< Acts 11 >

1 Now the apostles and the brothers who were in Judea heard that the non-Jewish people had also received the word of God.
Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼan.
2 When Peter had come up to Jerusalem, those who were of the circumcision contended with him,
Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman;
3 saying, "You went in to uncircumcised men, and ate with them."
akkanas jedhan; “Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?”
4 But Peter began, and explained to them in order, saying,
Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe.
5 "I was in the city of Joppa praying, and in a trance I saw a vision: a certain container descending, like it was a great sheet let down from heaven by four corners. It came as far as me.
“Ani magaalaa Yoophee keessatti kadhannaa irran ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee samii irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe.
6 When I had looked intently at it, I considered, and saw the four-footed animals of the earth, wild animals, crawling creatures, and birds of the sky.
Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii nan arge.
7 I also heard a voice saying to me, 'Rise, Peter, kill and eat.'
Anis sagalee, ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
8 But I said, 'Not so, Lord, for nothing unholy or unclean has ever entered into my mouth.'
“Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe.
9 But a voice answered the second time out of heaven, 'What God has cleansed, do not call unclean.'
“Sagaleen sunis yeroo lammaffaa samii irraa, ‘Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’ jedhe.
10 This was done three times, and all were drawn up again into heaven.
Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee samiitti ol fudhatame.
11 And look, immediately three men stood before the house where we were, having been sent from Caesarea to me.
“Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan.
12 The Spirit told me to go with them, without discriminating. These six brothers also accompanied me, and we entered into the man's house.
Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne.
13 He told us how he had seen the angel standing in his house, and saying to him, 'Send to Joppa, and get Simon, whose surname is Peter,
Innis akka ergamaa Waaqaa kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; ergamaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi;
14 who will speak to you words by which you will be saved, you and all your house.'
inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’
15 As I began to speak, the Holy Spirit fell on them, even as on us at the beginning.
“Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe.
16 I remembered the word of the Lord, how he said, 'John indeed baptized in water, but you will be baptized in the Holy Spirit.'
Anis waan Gooftaan, ‘Yohannis bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’ jedhee ture sana nan yaadadhe.
17 If then God gave to them the same gift as us, when we believed in the Lord Jesus Christ, who was I, that I could withstand God?"
Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?”
18 When they heard these things, they held their peace, and glorified God, saying, "Then God has also granted to the non-Jews repentance to life."
Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
19 They therefore who were scattered abroad by the oppression that arose about Stephen traveled as far as Phoenicia, Cyprus, and Antioch, speaking the word to no one except to Jews only.
Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman.
20 But there were some of them, men of Cyprus and Cyrene, who, when they had come to Antioch, spoke to the Greeks, proclaiming the good news of the Lord Jesus.
Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Yesuus Giriikotattis himuu jalqaban.
21 The hand of the Lord was with them, and a great number believed and turned to the Lord.
Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.
22 And the report concerning them was heard by the church in Jerusalem, so they sent Barnabas to Antioch,
Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan.
23 who, when he had come, and had seen the grace of God, was glad. He exhorted them all, that with purpose of heart they should remain true to the Lord.
Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse.
24 For he was a good man, and full of the Holy Spirit and of faith, and many people were added to the Lord.
Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.
25 Barnabas went out to Tarsus to look for Saul.
Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe;
26 When he had found him, he brought him to Antioch. It happened, that for a whole year they were gathered together with the church, and taught many people. The disciples were first called Christians in Antioch.
Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.
27 Now in these days, prophets came down from Jerusalem to Antioch.
Gidduudhuma sana raajonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan.
28 One of them named Agabus stood up, and indicated by the Spirit that there should be a great famine all over the world, which also happened in the days of Claudius.
Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe.
29 As any of the disciples had plenty, each determined to send relief to the brothers who lived in Judea;
Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan.
30 which they also did, sending it to the elders by the hands of Barnabas and Saul.
Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan.

< Acts 11 >