< Daniel 7 >

1 In the first year of Belshazzar king of Babylon Daniel had a dream and visions in his mind on his bed. Then he wrote the dream and told the summary of it.
Bara Beelshaazaar mootii Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼata arge. Abjuu sanas barreessee waan arges ibse.
2 Daniel spoke and said, "I saw in my vision by night, and, look, the four winds of the sky broke forth on the great sea.
Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni samii afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan.
3 Four great animals came up from the sea, different from one another.
Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan.
4 The first was like a lion, and had eagle's wings. I saw until its wings were plucked, and it was lifted up from the earth, and made to stand on two feet as a man; and a man's mind was given to it.
“Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef.
5 And look, another animal, a second one, like a bear; and it was raised up on one side, and three ribs were in its mouth between its teeth. And they said this to it, 'Arise, devour much flesh.'
“Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan.
6 After this I saw, and look, another one, like a leopard, which had on its back four wings of a bird. The animal also had four heads; and dominion was given to it.
“Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname.
7 After this I saw in the night visions, and look, a fourth animal, awesome and powerful, and extremely strong. And it had great iron teeth. It devoured and broke in pieces, and stamped what was left with its feet. And it was diverse from all the animals that were before it; and it had ten horns.
“Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture.
8 I considered the horns, and look, there came up among them another horn, a little one, before which three of the first horns were plucked up by the roots. And look, in this horn were eyes like the eyes of a man, and a mouth speaking arrogant things.
“Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.
9 I saw until thrones were placed, and the Ancient of Days took his seat. His clothing was white as snow, and the hair of his head like pure wool. His throne was fiery flames, and its wheels burning fire.
“Utuma ani ilaaluu, “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
10 A fiery stream issued and came forth from before him. Thousands of thousands ministered to him, and ten thousand times ten thousand stood before him. The court sat in judgment, and the books were opened.
Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.
11 I saw at that time because of the voice of the arrogant words which the horn spoke. I was watching until the animal was killed and its body destroyed and was given to be burned with fire.
“Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale.
12 As for the rest of the animals, their dominion was taken away, yet their lives were prolonged for a season and a time.
Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef.
13 I saw in the night visions, and look, there came with the clouds of the sky one like a son of man, and he came even to the Ancient of Days, and they brought him near before him.
“Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan.
14 There was given him dominion, and glory, and a kingdom, that all the peoples, nations, and languages should serve him. His dominion is an everlasting dominion, which shall not pass away, and his kingdom that which shall not be destroyed.
Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
15 As for me, Daniel, my spirit was grieved in the midst of my body, and the visions of my mind troubled me.
“Ani Daaniʼel hafuura kootiin nan jeeqame; mulʼanni ani arges akka malee na sodaachise.
16 I came near to one of those who stood by, and asked him the true meaning concerning all this. So he told me, and revealed to me the interpretation of these things.
Anis warra achi dhadhaabachaa turan keessaa isa tokkotti dhiʼaadhee hiikkaa dhugaa kan waan kana hundaa nan gaafadhe. “Kanaafuu inni natti himee akkana jedhee hiikkaa waan kanaa anaaf ibse:
17 These great animals, which are four, are four kings, who shall arise out of the earth.
‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha.
18 But the holy ones of the Most High shall receive the kingdom, and possess the kingdom forever, forever and ever.
Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
19 Then I desired to know the true meaning concerning the fourth animal, which was different from all of them, exceedingly terrible, whose teeth were of iron, and its claws of bronze; which devoured, broke in pieces, and stamped what was left with its feet.
“Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade.
20 And concerning the ten horns that were on its head, and the other horn which came up, and before which three fell, even that horn that had eyes, and a mouth that spoke arrogant things, whose look was larger than the others.
Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade.
21 I saw, and the same horn made war with the holy ones, and prevailed against them,
Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture;
22 until the Ancient of Days came, and judgment was given to the holy ones of the Most High, and the time came that the holy ones possessed the kingdom.
kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Waaqa Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe.
23 This he said, 'The fourth animal shall be a fourth kingdom on earth, which shall be different from all the kingdoms, and shall devour the whole earth, and shall tread it down, and break it in pieces.
“Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha.
24 As for the ten horns, out of this kingdom shall ten kings arise, and another shall arise after them; and he shall be diverse from the former, and he shall put down three kings.
Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata.
25 He shall speak words against the Most High, and shall oppress the holy ones of the Most High; and he shall think to change the times and the law; and they shall be given over to him until a time and times and half a time.
Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.
26 And the court shall sit in judgment, and they shall take away his dominion, consumed and completely destroyed forever.
“‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
27 The kingdom and the dominion, and the greatness of the kingdoms under the whole heaven, shall be given to the people of the holy ones of the Most High. His kingdom is an everlasting kingdom, and all dominions shall serve and obey him.'
Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
28 Here is the end of the matter. As for me, Daniel, my thoughts troubled me greatly, and my face turned pale. I kept the matter to myself."
“Dhumni waan sanaa kana. Ani Daaniʼel yaada kootiin akka malee nan dhiphadhe; fuulli koo ni geeddarame; ani garuu waan sana garaa kootti qabadheen ture.”

< Daniel 7 >