< 2 Chronicles 20 >

1 It happened after this, that the people of Moab, and the people of Ammon, and with them some of the Meunites, came against Jehoshaphat to battle.
Kana booddee Moʼaabonnii fi Amoononni Miʼuunota tokko tokko wajjin Yehooshaafaaxin loluuf dhufan.
2 Then some came who told Jehoshaphat, saying, "A great multitude is coming against you from beyond the sea from Edom. Look, they are in Hazazon Tamar" (that is, En Gedi).
Namoonni tokko tokkos dhufanii, “Waraanni akka malee guddaan isaa Edoom gama Galaanaatii sitti dhufaa jira. Duulli kunis kunoo Een Gaadii lafa Hazezoon Taamaar jedhamu gaʼee jira” jedhanii Yehooshaafaaxitti himan.
3 Jehoshaphat was alarmed, and set himself to seek to the LORD. He proclaimed a fast throughout all Judah.
Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef Waaqayyoon waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse.
4 Judah gathered themselves together, to seek help from the LORD. They came out of all the cities of Judah to seek the LORD.
Namoonni Yihuudaas gargaarsa Waaqayyoo barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan.
5 Jehoshaphat stood in the assembly of Judah and Jerusalem, in the house of the LORD, before the new court;
Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee
6 and he said, "O LORD, the God of our fathers, aren't you God in heaven? Aren't you ruler over all the kingdoms of the nations? Power and might are in your hand, so that no one is able to withstand you.
akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, Waaqa abbootii keenyaa, ati Waaqa samii keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
7 Did you not, our God, drive out the inhabitants of this land before your people Israel, and give it forever to the descendants of Abraham your friend?
Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Abrahaam michuu kee sanaaf hin kenninee?
8 They lived in it, and have built you a sanctuary in it for your name, saying,
Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan:
9 'If evil comes on us—the sword, judgment, pestilence, or famine—we will stand before this house, and before you, (for your name is in this house), and cry to you in our affliction, and you will hear and save.'
‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’
10 Now, look, the people of Ammon and Moab and Mount Seir, whom you would not let Israel invade, when they came out of the land of Egypt, but they turned aside from them, and did not destroy them;
“Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru.
11 look, how they reward us, to come to cast us out of your possession, which you have given us to inherit.
Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali.
12 Our God, will you not judge them? For we have no might against this great company that comes against us; neither know we what to do, but our eyes are on you."
Yaa Waaqa keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira.”
13 All Judah stood before the LORD, with their little ones, their wives, and their children.
Namoonni Yihuudaa hundinuu niitota isaanii, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin fuula Waaqayyoo dura dhadhaabatanii turan.
14 Then the Spirit of the LORD came on Jahaziel the son of Zechariah, the son of Benaiah, the son of Jeiel, the son of Mattaniah, the Levite, of the sons of Asaph, in the midst of the assembly;
Yahiziiʼeel ilma Zakkaariyaas ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe.
15 and he said, "Listen, all Judah, and you inhabitants of Jerusalem, and you king Jehoshaphat. Thus says the LORD to you, 'Do not be afraid, neither be dismayed by reason of this great multitude; for the battle is not yours, but God's.
Innis akkana jedhe; “Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Waaqayyo akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti.
16 Tomorrow go down against them. Look, they are coming up by the ascent of Ziz. You shall find them at the end of the valley, before the wilderness of Jeruel.
Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu.
17 You will not need to fight this battle. Set yourselves, stand still, and see the salvation of the LORD with you, O Judah and Jerusalem. Do not be afraid, nor be dismayed. Go out against them tomorrow, for the LORD is with you.'"
Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’”
18 Jehoshaphat bowed his head with his face to the ground; and all Judah and the inhabitants of Jerusalem fell down before the LORD, worshipping the LORD.
Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan.
19 The Levites, of the descendants of the Kohathites and of the descendants of the Korahites, stood up to praise the LORD, the God of Israel, with an exceeding loud voice.
Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel ni galateeffatan.
20 They rose early in the morning, and went forth into the wilderness of Tekoa: and as they went forth, Jehoshaphat stood and said, "Listen to me, Judah, and you inhabitants of Jerusalem. Believe in the LORD your God, so you will be established. Believe his prophets, and you will prosper."
Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, “Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii Waaqayyo Waaqa keessan amanadhaa; raajota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii” jedhe.
21 When he had taken counsel with the people, he appointed those who should sing to the LORD, and give praise in holy array, as they went out before the army, and say, Give thanks to the LORD; for his loving kindness endures forever.
Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii, “Waaqayyoon galateeffadhaa; jaalalli isaa bara baraan jiraataatii” jechaa Waaqayyoon faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.
22 When they began to sing and to praise, the LORD set ambushers against the people of Ammon, Moab, and Mount Seir, who had come against Judah; and they were struck.
Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Waaqayyo namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.
23 For the people of Ammon and Moab stood up against the inhabitants of Mount Seir, utterly to kill and destroy them: and when they had made an end of the inhabitants of Seir, everyone helped to destroy another.
Namoonni Amoonii fi Moʼaab namoota Tulluu Seeʼiir irraa dhufan guutumaan guutuutti barbadeessuudhaaf itti kaʼan. Isaanis erga namoota Seeʼiir dhufan sana fixanii booddee deebiʼanii wal fixan.
24 When Judah came to the place overlooking the wilderness, they looked at the multitude; and look, they were dead bodies fallen to the earth, and there were none who escaped.
Namoonni Yihuudaas yommuu iddoo gara gammoojjiitti garagalee jiru gaʼanii waraana guddaa sana ilaalanitti reeffa lafatti kufe qofa argan; namni tokko iyyuu hin miliqne.
25 When Jehoshaphat and his people came to take their spoil, they found among them in abundance both riches and dead bodies, and precious jewels, which they stripped off for themselves, more than they could carry away: and they were three days in taking the spoil, it was so much.
Kanaafuu Yehooshaafaaxii fi namoonni isaa boojuu isaanii guurrachuu dhaqan; isaanis miʼa lolaa hedduu fi uffata akkasumas miʼoota gatii guddaa baasan kan guurratanii fixuu hin dandeenye achitti ni argatan. Boojuun argames waan akka malee baayʼee tureef walitti qabuuf bultii sadii fudhate.
26 On the fourth day they assembled themselves in the Valley of Berachah; for there they blessed the LORD: therefore the name of that place was called The Valley of Berachah to this day.
Bultii afuraffaatti lafa itti Waaqayyoof galata dhiʼeessan sana Sulula Beraakaa keessatti walitti qabaman. Kanaafuu iddoon suni hamma harʼaatti Sulula Beraakaa jedhamee waamama.
27 Then they returned, every man of Judah and Jerusalem, and Jehoshaphat in their forefront, to go again to Jerusalem with joy; for the LORD had made them to rejoice over their enemies.
Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem sababii Waaqayyo waan isaan ittiin diinota isaanii irratti gammadan isaaniif kenneef Yehooshaafaaxiin hoogganamanii gammachuudhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
28 They came to Jerusalem with stringed instruments and harps and trumpets to the house of the LORD.
Isaanis Yerusaalem seenanii baganaa, kiraaraa fi malakata qabatanii gara mana qulqullummaa Waaqayyoo ni dhaqan.
29 The fear of God was on all the kingdoms of the countries, when they heard that the LORD fought against the enemies of Israel.
Mootummoonni biyyoota hundaas yommuu akka itti Waaqayyo diinota Israaʼel lole dhagaʼanitti Waaqa sodaachuun isaan qabate.
30 So the realm of Jehoshaphat was quiet; for his God gave him rest all around.
Mootummaan Yehooshaafaaxis waan Waaqni isaa karaa hundaan boqonnaa isaaf kenneef nagaadhaan ni jiraate.
31 Jehoshaphat reigned over Judah: he was thirty-five years old when he began to reign; and he reigned twenty-five years in Jerusalem: and his mother's name was Azubah the daughter of Shilhi.
Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
32 He walked in the way of Asa his father, and did not turn aside from it, doing that which was right in the eyes of the LORD.
Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete.
33 However the high places were not taken away; neither as yet had the people set their hearts to the God of their fathers.
Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture.
34 Now the rest of the acts of Jehoshaphat, first and last, look, they are written in the history of Jehu the son of Hanani, which is inserted in the book of the kings of Israel.
Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.
35 After this Jehoshaphat king of Judah joined himself with Ahaziah king of Israel. The same did very wickedly:
Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate.
36 and he joined himself with him to make ships to go to Tarshish; and they made the ships in Ezion Geber.
Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan.
37 Then Eliezer the son of Dodavahu of Mareshah prophesied against Jehoshaphat, saying, "Because you have joined yourself with Ahaziah, the LORD has destroyed your works." The ships were broken, so that they were not able to go to Tarshish.
Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Waaqayyo hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.

< 2 Chronicles 20 >