< 2 Chronicles 21 >

1 Jehoshaphat slept with his fathers, and was buried with his fathers in the City of David: and Jehoram his son reigned in his place.
Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2 He had brothers, the sons of Jehoshaphat: Azariah, and Jehiel, and Zechariah, and Azariah, and Michael, and Shephatiah; all these were the sons of Jehoshaphat king of Israel.
Obboloonni Yehooraam ilmaan Yehooshaafaax Azaariyaa, Yehiiʼeel, Zakkaariyaas, Ezaariyaas, Miikaaʼelii fi Shefaaxiyaa jedhaman ture. Isaan kunneen hundi ilmaan Yehooshaafaax mooticha Israaʼel sanaa turan.
3 Their father gave them great gifts, of silver, and of gold, and of precious things, with fortified cities in Judah: but the kingdom gave he to Jehoram, because he was the firstborn.
Abbaan isaaniis kennaa meetii, kan warqeetii fi miʼoota gatii guddaa baasanii akkasumas magaalaawwan Yihuudaa keessaa kanneen dallaa jabaa qaban isaanii kenne; garuu sababii inni hangafa taʼeef mootummaa isaa Yehooraamiif kenne.
4 Now when Jehoram was risen up over the kingdom of his father, and had strengthened himself, he killed all his brothers with the sword, and various also of the princes of Israel.
Yehooraam erga mootummaa abbaa isaa irratti jabaatee dhaabatee booddee obboloota isaa hundaa fi qondaaltota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ni fixe.
5 Jehoram was thirty-two years old when he began to reign; and he reigned eight years in Jerusalem.
Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
6 He walked in the way of the kings of Israel, as did the house of Ahab; for he had the daughter of Ahab as wife: and he did that which was evil in the sight of YHWH.
Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
7 However YHWH would not destroy the house of David, because of the covenant that he had made with David, and as he promised to give a lamp to him and to his children always.
Taʼus Waaqayyo sababii Daawit wajjin kakuu galeef mana Daawit balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni isaa fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
8 In his days Edom revolted from under the hand of Judah, and made a king over themselves.
Bara Yehooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
9 Then Jehoram passed over with his captains, and all his chariots with him: and he rose up by night, and struck the Edomites who surrounded him, along with the captains of the chariots.
Kanaafuu Yehooraam qondaaltota isaatii fi gaariiwwan isaa hunda wajjin achi dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe.
10 So Edom revolted from under the hand of Judah to this day: then Libnah revolted at the same time from under his hand, because he had forsaken YHWH, the God of his fathers.
Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis sababii Yehooraam Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef yeruma sanatti fincile.
11 Moreover he made high places in the mountains of Judah, and made the inhabitants of Jerusalem to play the prostitute, and led Judah astray.
Tulluuwwan Yihuudaa irrattis iddoowwan sagadaa ijaaree akka namoonni Yerusaalem sagaagalan gochuudhaan Yihuudaa karaa irraa jalʼise.
12 A letter came to him from Elijah the prophet, saying, "Thus says YHWH, the God of David your father, 'Because you have not walked in the ways of Jehoshaphat your father, nor in the ways of Asa king of Judah,
Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha: “Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: ‘Ati karaa abbaa kee Yehooshaafaax irra yookaan karaa Aasaa mooticha Yihuudaatti hin adeemne.
13 but have walked in the way of the kings of Israel, and have made Judah and the inhabitants of Jerusalem to play the prostitute, like the house of Ahab did, and also have slain your brothers of your father's house, who were better than yourself:
Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe.
14 look, YHWH will strike with a great plague your people, and your children, and your wives, and all your substance;
Kanaafuu Waaqayyo amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira.
15 and you shall have great sickness by disease of your bowels, until your bowels fall out by reason of the sickness, day by day.'"
Ati mataan kee iyyuu dhukkuba marʼumaanii kan guyyaa guyyaadhaan hammaachaa deemuun qabamta; dhuma irrattis dhukkubichi marʼumaan kee alatti yaasa.’”
16 YHWH stirred up against Jehoram the spirit of the Philistines, and of the Arabians who are beside the Ethiopians:
Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase.
17 and they came up against Judah, and broke into it, and carried away all the substance that was found in the king's house, and his sons also, and his wives; so that there was never a son left him, except Jehoahaz, the youngest of his sons.
Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef.
18 After all this YHWH struck him in his bowels with an incurable disease.
Waan kana hundaa booddee Waaqayyo dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe.
19 It happened, in process of time, at the end of two years, that his bowels fell out by reason of his sickness, and he died of severe diseases. His people made no burning for him, like the burning of his fathers.
Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
20 Thirty-two years old was he when he began to reign, and he reigned in Jerusalem eight years: and he departed without being desired; and they buried him in the City of David, but not in the tombs of the kings.
Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne.

< 2 Chronicles 21 >