< Proverbs 28 >

1 The wicked have fled and there is no pursuer, And the righteous is confident as a young lion.
Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
2 By the transgression of a land its heads are many, And by an understanding man, Who knows right—it is prolonged.
Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira; bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
3 A man—poor and oppressing the weak, [Is] a sweeping rain, and there is no bread.
Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
4 Those forsaking the Law praise the wicked, Those keeping the Law plead against them.
Warri seera didan hamoota jaju; warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
5 Evil men do not understand judgment, And those seeking YHWH understand all.
Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan; warri Waaqayyoon barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.
6 Better [is] the poor walking in his integrity, Than the perverse of ways who is rich.
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
7 Whoever is keeping the Law is an intelligent son, And a friend of gluttons Causes his father to blush.
Namni seera eegu ilma ogeessa; michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
8 Whoever is multiplying his wealth by biting and usury, Gathers it for one favoring the poor.
Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
9 Whoever is turning his ear from hearing the Law, Even his prayer [is] an abomination.
Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
10 Whoever is causing the upright to err in an evil way, He falls into his own pit, And the perfect inherits good.
Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu kiyyoo ofii isaa keessa seena; namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
11 A rich man is wise in his own eyes, And the intelligent poor searches him.
Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
12 In the exulting of the righteous the glory [is] abundant, And in the rising of the wicked man is apprehensive.
Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu.
13 Whoever is covering his transgressions does not prosper, And he who is confessing and forsaking has mercy.
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
14 O the blessedness of a man fearing continually, And whoever is hardening his heart falls into evil.
Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha; kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
15 A growling lion, and a ranging bear, [Is] the wicked ruler over a poor people.
Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
16 A leader lacking understanding multiplies oppressions, Whoever is hating dishonest gain prolongs days.
Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
17 A man oppressed with the blood of a soul, Flees to the pit, [and] none takes hold on him [to help].
Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
18 Whoever is walking uprightly is saved, And the perverted of ways falls at once.
Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
19 Whoever is tilling his ground is satisfied [with] bread, And whoever is pursuing vanity, Is filled [with] poverty.
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama.
20 A steadfast man has multiplied blessings, And whoever is hastening to be rich is not acquitted.
Namni amanamaan eebba quufa; kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
21 [It] is not good to discern faces, And a man transgresses for a piece of bread.
Nama wal caalchisuun gaarii miti; namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
22 The man [with] an evil eye [is] troubled for wealth, And he does not know that want meets him.
Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara; inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
23 Whoever is reproving a man finds grace afterward, More than a flatterer with the tongue.
Namni nama ifatu dhuma irratti nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
24 Whoever is robbing his father or his mother, And is saying, “It is not transgression,” He is a companion to a destroyer.
Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti.
25 Whoever is proud in soul stirs up contention, And whoever is trusting on YHWH is made fat.
Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
26 Whoever is trusting in his heart is a fool, And whoever is walking in wisdom is delivered.
Namni of amanatu gowwaa dha; kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
27 Whoever is giving to the poor has no lack, And whoever is hiding his eyes multiplied curses.
Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
28 A man is hidden in the rising of the wicked, And the righteous multiply in their destruction!
Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti namoonni ni dhokatu; yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.

< Proverbs 28 >