< 2 Corinthians 1 >

1 To the Church of God which is in Corinth, and to all the saints throughout Greece. from Paul, by God’s will an apostle of Christ, and from brother Timothy.
Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, Gara waldaa kiristaanaa Waaqaa ishee Qorontos jirtuutii fi qulqulloota Akaayaa guutuu keessa jiraatan hundumaatti:
2 Grace to you and peace from God our Father in the Lord Jesus Christ.
Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Thanks be to the God and Father of our Lord Jesus Christ, the Father of tender mercies and the God of all comfort,
Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu;
4 who ever comforts me in all my troubles, so that I may be continually able to comfort those who are in any trouble by the comfort with which God is ever comforting me.
inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
5 For just as I have more than my share in the sufferings of the Christ, so also through the Christ I have more than my share of comfort.
Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata.
6 If I am afflicted, it is for your comfort and salvation; and if I am receiving comfort, it is for your comfort - a comfort produced within you by your patient fortitude, under the same sufferings which I also am enduring.
Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha.
7 My hope for you is firm; for I know that as you are comrades in my sufferings, so also are you comrades in my comfort.
Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.
8 Now, brothers, I want you to know about the troubles which befell me in Asia; how I was burdened altogether beyond my strength, so that I renounced all hope even of life itself.
Yaa obboloota, isin waaʼee dhiphina biyya Asiyaatti nurra gaʼee akka wallaaltan hin barbaannu. Hamma lubbuudhaan jiraachuuf illee abdii kutannutti dhiphinni baachuudhaaf humna keenyaa ol taʼe nurra gaʼee tureetii.
9 Indeed, I had in myself, and still have, the sentence of death, in order that I might not rely on myself, but on God who raises the dead to life.
Dhugumaanuu murtiin duʼaa nutti dhagaʼamee turre. Kun garuu akka nu Waaqa warra duʼan kaasutti malee ofii keenyatti hin amananneef taʼe.
10 He delivered me from such a death, and will deliver me. On him I have set my hopes that he will continue to deliver me,
Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra.
11 while all of you also are helping me by your prayers; so that from many lips thanksgiving may rise on my behalf for the blessings vouchsafed to me through the intercessions of many.
Akkuma isin kadhannaa keessaniin nu gargaartan, ayyaana kadhannaa namoota baayʼeetiif deebii taʼee nuu kenname sanaaf namoonni baayʼeen nuuf galateeffatu.
12 For this is my proud boast, the testimony of my conscience, that it was in holiness and with pure motives before God, not in worldly wisdom, but in the grace of God, that I have conducted myself in the world, and above all in my relations with you.
Egaa wanti nu ittiin of jajnu kanaa dha: Akka nu qulqullummaa fi amanamummaa Waaqa biraa argameen fooniin keessumattuu hariiroo isin wajjin qabnuun jiraachaa turre yaadni garaa keenyaa dhugaa nuuf baʼa. Kanas akka ayyaana Waaqaatti goone malee akka ogummaa addunyaatti miti.
13 For I am writing to you nothing different from what you read aloud and very well recognize, and I hope will continue to recognize to the very end,
Nu waan isin dubbisuu yookaan hubachuu hin dandeenye tokko illee isinii hin barreessinuutii. Ani akka isin hamma dhumaatti hubattan nan abdadha;
14 as some indeed did recognize in part at last, that I am your cause of boasting, just as you will be mine on the Day of Jesus our Lord.
innis akkuma isin gara tokko nu hubattan kana, akka guyyaa Gooftaa Yesuusitti akkuma nu isiniin of jajnu sana isinis nuun of jajuu dandeessan guutummaatti hubattanii dha.
15 And in this confidence I intended to visit you, before going elsewhere, that you might have a pleasure twice over.
Anis sababiin waan kana amaneef akka isin ayyaana lammaffaa qabaattaniif jedhee jalqabatti gara keessan dhufuu barbaade.
16 I intended to go by you into Macedonia, and to come again to you from Macedonia, and by you to be sent forward on my way to Judea.
Ani yeroon Maqedooniyaa dhaqutti isin ilaaluu fi yeroon Maqedooniyaadhaa deebiʼuttis gara keessan dhufee, akka isin yeroo ani Yihuudaa dhaqutti na ergitan barbaade.
17 In purposing this did I display "caprice"? Or what I purpose do I purpose in a worldly way, so that it may mean either "Yes, yes," or "No, no"?
Ani yeroon waan kana karoorfadhetti akka salphaattin hojjedhee? Yookaan akka yaada fooniitti yeruma tokkotti, “Eeyyee, eeyyee” fi “Waawuu, waawuu” jechuufan karoora baafadhaa ree?
18 As God is faithful, my message to you is not now "Yes," now "No."
Akkuma Waaqni amanamaa taʼe dubbiin nu isinitti dubbannus “Eeyyee” fi “Waawuu” miti.
19 For Jesus Christ, Son of God, who was proclaimed among you by us, that is, by Silvanus and Timothy and me, was not wavering between "Yes" and "No," but in him is the everlasting "Yes."
Yesuus Kiristoos Ilmi Waaqaa inni nu jechuunis ani, Silwaanosii fi Xiimotewos isin gidduutti lallabne sun, “Eeyyee” fi “Waawuu” hin turreetii; isa keessa “Eeyyeetu” jira.
20 For however many are the promises of God, in him they are "Yes." Therefore also through him let the Amen be said by our voices to the glory of God.
Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin “Eeyyeedhaatii”. Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif “Ameen” jenna.
21 And he who has established me with you in the Anointed One, and has anointed me, is God.
Egaa kan akka nu isin wajjin Kiristoositti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Waaqa;
22 He has also set his seal upon me, and given me the pledge of his Spirit in my heart.
innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.
23 But for my part I call God to witness, as my soul shall answer for it, that it was to spare you that I came not to Corinth
Ani garuu isin qusachuudhaaf jecha Qorontositti hin deebine; anis akka inni dhugaa natti baʼuuf Waaqa ofitti nan waama.
24 (not that I am attempting to lord it over your faith, but rather to work with you for your happiness); for your faith is stedfast.
Nu gammachuu keessaniif isin wajjin hojjenna malee amantii keessan irratti gooftummaa hin qabnu; isin amantiin jabaattanii dhaabattaniitii.

< 2 Corinthians 1 >