< 1 Kings 18 >

1 And it happened after many days that the word of YHWH came to Elijah, in the third year, saying, "Go, present yourself to Ahab, and I will send rain on the earth."
Yeroo dheeraa booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Waaqayyoo, “Dhaqiitii Ahaabitti of mulʼisi; anis lafa irratti bokkaa nan roobsaa” jedhee gara Eeliyaas dhufe.
2 So Elijah went to present himself to Ahab. And the famine was severe in Samaria.
Kanaafuu Eeliyaas Ahaabitti of mulʼisuu dhaqe. Yeroo kanatti Samaariyaa keessatti beelli hammaatee ture.
3 And Ahab summoned Obadiah, the steward of the house. (Now Obadiah feared YHWH greatly.
Ahaabis Obaadiyaa itti gaafatama masaraa mootummaa isaa waamee ture. Obaadiyaan nama akka malee Waaqayyoon sodaatu ture.
4 And it came about, when Jezebel was killing the prophets of YHWH, that Obadiah took one hundred prophets and hid them, fifty by fifty in a cave, and fed them with bread and water.)
Yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
5 And Ahab said to Obadiah, "Go through the land, to all the springs of water, and to all the wadis. Perhaps we may find grass and save the horses and mules alive, that we not lose all the animals."
Ahaabis Obaadiyaadhaan akkana jedhe; “Biyyattii keessa deemiitii gara burqaawwanii fi sululawwan hundaa dhaqi. Akka horii keenya keessaa tokko iyyuu nu jalaa hin duuneef fardeenii fi gaangolii keenya jiraachifachuuf marga muraasa arganna taʼaatii.”
6 So they divided the land between them to explore it; Ahab went one way alone, and Obadiah went another way alone.
Kanaafuu isaan biyya keessa deemanii waliin gaʼuu barbaadan sana gargari qooddatan; Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan immoo karaa kaan qajeele.
7 And as Obadiah was on the way, look, Elijah met him; and he recognized him and fell on his face and said, "Is it you, my lord Elijah?"
Utuma Obaadiyaan karaa deemuu Eeliyaas isatti dhufe. Obaadiyaan isa beekee gad jedhee harka fuudhee, “Eeliyaas gooftaan koo dhugumaan siʼii?” jedheen.
8 He answered him, "It is I. Go, tell your lord, 'Look, Elijah is here.'"
Innis deebisee, “Eeyyee, anuma. Dhaqiitii, ‘Eeliyaas as jira’ jedhii gooftaa keetti himi” jedheen.
9 And he said, "How have I sinned, that you would deliver your servant into the hand of Ahab, to kill me?
Obaadiyaanis akkana jedhee gaafate; “Ati akka inni na ajjeesuuf garbicha kee dabarsitee Ahaabitti kennuun kee ani maal balleesseeti?
10 As YHWH your God lives, there is no nation or kingdom, where my lord has not sent to seek you. When they said, 'He is not here,' he took an oath of the kingdom and nation, that they did not find you.
Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, sabni yookaan mootummaan gooftaan koo si barbaaduuf jedhee nama itti hin ergin tokko iyyuu hin jiru. Yeroo sabni yookaan mootummaan tokko, ‘Nu isa hin argine’ jedhutti, inni akka isaan akka si hin argin kakatan godha ture.
11 Now you say, 'Go, tell your lord, "Look, Elijah is here."'
Amma garuu ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta.
12 It will happen, as soon as I am gone from you, that the Spirit of YHWH will carry you I do not know where; and so when I come and tell Ahab, and he can't find you, he will kill me. But I, your servant, have feared YHWH from my youth.
Ani gara Hafuurri Waaqayyoo erga ani si biraa deeme itti si geessu hin beeku. Yoo ani dhaqee Ahaabitti himee inni immoo si arguu baate inni na ajjeesa. Garuu ani garbichi kee dargaggummaa kootii jalqabee Waaqayyoon waaqeffachaan jira.
13 Wasn't it told my lord what I did when Jezebel killed the prophets of YHWH, how I hid one hundred men of YHWH's prophets, fifty by fifty in a cave, and fed them with bread and water?
Yaa gooftaa ko, ati waan ani yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti hojjedhe hin dhageenyee? Ani raajota Waaqayyoo dhibba tokko shantama shantamaan holqa lama keessa dhokseen nyaataa fi bishaan dhiʼeesseef.
14 Now you say, 'Go, tell your lord, "Look, Elijah is here";' and he will kill me."
Amma immoo ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhii gooftaa keetti himi’ naan jetta. Inni dhugumaan na ajjeesa!”
15 Elijah said, "As YHWH of hosts lives, before whom I stand, I will surely present myself to him today."
Eeliyaasis deebisee, “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa, ani harʼa Ahaabitti ofan mulʼisa” jedhe.
16 So Obadiah went to meet Ahab, and told him; and Ahab went to meet Elijah.
Kanaafuu Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti hime; Ahaabis Eeliyaasin Simachuu dhaqe.
17 It happened, when Ahab saw Elijah, that Ahab said to him, "Is that you, you troubler of Israel?"
Innis Eeliyaasin argee, “Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?” jedheen.
18 He answered, "I have not troubled Israel; but you, and your father's house, in that you have forsaken the commandments of YHWH, and you have followed the Baals.
Eeliyaas immoo deebisee akkana jedheen; “Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja Waaqayyoo diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta.
19 Now therefore send, and gather to me all Israel to Mount Carmel, and four hundred fifty of the prophets of Baal, and four hundred of the prophets of the Asherah, who eat at Jezebel's table."
Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Raajota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi raajota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi.”
20 So Ahab sent to all the children of Israel, and gathered the prophets together at Mount Carmel.
Kanaafis Ahaab guutuu Israaʼel keessa ergaa ergee Tulluu Qarmeloos irratti raajota sana walitti qabe.
21 Elijah came near to all the people, and said, "How long will you keep limping between two positions? If YHWH is God, follow him; but if Baal, then follow him." But the people did not answer him a word.
Eeliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, “Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo Waaqayyo Waaqa taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Waaqa taʼe immoo isa faana deemaa” jedhe. Sabni garuu waan tokko illee hin jenne.
22 Then Elijah said to the people, "I, even I only, am left a prophet of YHWH; but the prophets of Baal are four hundred and fifty men, and the prophets of Asherah four hundred.
Eeliyaasis akkana isaaniin jedhe; “Raajota Waaqayyoo keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.
23 Let them therefore give us two bulls; and let them choose one bull for themselves, and cut it in pieces, and lay it on the wood, and put no fire under. And I will prepare the other bull, and lay it on the wood, and put no fire under it.
Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu.
24 You call on the name of your god, and I will call on the name of YHWH, and the god who answers by fire, he is God." All the people answered, "It is well said."
Ergasii isin maqaa Waaqa keessanii waamaa; anis maqaa Waaqayyo nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Waaqa dhugaa ti.” Kana irratti namoonni hundinuu, “Wanni ati jettu kun gaarii dha” jedhan.
25 Then Elijah said to the prophets of Baal, "Choose one bull for yourselves, and prepare it first, for you are the majority, and call on the name of your god, but put no fire under it."
Eeliyaasis raajota Baʼaaliin akkana jedhe; “Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa.”
26 And they took the bull which was given them, and they prepared it, and called on the name of Baal from morning even until noon, saying, "Baal, answer us." But there was no voice, nor any who answered. And they limped about the altar they had made.
Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan. Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shubbisan.
27 And it came about, at noon, that Elijah mocked them, and said, "Cry aloud, for he is a god. Maybe he is thinking about it, or he is busy, or he is on a trip, or perhaps he is sleeping and must be awakened."
Gara saafaattis Eeliyaas, “Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Waaqa! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe.
28 And they cried aloud, and cut themselves, as was their custom, with swords and spears, until the blood gushed out on them.
Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan.
29 And when midday was past, they prophesied until the offering up of the offering; but there was no voice, no answer, and no response.
Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.
30 Elijah said to all the people, "Come near to me"; and all the people came near to him. He repaired the altar of YHWH that had been torn down.
Eeliyaas immoo ergasii saba hundaan, “Mee as gara koo kottaa” jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa Waaqayyoo kan caccabee ture sana deebisee tolche.
31 Elijah took twelve stones, according to the number of the tribes of the sons of Jacob, to whom the word of YHWH came, saying, "Israel shall be your name."
Eeliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaqoob namicha dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Maqaan kee Israaʼel ni taʼa” jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe.
32 And with the stones he built an altar in the name of YHWH. And he made a trench around the altar, large enough to contain two seahs of seed.
Dhagaawwan sanaanis maqaa Waaqayyootiin iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse.
33 And he arranged the wood, and cut the bull in pieces, and laid it on the wood.
Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, “Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa” jedheen.
34 And he said, "Fill four jars with water, and pour it on the burnt offering, and on the wood." And they did so. And he said, "Do it a second time"; and they did it the second time. And he said, "Do it a third time"; and they did it the third time.
Innis, “Amma illee akkasuma godhaa” jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan. Innis, “Yeroo sadaffaaf godhaa” jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan.
35 And the water ran around the altar; and he also filled the trench with water.
Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.
36 It happened at the time of the offering up of the offering, that Elijah the prophet came near, and said, "YHWH, the God of Abraham, of Isaac, and of Israel, let it be known this day that you are God in Israel, and that I am your servant, and that I have done all these things at your word.
Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Eeliyaas raajichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Waaqa taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu.
37 Hear me, YHWH, hear me, that this people may know that you, YHWH, are God, and that you have turned their heart back again."
Yaa Waaqayyo deebii naa kenni; yaa Waaqayyo akka sabni kun akka ati Waaqa taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni.”
38 Then the fire of YHWH fell, and consumed the burnt offering, and the wood, and the stones, and the dust, and licked up the water that was in the trench.
Kana irratti ibiddi Waaqayyoo gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe.
39 And when all the people saw it, they fell facedown and said, "YHWH, he is God. YHWH, he is God."
Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, “Waaqayyo inni Waaqa! Waaqayyo inni Waaqa!” jedhanii iyyan.
40 And Elijah said to them, "Seize the prophets of Baal. Do not let one of them escape." And they seized them. And Elijah brought them down to the Wadi Kishon, and killed them there.
Eeliyaasis, “Raajota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!” jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Eeliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.
41 And Elijah said to Ahab, "Get up, eat and drink; for there is the sound of a heavy rain."
Eeliyaasis Ahaabiin, “Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii” jedhe.
42 So Ahab went up to eat and to drink. Elijah went up to the top of Carmel; and he bowed himself down toward the ground, and put his face between his knees.
Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Eeliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.
43 And he said to his servant, "Go up now, look toward the sea." So he went up, and looked, and said, "There is nothing." Then he said, "Go again" seven times. And the servant went again seven times.
Innis hojjetaa isaatiin, “Dhaqiitii gara galaanaa ilaali” jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale. Innis, “Wanni tokko iyyuu achi hin jiru” jedhe. Eeliyaasis, “Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali” jedheen.
44 It happened at the seventh time, that he said, "Look, a small cloud, like a man's hand, is rising out of the sea." He said, "Go up, tell Ahab, 'Get ready and go down, so that the rain doesn't stop you.'"
Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, “Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira” jedhee itti hime. Kanaafuu Eeliyaas, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi” jedheen.
45 It happened in a little while, that the sky grew black with clouds and wind, and there was a heavy rain. Ahab rode, and went to Jezreel.
Yeruma sana samiin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate.
46 The hand of YHWH was on Elijah; and he tucked his cloak into his belt and ran before Ahab to the entrance of Jezreel.
Humni Waaqayyoos Eeliyaas irra buʼe; innis mudhii isaa hidhatee hamma karra Yizriʼeelitti Ahaab dura darbee fiige.

< 1 Kings 18 >