< 1 Samuel 24 >

1 It happened, when Saul was returned from following the Philistines, that it was told him, saying, "Look, David is in the wilderness of En Gedi."
Erga Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼee booddee, “Daawit Gammoojjii Een Gaad keessa jira” jedhanii isatti himan.
2 Then Saul took three thousand chosen men out of all Israel, and went to seek David and his men on the rocks of the wild goats.
Kana irratti Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo kuma sadii fudhatee Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara Kattaa Reʼoota diidaa dhaqe.
3 He came to the sheep pens by the way, where there was a cave; and Saul went in to relieve himself. Now David and his men were abiding in the innermost parts of the cave.
Saaʼolis gara dallaa hoolotaa kan karaa cinaa sanaa dhufe; holqa tokkotu achi ture; Saaʼolis gad taaʼuuf achi seene. Daawitii fi namoonni isaas holquma sana keessa achi fagaatanii turan.
4 The men of David said to him, "Look, the day of which the LORD said to you, 'Look, I will deliver your enemy into your hand, and you shall do to him as it shall seem good to you.'" Then David arose, and cut off an edge of Saul's robe secretly.
Namoonni Daawitis, “Guyyaan Waaqayyo, ‘Ani akka ati akkuma feete isa gootuuf diina kee dabarsee harka keetti nan kenna’ jedhee waaʼee isaa sitti hime sun harʼa” isaan jedhan. Daawitis lafa irra looʼee utuu hin beekamin fiixee wayyaa Saaʼol irraa kute.
5 It happened afterward, that David's heart struck him, because he had cut off an edge of Saul's robe.
Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe.
6 He said to his men, "The LORD forbid that I should do this thing to my lord, the LORD's anointed, to put forth my hand against him, since he is the LORD's anointed."
Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan Waaqayyo dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa Waaqayyo na haa oolchu; inni dibamaa Waaqayyootii” jedhe.
7 So David persuaded his men with these words and did not allow them to rise up against Saul. Then Saul got up, and went down the road.
Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele.
8 Afterward David also got up and left the cave, and called out after Saul, saying, "My lord the king." When Saul looked behind him, David bowed with his face to the ground and did homage.
Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade.
9 David said to Saul, "Why do you listen to men's words, saying, 'Look, David seeks your harm?'
Innis Saaʼoliin akkana jedhe; “Ati maaliif dubbii namoonni, ‘Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan dhageessa?
10 Look, this day your eyes have seen how that the LORD had delivered you today into my hand in the cave, but I refused to kill you, and my eye spared you; and I said, 'I will not put forth my hand against my lord; for he is the LORD's anointed.'
Akka Waaqayyo holqa kana keessatti dabarsee harka kootti si kenne harʼa ijuma keetiin argiteerta. Namoonni tokko tokko akka ani si ajjeesu na gorsan; ani garuu si ajjeesuu nan dide; anis, ‘Sababii inni dibamaa Waaqayyoo taʼeef, ani gooftaa kootti harka koo ol hin fudhadhun’ jedhe.
11 Now look, the skirt of your robe in my hand. When I cut off the skirt, and did not kill you, know and see that there is neither evil nor disobedience in my hand, and I have not sinned against you, though you hunt for my life to take it.
Yaa abbaa ko, kunoo fiixee wayyaa keetii harka koo keessatti ilaali! Ani fiixee wayyaa keetii nan kute; garuu si hin ajjeefne. Egaa akka ani yakka hin qabnee fi fincilaa hin taʼin hubadhu. Ani homaa si hin goone; ati garuu na ajjeesuuf na adamsaa jirta.
12 May the LORD judge between me and you, and may the LORD avenge me of you; but my hand shall not be on you.
Waaqayyo siʼii fi ana gidduutti murtii haa kennu. Yakka ati natti hojjette Waaqayyo haaloo haa baasu; ani garuu harka kootiinuu si hin tuqu.
13 As the proverb of the ancients says, 'Out of the wicked comes forth wickedness;' but my hand shall not be on you.
Akkuma mammaaksi durii, ‘Namoota hamoo irraa waan hamaatu dhufa’ jedhu sana harki koo si hin tuqu.
14 Against whom has the king of Israel come out? Whom do you pursue? After a dead dog, or one flea?
“Mootiin Israaʼel eenyun adamsuuf gad baʼee? Ati eenyuun ariʼaa jirta? Saree duutee? Tafkiidhaa?
15 May the LORD therefore be judge and give sentence between me and you. May he see and plead my cause, and deliver me out of your hand."
Waaqayyo abbaa murtii nuuf taʼee gidduu keenyatti haa murteessu. Inni dubbii koo ilaalee naaf haa falmu; harka kee jalaas na haa baasu.”
16 It came to pass, when David had made an end of speaking these words to Saul, that Saul said, "Is this your voice, my son David?" Saul lifted up his voice, and wept.
Yeroo Daawit waan kana dubbatee xumuretti Saaʼol, “Daawit yaa ilma ko, kun sagalee keetii?” jedhee gaafate; sagalee ol fudhatees booʼe.
17 He said to David, "You are more righteous than I; for you have done good to me, whereas I have done evil to you.
Innis akkana jedhe; “Ati na caalaa nama qajeelaa dha; yeroo ani waan hamaa sitti yaadetti ati immoo waan gaarii naa goote.
18 And you have declared this day how you have dealt well with me, in that the LORD had delivered me up into your hand and you did not kill me.
Ati waan gaarii naaf goote amma natti himteerta; Waaqayyo dabarsee harka keetti na kennee ture; ati garuu na hin ajjeefne.
19 For if a man finds his enemy, will he let him go away unharmed? Therefore may the LORD reward you good for that which you have done this day.
Namni tokko yeroo diina isaa argutti utuu hin miidhin gad dhiisaa? Waan ati harʼa naa goote kanaaf Waaqayyo gatii siif haa kennu.
20 Now, look, I know that you shall surely be king, and that the kingdom of Israel shall be established in your hand.
Akka ati dhugumaan mootii taatuu fi akka mootummaan Israaʼel harka keetti jabaatee dhaabatu anuu beeka.
21 Swear now therefore to me by the LORD, that you will not cut off my descendants after me, and that you will not destroy my name out of my father's house."
Ati akka sanyii koo hin balleessine yookaan akka maqaa koos maatii abbaa koo keessaa hin balleessine amma maqaa Waaqayyootiin naaf kakadhu.”
22 David swore to Saul. Saul went home; but David and his men went up to the stronghold.
Kana irratti Daawit Saaʼoliif kakate. Ergasii Saaʼol manatti gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu daʼannootti deebiʼan.

< 1 Samuel 24 >