, and I will also give your camels a drink,'—her you have chosen for your servant Isaac. By this I will know that you have shown kindness to my master."
Intalli ani, ‘Maaloo akka ani bishaan dhuguuf okkotee kee gad qabi’ jedheenii isheenis, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees siifin obaasaa’ naan jettu ishee ati garbicha kee Yisihaaqiif filatte haa taatu. Anis kanaan akka ati gooftaa kootiif garaa laafte beeka.”
15 And it happened, before he had finished speaking, that look, Rebekah was coming out with her jug on her shoulder—who was born to Bethuel the son of Milcah, the wife of Nahor, Abraham's brother.
Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti.
16 Now the young woman was very beautiful in appearance, a virgin; no man had ever slept with her. And she went down to the spring and filled her jug and came up.
Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite.
17 Then the servant ran to meet her, and said, "Please give me a little water to drink from your jug."
Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen.
18 So she said, "Drink, my lord." And she hurried and let down her jug to her hands, and gave him a drink.
Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef.
19 Now when she had finished giving him a drink, she said, "I will also draw for your camels, until they have finished drinking."
Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette.
20 So she hurried and emptied her jug into the trough and ran again to the well to draw, and drew for all his camels.
Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde.
21 And the man watched her in silence so as to know whether God had made his journey successful or not.
Namichi sunis akka Waaqayyo karaa isaaf milkeesse yookaan akka isaaf hin milkeessin baruuf jedhee calʼisee xiyyeeffatee ishee ilaalaa ture.
22 And it happened, as the camels had finished drinking, that the man took a gold ring weighing a beka, which he put on her nose, and two bracelets for her hands weighing ten pieces of gold,
Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee,
23 and said, "Whose daughter are you? Please tell me, is there room in your father's house for us to lodge?"
“Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate.
24 Then she said to him, "I am the daughter of Bethuel, the son of Milcah, whom she bore to Nahor."
Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette.
25 And she also said to him, "We have plenty of straw and fodder, and room to lodge."
Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen.
26 Then the man bowed his head and worshiped God,
Namichis gad jedhee Waaqayyoof sagade;
27 and said, "Blessed be the God of my master Abraham, who has not forsaken his loving kindness and his truth toward my master. As for me, he has led me on the journey to the house of my master's relatives."
akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni gooftaa koo Abrahaam kan arjummaa isaatii fi amanamummaa isaa gooftaa koo hin dhowwatin sun haa eebbifamu. Waaqayyo anas gara mana obboloota gooftaa kootti karaa irra na qajeelcheera.”
28 Then the young woman ran, and told her mother's household about these words.
Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte.
29 Now Rebekah had a brother, and his name was Laban, and he ran out to the man at the spring.
Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe.
30 And it happened, when he saw the nose ring and the bracelets on his sister's wrists, and when he heard the words of Rebekah his sister, saying, "This is what the man said to me," that he went to the man. And look, he was standing by the camels at the spring.
Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture.
31 And he said, "Come in, you blessed of God. Why do you stand outside? For I have prepared the house and room for the camels."
Namicha sanaanis, “Yaa namicha Waaqayyo eebbise, kottu; ati maaliif ala dhaabatta? Ani manicha qopheesseera; gaalawwaniifis iddoo qopheesseera” jedhe.
32 So the man went into the house and he unloaded the camels. And he gave straw and fodder for the camels, and water to wash his feet and the feet of the men who were with him.
Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne.
33 And he set before him food to eat, but he said, "I will not eat until I have told my message." And he said, "Say it."
Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe. Laabaanis, “Himadhukaa” jedheen.
34 So he said, "I am Abraham's servant.
Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
35 And the Lord has blessed my master greatly, so that he has become great, and he has given him sheep and cattle, and silver and gold, and male servants and female servants, camels and donkeys.
Waaqayyo, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera.
36 And Sarah my master's wife bore a son to my master when she was old, and to him he has given all that he has.
Niitiin gooftaa kootii Saaraan bara dulluma ishee keessa ilma isaaf deesse; innis waan qabu hunda ilma isaatiif kenneera.
37 Now my master put me under oath, saying, 'You must not take a wife for my son from the daughters of the Canaanites, in whose land I live,
Gooftaan koo akkana jedhee na kakachiise; ‘Ati intallan Kanaʼaan kanneen ani biyya isaanii keessa jiraadhu keessaa ilma koof niitii hin fidin;
38 but you must go to my father's house, and to my relatives, and get a wife for my son.'
garuu gara mana abbaa kootii fi gara gosa koo dhaqiitii ilma kootiif niitii fidi.’
39 And I said to my master, 'What if the woman will not follow me?'
“Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe.
40 But he said to me, 'God, before whom I walk, will send his angel with you, and make your journey successful, and you will get a wife for my son from my relatives, and of my father's house.
“Innis akkana naan jedhe; ‘Waaqayyo inni ani fuula isaa dura jiraadhu ergamaa isaa si wajjin ergee karaa kee siif milkeessa; atis gosa koo fi mana abbaa koo keessaa ilma kootiif niitii ni fidda.
41 Then will you be free from my oath, when you come to my relatives. And if they do not give her to you, then you will be free from my oath.'
Ati yommuu gara gosa koo dhaqxu kakuu koo irraa bilisa taata; yoo isaan intala sana sitti kennuu didani iyyuu ati kakuu koo irraa bilisa taata.’
42 So today I came to the spring, and said, 'God of my master Abraham, if now you will make my journey successful in which I go—
“Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa Waaqayyo, Waaqa gooftaa koo Abrahaam yoo fedhii kee taʼe karaa ani deemu naa milkeessi.
43 look, I am standing by this spring of water, and may it happen that the young woman who comes out to draw, to whom I will say, "Please give me a little water from your pitcher to drink,"
Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheera; yoo durbi tokko bishaan waraabbachuu dhuftee ani immoo, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi” jedheenii,
44 and she will say to me, "Drink, and I will also draw for your camels,"—may she be the woman who has been chosen for my master's son.'
isheenis, “Dhugi; ani gaalawwan keetiifis nan waraaba” naan jette, isheen kan Waaqayyo ilma gooftaa kootiif file haa taatu.’
45 Before I had finished praying in my heart, look, Rebekah came out with her jug on her shoulder, and she went down to the spring, and drew. And I said to her, 'Please give me a drink.'
“Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen.
46 And she quickly lowered her jug from her shoulder, and said, 'Drink, and I will also give your camels a drink.' So I drank, and she also gave the camels water.
“Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte.
47 Then I asked her, and said, 'Whose daughter are you?' And she replied, 'The daughter of Bethuel, Nahor's son, whom Milcah bore to him.' So I put the ring on her nose, and the bracelets on her wrists.
“Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe. “Ishee immoo, ‘Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha’ jette. “Anis funyaan isheetti amartii, harka isheetti immoo bitawoo nan kaaʼe.
48 Then I bowed my head and worshiped God, and blessed the God of my master Abraham, who had guided me on the right road to find the granddaughter of my master's brother for his son.
Anis gad jedhee Waaqayyoof nan sagade; Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam isa akka ani intala fira isaa ilma isaatiif geessu karaa qajeelaa irra na buuse sana nan eebbise.
49 Now if you will show kindness and truth to my master, tell me. And if not, tell me, that I may turn to the right hand, or to the left."
Egaa isin yoo gooftaa kootti garaa laafummaa fi amanamummaa argisiiftan natti himaa; yoo taʼuu baate immoo akka ani gara bitaatti yookaan gara mirgaatti goru natti himaa.”
50 Then Laban and Bethuel answered, "The matter comes from God. We can't speak to you bad or good.
Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun Waaqayyo biraa dhufe; nu waan hamaa yookaan waan tolaa sitti dubbachuu hin dandeenyu.
51 Look, Rebekah is before you. Take, and go, and let her become the wife of your master's son, as God has spoken."
Kunoo, Ribqaan fuula kee dura jirti; ishee fudhadhuu deemi; isheenis akkuma Waaqayyo dubbatetti niitii ilma gooftaa keetii haa taatu.”
52 And it happened when Abraham's servant heard their words, that he bowed himself down to the ground.
Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee Waaqayyoof sagade.
53 Then the servant brought out articles of silver and articles of gold, and clothing, and gave them to Rebekah. And he also gave valuable gifts to her brother and to her mother.
Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne.
54 Then he and the men who were with him ate and drank, and spent the night. Then they got up in the morning, and he said, "Send me away to my master."
Innii fi namoonni isa wajjin turanis nyaatanii dhuganii achuma bulan. Yommuu isaan guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti tajaajilaan sun, “Akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” jedhe.
55 But her brother and her mother said, "Let the young woman stay with us ten days or so. After that she may go."
Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan.
56 He said to them, "Do not delay me, seeing that he has made my journey successful. Send me away that I may go to my master."
Inni garuu, “Erga Waaqayyo karaa koo naa milkeessee isin na hin tursinaa; akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” isaaniin jedhe.
57 Then they said, "We will call the young woman and ask her."
Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan.
58 So they called Rebekah, and said to her, "Will you go with this man?" And she replied, "I will go."
Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan. Isheenis, “Ani nan deema” jette.
59 So they sent away their sister Rebekah, and her nurse, and Abraham's servant, and his men.
Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan.
60 And they blessed Rebekah, and said to her, "Our sister, may you be the mother of thousands of ten thousands, and may your descendants possess the gate of those who hate them."
Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan; “Yaa obboleettii keenya, kumaa kumaatama taʼi; sanyiin kee karra diinota isaa haa dhaalu.”
61 And Rebekah and her female servants got ready, and they rode on the camels and followed the man. So the servant took Rebekah and went on his way.
Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme.
62 Now Isaac had come from the way of Beer Lahai Roi, for he was living in the land of the Negev.
Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture.
63 And Isaac went out to walk in the field in the early evening. And he lifted up his eyes and looked, and look, he saw camels approaching.
Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge.
64 And Rebekah lifted up her eyes, and when she saw Isaac, she dismounted from the camel.
Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee
65 And she asked the servant, "Who is the man who is walking in the field to meet us?" And the servant said, "It is my master." Then she took her veil and covered herself.
tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte. Tajaajilaan sunis, “Inni gooftaa koo ti” jedhee deebiseef. Kanaafuu haguuggii ishee fudhattee ofitti haguugde.
66 And the servant told Isaac all the things that he had done.
Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime.
67 Then Isaac brought her into his mother Sarah's tent, and took Rebekah, and she became his wife. And he loved her. So Isaac was comforted after his mother's death.
Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.

< Genesis 24 >