< Psalms 78 >

1 AN INSTRUCTION OF ASAPH. Give ear, O my people, to my law, Incline your ear to sayings of my mouth.
Maskiilii Asaaf. Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa; dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
2 I open my mouth with an allegory, I bring forth hidden things of old,
Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
3 That we have heard and know, And our fathers have recounted to us.
Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
4 We do not hide from their sons, Recounting praises of YHWH to a later generation, And His strength, and His wonders that He has done.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna.
5 And He raises up a testimony in Jacob, And has placed a law in Israel, That He commanded our fathers, To make them known to their sons.
Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; Israaʼeliif immoo seera kenne; waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif, abbootii keenya ajaje;
6 So that a later generation knows, Sons who are born, rise and recount to their sons,
kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
7 And place their confidence in God, And do not forget the doings of God, But keep His commands.
Yoos isaan Waaqa amanatu; ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
8 And they are not like their fathers, A generation apostatizing and being rebellious, A generation—it has not prepared its heart, Nor [is] its spirit steadfast with God.
Isaan akka abbootii isaanii, akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
9 Sons of Ephraim—armed bearers of bow, Have turned in a day of conflict.
Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan; taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
10 They have not kept the covenant of God, And they have refused to walk in His law,
Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
11 And they forget His doings, And His wonders that He showed them.
Isaan hojii inni hojjete, dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
12 He has done wonders before their fathers, In the land of Egypt—the field of Zoan.
Inni fuula abbootii isaanii duratti, biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
13 He cleft a sea, and causes them to pass over, Indeed, He causes waters to stand as a heap.
Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse; bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
14 And leads them with a cloud by day, And with a light of fire all the night.
Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
15 He cleaves rocks in a wilderness, And gives drink—as the great deep.
Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
16 And brings out streams from a rock, And causes waters to come down as rivers.
Kattaa keessaa burqaa burqisiisee akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.
17 And they still add to sin against Him, To provoke the Most High in the dry place.
Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
18 And they try God in their heart, To ask food for their lust.
Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan beekumsa Waaqaa qoran.
19 And they speak against God—they said: “Is God able to array a table in a wilderness?”
Akkana jedhanii Waaqa hamatan; “Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
20 Behold, He has struck a rock, And waters flow, indeed, streams overflow. “Also, [is] He able to give bread? Does He prepare flesh for His people?”
Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe; burqaan guutee irraan dhangalaʼe. Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa? Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
21 Therefore YHWH has heard, And He shows Himself angry, And fire has been kindled against Jacob, And anger has also gone up against Israel,
Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare; Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame; dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
22 For they have not believed in God, Nor have they trusted in His salvation.
isaan Waaqa hin amananneetii; fayyisuu isaattis hin amanne.
23 And He commands clouds from above, Indeed, He has opened doors of the heavens.
Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne; balbala samiis ni bane;
24 And He rains manna on them to eat, Indeed, He has given grain of the heavens to them.
akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; midhaan samiis isaaniif kenne.
25 Each has eaten food of the mighty, He sent provision to them to satiety.
Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
26 He causes an east wind to journey in the heavens, And leads a south wind by His strength,
Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe; bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
27 And He rains on them flesh as dust, And as sand of the seas—winged bird,
Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
28 And causes [it] to fall in the midst of His camp, Around His dwelling places.
Innis akka isaan qubata isaanii keessatti naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
29 And they eat, and are greatly satisfied, And He brings their desire to them.
Isaanis nyaatanii quufan; inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
30 They have not been estranged from their desire, Their food [is] yet in their mouth,
Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin, utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
31 And the anger of God has gone up against them, And He slays among their fat ones, And He caused youths of Israel to bend.
dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe; innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate; dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.
32 With all this they have sinned again, And have not believed in His wonders.
Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan; dinqii isaattis hin amanne.
33 And He consumes their days in vanity, And their years in trouble.
Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu, akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
34 If He slew them, then they sought Him, And turned back, and earnestly sought God,
Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu, isaan isa barbaaddatan; isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
35 And they remember that God [is] their rock, And God Most High their redeemer.
Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe, akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
36 And they deceive Him with their mouth, And lie to Him with their tongue,
Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan; arraba isaaniitiinis isa soban;
37 And their heart has not been right with Him, And they have not been steadfast in His covenant.
garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre; isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
38 And He, the Merciful One, pardons iniquity, and does not destroy, And has often turned back His anger, And does not awaken all His fury.
Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef, cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne. Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate; dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
39 And He remembers that they [are] flesh, A wind going on—and it does not return.
Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.
40 How often do they provoke Him in the wilderness, Grieve Him in the desolate place?
Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
41 Indeed, they turn back, and try God, And have limited the Holy One of Israel.
Isaan ammumaa amma Waaqa qoran; Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
42 They have not remembered His hand The day He ransomed them from the adversary.
Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
43 When He set His signs in Egypt, And His wonders in the field of Zoan,
Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa, kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
44 And He turns their streams to blood, And they do not drink their floods.
Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare; isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
45 He sends among them the beetle, and it consumes them, And the frog, and it destroys them,
Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu, fattee isaan barbadeessu itti erge.
46 And gives their increase to the caterpillar, And their labor to the locust.
Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif, buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
47 He destroys their vine with hail, And their sycamores with frost,
Muka wayinii isaanii cabbiidhaan, harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
48 And delivers their beasts up to the hail, And their livestock to the burning flames.
Loon isaanii cabbiif, horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
49 He sends on them the fury of His anger, Wrath, and indignation, and distress—A discharge of evil messengers.
Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
50 He ponders a path for His anger, He did not keep back their soul from death, Indeed, He delivered up their life to the pestilence.
Inni aarii isaatiif daandii qopheesse; lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee duʼa isaan hin oolchine.
51 And He strikes every firstborn in Egypt, The first-fruit of the strong in tents of Ham.
Hangafoota Gibxi hunda, ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
52 And causes His people to journey as a flock, And guides them as a drove in a wilderness,
Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
53 And He leads them confidently, And they have not been afraid, And the sea has covered their enemies.
Inni nagaadhaan isaan geggeesse; kanaafuu isaan homaa hin sodaanne; diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
54 And He brings them to the border of His sanctuary, This mountain His right hand had acquired,
Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti, gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
55 And casts out nations from before them, And causes them to fall in the line of inheritance, And causes the tribes of Israel to dwell in their tents,
Inni ormoota isaan duraa ariʼe; lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode; gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.
56 And they tempt and provoke God Most High, And have not kept His testimonies.
Isaan garuu Waaqa qoran; Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ajaja isaas hin eegne.
57 And they turn back, And deal treacherously like their fathers, They have been turned like a deceitful bow,
Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan; akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
58 And make Him angry with their high places, And make Him zealous with their carved images,
Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
59 God has heard, and shows Himself angry. And kicks exceedingly against Israel.
Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
60 And He leaves the Dwelling Place of Shiloh, The tent He had placed among men,
Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa, dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
61 And He gives His strength to captivity, And His beauty into the hand of an adversary,
Humna isaa boojuutti, ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
62 And delivers His people up to the sword, And showed Himself angry with His inheritance.
Saba isaa dabarsee goraadeef kenne; handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
63 Fire has consumed His young men, And His virgins have not been praised.
Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe; durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
64 His priests have fallen by the sword, And their widows do not weep.
luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman; niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.
65 And the Lord wakes as a sleeper, As a mighty one crying aloud from wine.
Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti, akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
66 And He strikes His adversaries backward, He has put a continuous reproach on them,
Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise; qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
67 And He kicks against the tent of Joseph, And has not fixed on the tribe of Ephraim.
Dunkaanota Yoosef ni tuffate; gosa Efreemis hin filanne;
68 And He chooses the tribe of Judah, With Mount Zion that He loved,
inni garuu gosa Yihuudaa, Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
69 And builds His sanctuary as a high place, Like the earth, He founded it for all time.
Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti, akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
70 And He fixes on His servant David, And takes him from the folds of a flock,
Inni Daawit garbicha isaa ni filate; dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
71 He has brought him in from behind suckling ones, To rule over Jacob His people, And over Israel His inheritance.
akka inni saba isaa Yaaqoobin, handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee hoolota tiksuu irraa isa fide.
72 And he rules them according to the integrity of his heart, And leads them by the skillfulness of his hands!
Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.

< Psalms 78 >