< Deuteronomy 10 >

1 At that time YHWH said to me, "Cut two tablets of stone like the first, and come up to me onto the mountain, and make an ark of wood.
Yeroo sanas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu.
2 I will write on the tables the words that were on the first tables which you broke, and you shall put them in the ark."
Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.”
3 So I made an ark of acacia wood, and cut two tablets of stone like the first, and went up onto the mountain, having the two tablets in my hand.
Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe.
4 He wrote on the tables, according to the first writing, the ten commandments, which YHWH spoke to you on the mountain out of the midst of the fire in the day of the assembly: and YHWH gave them to me.
Waaqayyo guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Waaqayyos gabateewwan kanneen natti kenne.
5 I turned and came down from the mountain, and put the tables in the ark which I had made; and there they are as YHWH commanded me.
Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Waaqayyo na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.
6 (The children of Israel traveled from Beeroth Bene Jaakan to Moserah. There Aaron died, and there he was buried; and Eleazar his son ministered in the priest's office in his place.
Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe.
7 From there they traveled to Gudgodah; and from Gudgodah to Jotbathah, a land of brooks of water.
Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban.
8 At that time YHWH set apart the tribe of Levi, to bear the ark of the covenant of YHWH, to stand before YHWH to minister to him, and to bless in his name, to this day.
Yeroo sanatti Waaqayyo gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Waaqayyoo baatuuf, akka fuula Waaqayyoo dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase.
9 Therefore Levi has no portion nor inheritance with his brothers; YHWH is his inheritance, according as YHWH your God spoke to him.)
Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Waaqayyo Waaqni kee isaanitti himetti, Waaqayyo dhaala isaanii ti.
10 I stayed on the mountain, as at the first time, forty days and forty nights: and YHWH listened to me that time also, and YHWH would not destroy you.
Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Waaqayyo ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu.
11 YHWH said to me, "Arise, take your journey before the people; and they shall go in and possess the land, which I swore to their fathers to give to them."
Waaqayyos, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe.
12 Now, Israel, what does YHWH your God require of you, but to fear YHWH your God, to walk in all his ways, and to love him, and to serve YHWH your God with all your heart and with all your soul,
Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,
13 to keep the commandments of YHWH, and his statutes, which I command you this day for your good?
akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
14 Look, to YHWH your God belongs heaven and the heaven of heavens, the earth, with all that is in it.
Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Waaqayyo Waaqa keetii ti.
15 Only YHWH had a delight in your fathers to love them, and he chose their descendants after them, even you above all peoples, as at this day.
Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Waaqayyo jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate.
16 Circumcise therefore the foreskin of your heart, and be no more stiff-necked.
Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa.
17 For YHWH your God, he is God of gods, and Lord of lords, the great God, the mighty, and the awesome, who doesn't respect persons, nor takes reward.
Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii.
18 He does execute justice for the fatherless and widow, and loves the foreigner, in giving him food and clothing.
Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata.
19 Therefore love the foreigner; for you were foreigners in the land of Egypt.
Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.
20 You shall fear YHWH your God; you shall serve him; and you shall cling to him, and you shall swear by his name.
Waaqayyo Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu.
21 He is your praise, and he is your God, who has done for you these great and awesome things, which your eyes have seen.
Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.
22 Your fathers went down into Egypt with seventy persons; and now YHWH your God has made you as the stars of the sky for multitude.
Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Waaqayyo Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera.

< Deuteronomy 10 >