< 1 Kings 22 >

1 They continued three years without war between Aram and Israel.
Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre.
2 It happened in the third year, that Jehoshaphat the king of Judah came down to the king of Israel.
Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe.
3 The king of Israel said to his servants, "You know that Ramoth Gilead is ours, and we are still, and do not take it out of the hand of the king of Aram?"
Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe.
4 He said to Jehoshaphat, "Will you go with me to battle to Ramoth Gilead?" Jehoshaphat said to the king of Israel, "I am as you are, my people as your people, my horses as your horses."
Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koo akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee mooticha Israaʼeliif deebise.
5 Jehoshaphat said to the king of Israel, "Please inquire first for the word of the LORD."
Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
6 Then the king of Israel gathered the prophets together, about four hundred men, and said to them, "Shall I go against Ramoth Gilead to battle, or shall I refrain?" They said, "Go up; for the LORD will deliver it into the hand of the king."
Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Gooftaan dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif.
7 But Jehoshaphat said, "Isn't there here a prophet of the LORD, that we may inquire of him?"
Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
8 The king of Israel said to Jehoshaphat, "There is yet one man by whom we may inquire of the LORD, Micaiah the son of Imlah; but I hate him; for he does not prophesy good concerning me, but evil." Jehoshaphat said, "Do not let the king say so."
Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen.
9 Then the king of Israel called an officer, and said, "Quickly get Micaiah the son of Imlah."
Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
10 Now the king of Israel and Jehoshaphat the king of Judah were sitting each on his throne, arrayed in their robes, in an open place at the entrance of the gate of Samaria; and all the prophets were prophesying before them.
Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
11 Zedekiah the son of Kenaanah made him horns of iron, and said, "Thus says the LORD, 'With these you shall push the Arameans, until they are consumed.'"
Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
12 All the prophets prophesied so, saying, "Go up to Ramoth Gilead, and prosper; for the LORD will deliver it into the hand of the king."
Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
13 The messenger who went to call Micaiah spoke to him, saying, "See now, the prophets declare good to the king with one mouth. Please let your word be like the word of one of them, and speak good."
Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
14 Micaiah said, "As the LORD lives, what the LORD says to me, that I will speak."
Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni natti himu qofan isatti hima” jedhe.
15 When he had come to the king, the king said to him, "Micaiah, shall we go to Ramoth Gilead to battle, or shall we forbear?" He answered him, "Go up and prosper; and the LORD will deliver it into the hand of the king."
Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Miikiyaasis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee ni kennaatii waraanii moʼadhu” jedhee deebise.
16 The king said to him, "How many times do I have to adjure you that you speak to me nothing but the truth in the name of the LORD?"
Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
17 He said, "I saw all Israel scattered on the mountains, as sheep that have no shepherd. The LORD said, 'These have no master. Let them each return to his house in peace.'"
Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’”
18 The king of Israel said to Jehoshaphat, "Did I not tell you that he would not prophesy good concerning me, but evil?"
Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
19 Micaiah said, "Therefore hear the word of the LORD. I saw the LORD sitting on his throne, and all the army of heaven standing by him on his right hand and on his left.
Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: Ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge.
20 The LORD said, 'Who shall entice Ahab, that he may go up and fall at Ramoth Gilead?' One said one thing; and another said another.
Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha.
21 A spirit came out and stood before the LORD, and said, 'I will entice him.'
Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe.
22 The LORD said to him, 'How?' He said, 'I will go out and will be a lying spirit in the mouth of all his prophets.' He said, 'You will entice him, and will also prevail. Go out and do so.'
“Waaqayyos, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen.
23 Now therefore, look, the LORD has put a lying spirit in the mouth of all these your prophets; and the LORD has pronounced disaster against you."
“Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
24 Then Zedekiah the son of Kenaanah came near, and struck Micaiah on the cheek, and said, "Which way did the Spirit of the LORD go from me to speak to you?"
Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
25 Micaiah said, "Look, you will see on that day, when you go into an inner room to hide yourself."
Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
26 The king of Israel said, "Take Micaiah, and carry him back to Amon the governor of the city, and to Joash the king's son.
Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
27 Say, 'Thus says the king, "Put this fellow in the prison, and feed him with bread of affliction and with water of affliction, until I come in peace."'"
‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
28 Micaiah said, "If you return at all in peace, the LORD has not spoken by me." He said, "Listen, all you people."
Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
29 So the king of Israel and Jehoshaphat the king of Judah went up to Ramoth Gilead.
Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
30 The king of Israel said to Jehoshaphat, "I will disguise myself, and go into the battle; but you put on your robes." The king of Israel disguised himself, and went into the battle.
Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
31 Now the king of Aram had commanded the thirty-two captains of his chariots, saying, Fight neither with small nor great, except only with the king of Israel.
Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaa soddomii lamaaniin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
32 It happened, when the captains of the chariots saw Jehoshaphat, that they said, "Surely that is the king of Israel." and they turned aside to fight against him. Jehoshaphat cried out.
Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Dhugumaan kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; garuu yommuu Yehooshaafaax guddisee iyyetti,
33 It happened, when the captains of the chariots saw that it was not the king of Israel, that they turned back from pursuing him.
ajajjoonni gaariiwwaniis akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganii isa ariʼuu dhiisan.
34 A certain man drew his bow at random, and struck the king of Israel between the joints of the armor. Therefore he said to the driver of his chariot, "Turn your hand, and carry me out of the battle; for I am severely wounded."
Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa uffata isaa kan sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi; ani madaaʼeeraatii” jedhe.
35 The battle increased that day. The king was propped up in his chariot facing the Arameans, and died at evening. The blood ran out of the wound into the bottom of the chariot.
Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootichis ol qabamee fuula isaa gara warra Sooriyaatti deebifatee gaarii isaa keessa oole. Madaa isaa keessaas dhiigni yaaʼee gaarii keessa lolaʼe; innis galgaluma sana duʼe.
36 A cry went throughout the army about the going down of the sun, saying, "Every man to his city, and every man to his country."
Akkuma aduun dhiiteen iyyi, “Tokkoon tokkoon namaa gara magaalaa ofii isaatti; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti!” jedhu tokko dhagaʼame.
37 So the king died, and was brought to Samaria; and they buried the king in Samaria.
Kanaafuu mootichi duunaan Samaariyaatti geeffame; isaanis achitti isa awwaalan.
38 They washed the chariot by the pool of Samaria; and the dogs licked up his blood where the prostitutes washed themselves; according to the word of the LORD which he spoke.
Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhee ture sana saroonni dhiiga isaa arraaban.
39 Now the rest of the acts of Ahab, and all that he did, and the ivory house which he built, and all the cities that he built, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
40 So Ahab slept with his fathers; and Ahaziah his son reigned in his place.
Ahaabis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Ahaaziyaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
41 Jehoshaphat the son of Asa began to reign over Judah in the fourth year of Ahab king of Israel.
Yehooshaafaax ilmi Aasaa, bara mootummaa Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa afuraffaatti mootii Yihuudaa taʼe.
42 Jehoshaphat was thirty-five years old when he began to reign; and he reigned twenty-five years in Jerusalem. His mother's name was Azubah the daughter of Shilhi.
Yehooshaafaax yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
43 He walked in all the way of Asa his father; He did not turn aside from it, doing that which was right in the eyes of the LORD: however the high places were not taken away; the people still sacrificed and burnt incense in the high places.
Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii achitti aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas aarsaa turan.
44 Jehoshaphat made peace with the king of Israel.
Yehooshaafaaxis mootii Israaʼel wajjin nagaan jiraata ture.
45 Now the rest of the acts of Jehoshaphat, and his might that he showed, and how he warred, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Judah?
Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa hojjetaman kaan, jabinni inni argisiisee fi haalli inni itti lolaa ture kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
46 The remnant of the male temple prostitutes, that remained in the days of his father Asa, he put away out of the land.
Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse.
47 There was no king in Edom: a deputy was king.
Yeroo sanatti Edoom keessa mootiin tokko iyyuu hin jiru ture; itti aanaa mootiitu biyya bulchaa ture.
48 Jehoshaphat made ships of Tarshish to go to Ophir for gold: but they did not go; for the ships were broken at Ezion Geber.
Yehooshaafaaxis warqee barbaacha Oofiir dhaquuf jedhee dooniiwwan tolfate; dooniiwwan sun garuu sababii Eziyoon Geberitti caccabaniif achi dhaquu hin dandeenye.
49 Then Ahaziah the son of Ahab said to Jehoshaphat, "Let my servants go with your servants in the ships." But Jehoshaphat would not.
Yeroo sana Ahaaziyaa ilmi Ahaab Yehooshaafaaxiin, “Mee namoonni koo namoota kee wajjin dooniin haa deeman” jedhe; Yehooshaafaax garuu ni dide.
50 Jehoshaphat slept with his fathers, and was buried with his fathers in the City of David his father; Jehoram his son reigned in his place.
Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
51 Ahaziah the son of Ahab began to reign over Israel in Samaria in the seventeenth year of Jehoshaphat king of Judah, and he reigned two years over Israel.
Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche.
52 He did that which was evil in the sight of the LORD, and walked in the way of his father, and in the way of his mother, and in the way of Jeroboam the son of Nebat, in which he made Israel to sin.
Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
53 He served Baal, and worshiped him, and provoked to anger the LORD, the God of Israel, according to all that his father had done.
Innis akkuma abbaan isaa godhe sana Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaase.

< 1 Kings 22 >