< Titus 3 >

1 Remind them to be in subjection to rulers and to authorities, to be obedient, to be ready for every good work,
Ati akka namoonni bulchitootaa fi abbootii taayitaatiif bulan, akka ajajamanii fi akka waan gaarii kam iyyuu hojjechuuf qophaaʼoo taʼan yaadachiisi;
2 to speak evil of no one, not to be contentious, to be gentle, showing courtesy to all people.
akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi.
3 For we were also once foolish, disobedient, deceived, serving various lusts and pleasures, living in malice and envy, hateful, and hating one another.
Nu mataan keenyas duraan warra gowwoota, warra hin ajajamne, warra gowwoomfamnee fi warra dharraa hamaa fi gammachuu gosa hundaatiif garboomfamne turre. Namootaan jibbamaa fi walis jibbaa, hamminaa fi hinaaffaan jiraachaa turre.
4 But when the kindness of God our Savior and his love toward humankind appeared,
Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Waaqaa mulʼatetti garuu,
5 not by works of righteousness, which we did ourselves, but according to his mercy, he saved us, through the mikveh of rebirth and renewing by the Ruach ha-Kodesh,
inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
6 whom he poured out on us richly, through Yeshua the Messiah our Savior;
hafuurri kunis isa Waaqni karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin arjummaadhaan nurratti dhangalaase sana;
7 that, being justified by his grace, we might be made heirs according to the hope of everlasting life. (aiōnios g166)
kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf. (aiōnios g166)
8 This saying is faithful, and concerning these things I desire that you affirm confidently, so that those who have believed God may be careful to maintain good works. These things are good and profitable for people;
Jechi kunis amanamaa dha. Warri Waaqa amanatan akka waan gaarii hojjechuuf of eeggannaan of kennan, akka ati cimsitee waan kana dubbattu nan barbaada. Kunis waan akka malee gaarii fi waan nama hundumaa fayyaduu dha.
9 but shun foolish questionings, genealogies, strife, and disputes about the law; for they are unprofitable and vain.
Ati garuu falmii faayidaa hin qabnee fi hidda dhalootaa lakkaaʼuu irraa, waaʼee seeraa irratti wal mormuu fi wal loluu irraa fagaadhu; kun waan buʼaa hin qabnee fi waan hin fayyadnee dhaatii.
10 Reject a divisive person after a first and second warning;
Nama gargar baʼuu fidu tokko yeroo tokko akeekkachiisi; yeroo lammaffaas akeekkachiisi. Ergasii immoo isa irraa fagaadhu.
11 knowing that such a one is perverted, and sins, being self-condemned.
Namni akkasii akka micciiramaa fi cubbamaa taʼe atuu beekta; inni nama ofuma isaatti muruu dha.
12 When I send Artemas to you, or Tychicus, be diligent to come to me to Nicopolis, for I have determined to winter there.
Ani waanan yeroo gannaa Niqoophiliyoonitti dabarsuuf murteesseef akkuma ani Arxemaas yookaan Xikiqoosin sitti ergeen dafii kottu.
13 Send Zenas, the Law scholar, and Apollos on their journey speedily, that nothing may be lacking for them.
Zenaas abukaattichaa fi Apholoosin imala isaanii irratti gargaaruuf waan dandeessu hunda godhi; waan isaan barbaachisu hunda qabaachuu isaanii illee mirkaneessi.
14 Let our people also learn to maintain good works for necessary uses, that they may not be unfruitful.
Namoonni keenya akka waan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu hojjetanii argatanii fi akka jireenya buʼaa hin qabne hin jiraanneefis waan gaarii hojjechuuf of kennuu barachuu qabu.
15 All who are with me greet you. Greet those who love us in faith. Grace be with you all.
Warri na wajjin jiran hundinuu nagaa siif dhaamu. Warra amantiin nu jaallatanitti nagaa nuuf himi. Ayyaanni hunda keessan wajjin haa taʼu.

< Titus 3 >