< 2 Chronicles 31 >

1 Now when all this was finished, all Israel who were present went out to the cities of Judah, and broke in pieces the pillars, and cut down the Asherim, and broke down the high places and the altars out of all Judah and Benjamin, in Ephraim also and Manasseh, until they had destroyed them all. Then all the children of Israel returned, every man to his possession, into their own cities.
Yommuu wanni kun hundi xumurametti Israaʼeloonni achi turan gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqanii dhagaawwan waaqeffannaa caccabsan; siidaawwan Aasheeraa ni kukkutan. Iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa kanneen Yihuudaa, Beniyaam, Efreemii fi Minaasee keessa turan hunda ni balleessan. Israaʼeloonnis erga waan kana hunda balleessanii booddee gara magaalaawwanii fi qabeenya isaaniitti deebiʼan.
2 Hezekiah appointed the divisions of the priests and the Levites after their divisions, every man according to his service, both the priests and the Levites, for burnt offerings and for peace offerings, to minister, and to give thanks, and to praise in the gates of the camp of YHWH.
Hisqiyaasis tokkoo tokkoo isaanii akka isaan akkuma hojii lubummaa isaaniitti yookaan akkuma hojii Lewwummaa isaaniitti aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessaniif, akka isaan karra iddoo Waaqayyo jiraatuu duratti tajaajilaniif, akka isaan galata galchanii fi akka isaan faarfannaa galataa faarfataniif lubootaa fi Lewwota garee gareedhaan ramade.
3 He appointed also the king's portion of his substance for the burnt offerings, for the morning and evening burnt offerings, and the burnt offerings for the Sabbaths, and for the new moons, and for the set feasts, as it is written in the law of YHWH.
Mootichis akkuma Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanatti, aarsaa gubamu kan ganamaa fi galgalaa akkasumas aarsaa gubamu kan Sanbatootaa, Ayyaana Baatiiwwan Haaraa fi guyyaa ayyaana murteeffameetiif qabeenya ofii isaa irraa ni kenne.
4 Moreover he commanded the people who lived in Jerusalem to give the portion of the priests and the Levites, that they might give themselves to the law of YHWH.
Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera Waaqayyootiif of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje.
5 As soon as the commandment came abroad, the children of Israel gave in abundance the first fruits of grain, new wine, and oil, and honey, and of all the increase of the field; and the tithe of all things brought they in abundantly.
Akkuma ajajni sun baʼeenis Israaʼeloonni mataa midhaan isaanii kan jalqabaa irraa, daadhii wayinii haaraa irraa, zayitii fi damma irraa akkasumas waan lafa qotiisaa irraa argamu hunda irraa arjummaadhaan kennan. Waan hunda irraa harka kudhan keessaa harka tokko guddisanii ni fidan.
6 The children of Israel and Judah, who lived in the cities of Judah, they also brought in the tithe of cattle and sheep, and the tithe of dedicated things which were consecrated to YHWH their God, and laid them by heaps.
Namoonni Israaʼelii fi Yihuudaa warri magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatanis loonii fi bushaayee isaanii irraa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas waan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif qulqulleeffame irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni fidan; ni tuulanis.
7 In the third month they began to lay the foundation of the heaps, and finished them in the seventh month.
Isaanis hojii kana jiʼa sadaffaatti jalqabanii jiʼa torbaffaatti fixan.
8 And when Hezekiah and the leaders came and saw the heaps, they blessed YHWH, and his people Israel.
Hisqiyaasii fi qondaaltonni isaa yommuu dhufanii tuullaawwan sana arganitti Waaqayyoon ni galateeffatan; saba isaa Israaʼelinis ni eebbisan.
9 Then Hezekiah questioned the priests and the Levites concerning the heaps.
Hisqiyaasis waaʼee tuullaa sanaa lubootaa fi Lewwota gaafate;
10 Azariah the chief priest, of the house of Zadok, answered him and said, "Since people began to bring the offerings into the house of YHWH, we have eaten and had enough, and have left plenty: for YHWH has blessed his people; and that which is left is this great store."
maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii Waaqayyo saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.”
11 Then Hezekiah commanded them to prepare rooms in the house of YHWH; and they prepared them.
Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan.
12 They brought in the offerings and the tithes and the dedicated things faithfully: and over them Conaniah the Levite was ruler, and Shimei his brother was second.
Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture.
13 Jehiel, and Azaziah, and Nahath, and Asahel, and Jerimoth, and Jozabad, and Eliel, and Ismakiah, and Mahath, and Benaiah, were overseers under the hand of Conaniah and Shimei his brother, by the appointment of Hezekiah the king, and Azariah the ruler of God's house.
Yehiiʼeel, Azaziyaa, Nahaati, Asaaheel, Yeriimooti, Yoozaabaad, Eliiʼeel, Yismakiyaa, Mahatii fi Benaayaa, Konaneyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii jalatti toʼattoota taʼanii Hisqiyaas mootichaa fi Azaariyaa itti gaafatamaa mana qulqullummaa Waaqaatiin muudaman.
14 Kore the son of Jimnah the Levite, the keeper of the east gate, was over the freewill offerings of God, to distribute the offerings of YHWH, and the most holy things.
Qooraahi ilmi Yimnaa Lewwichi, eegduun Karra Baʼaa sun kennaa fedhiidhaan Waaqaaf kenname irratti, akkasumas buusii Waaqayyoof godhamee fi kennaawwan qulqulleeffaman qooduu irratti itti gaafatamummaa qaba ture.
15 Under him were Eden, and Miniamin, and Jeshua, and Shemaiah, Amariah, and Shecaniah, alongside the priests, to faithfully make disbursements to their brothers by divisions, as well to the great as to the small:
Eeden, Miiniyaamiin, Yeeshuuʼaan, Shemaaʼiyaan, Amariyaa fi Shekaaniyaan magaalaawwan lubootaa keessatti luboota michoota isaaniitiif guddaa fi xinnaa akkuma tokkotti garee garee isaaniitti isaaniif qooduudhaan amanamummaadhaan isa gargaaran.
16 besides those who were reckoned by genealogy of males, from three years old and upward, even everyone who entered into the house of YHWH, as the duty of every day required, for their service in their offices according to their divisions.
Kana malees dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi sanaa ol taʼe kanneen maqaan isaanii galmee hidda dhalootaa keessa jiru warra akkuma itti gaafatamummaa isaanii fi ramaddii isaaniitti qooda hojii isaanii kan guyyaa guyyaa hojjetamu hojjechuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu dandaʼan hundaaf akkasuma ni qoodan.
17 This is the enrollment of the priests by their fathers' houses, and the Levites from twenty years old and upward, in their offices by their divisions;
Luboota maatii isaaniitiin galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffamanii fi Lewwota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼeefis akkuma itti gaafatamummaa fi qooda hojii isaaniitti ni ramadaniif.
18 and those who were reckoned by genealogy of all their little ones, their wives, and their sons, and their daughters, through all the congregation: for in their office of trust they sanctified themselves in holiness.
Luboonni kunneen ijoollee isaanii xixinnoo, niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii kanneen waldaa guutuu keessa jiran hunda wajjin ni galmeeffaman; isaan of qulqulleessuudhaan amanamoo turaniitii.
19 Also for the descendants of Aaron the priests, who were in the fields of the suburbs of their cities, in every city, there were men who were mentioned by name, to give portions to all the males among the priests, and to all who were reckoned by genealogy among the Levites.
Luboota sanyiiwwan Aroon kanneen lafa qotiisaa naannoo magaalaawwan isaanii yookaan magaalaawwan biraa keessa jiraataniif, dhiirota garee isaanii kanneen galmee hidda dhaloota Lewwotaa keessatti galmeeffaman hundaaf akka qoodaniif namoonni filatamanii turan.
20 Hezekiah did so throughout all Judah; and he worked that which was good and right and faithful before YHWH his God.
Hisqiyaas waan kana guutummaa Yihuudaa keessatti ni hojjete; innis waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii, qajeelaa fi amanamaa taʼe ni hojjete.
21 In every work that he began in the service of God's house, and in the law, and in the commandments, to seek his God, he did it with all his heart, and prospered.
Innis mana qulqullummaa Waaqaa keessa hojjechuunis taʼu, seeraa fi ajajawwaniif ajajamuudhaan waan hojjete hunda keessatti Waaqa isaa barbaaduudhaaf garaa isaa guutuudhaan ni hojjete; kanaafuu inni ni milkaaʼe.

< 2 Chronicles 31 >