< Nehemiah 7 >

1 And it comes to pass, when the wall has been built, that I set up the doors, and the gatekeepers are appointed, and the singers, and the Levites,
Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman.
2 and I charge my brother Hanani, and Hananiah head of the palace, concerning Jerusalem—for he [is] as a man of truth, and fearing God above many—
Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii.
3 and I say to them, “Do not let the gates of Jerusalem be opened until the heat of the sun, and while they are standing by let them shut the doors, and fasten, and appoint guards of the inhabitants of Jerusalem, each at his watch, and each in front of his house.”
Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.”
4 And the city [is] broad on both sides, and great, and the people [are] few in its midst, and there are no houses built;
Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne.
5 and my God puts it to my heart, and I gather the nobles, and the prefects, and the people, for the genealogy, and I find a scroll of the genealogy of those coming up at the beginning, and I find written in it:
Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha:
6 These [are] sons of the province, those coming up of the captives of the expulsion that Nebuchadnezzar king of Babylon removed—and they return to Jerusalem and to Judah, each to his city—
Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;
7 who are coming in with Zerubbabel, Jeshua, Nehemiah, Azariah, Raamiah, Nahamani, Mordecai, Bilshan, Mispereth, Bigvai, Nehum, Baanah. The number of the men of the people of Israel:
isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii:
8 sons of Parosh, two thousand one hundred and seventy-two;
Sanyiin Phaarosh 2,172
9 sons of Shephatiah, three hundred seventy-two;
sanyiin Shefaaxiyaa 372
10 sons of Arah, six hundred fifty-two;
sanyiin Aaraa 652
11 sons of Pahath-Moab, of the sons of Jeshua and Joab, two thousand and eight hundred [and] eighteen;
sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818
12 sons of Elam, one thousand two hundred fifty-four;
sanyiin Eelaam 1,254
13 sons of Zattu, eight hundred forty-five;
sanyiin Zaatuu 845
14 sons of Zaccai, seven hundred and sixty;
sanyiin Zabaay 760
15 sons of Binnui, six hundred forty-eight;
sanyiin Binuuyii 648
16 sons of Bebai, six hundred twenty-eight;
sanyiin Beebay 628
17 sons of Azgad, two thousand three hundred twenty-two;
sanyiin Azgaad 2,322
18 sons of Adonikam, six hundred sixty-seven;
sanyiin Adooniiqaam 667
19 sons of Bigvai, two thousand sixty-seven;
sanyiin Baguwaay 2,067
20 sons of Adin, six hundred fifty-five;
sanyiin Aadiin 655
21 sons of Ater of Hezekiah, ninety-eight;
sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98
22 sons of Hashum, three hundred twenty-eight;
sanyiin Haashum 328
23 sons of Bezai, three hundred twenty-four;
sanyiin Beesaay 324
24 sons of Hariph, one hundred [and] twelve;
sanyiin Haariif 112
25 sons of Gibeon, ninety-five;
sanyiin Gibeʼoon 95
26 men of Beth-Lehem and Netophah, one hundred eighty-eight;
namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188
27 men of Anathoth, one hundred twenty-eight;
namoonni Anaatoot 128
28 men of Beth-Azmaveth, forty-two;
namoonni Beet Azmaawet 42
29 men of Kirjath-Jearim, Chephirah, and Beeroth, seven hundred forty-three;
namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743
30 men of Ramah and Gaba, six hundred twenty-one;
namoonni Raamaa fi Gebaa 621
31 men of Michmas, one hundred and twenty-two;
namoonni Mikmaas 122
32 men of Bethel and Ai, one hundred twenty-three;
namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123
33 men of the other Nebo, fifty-two;
namoonni Neboo kaan 52
34 sons of the other Elam, one thousand two hundred fifty-four;
namoonni Eelaam kaan 1,254
35 sons of Harim, three hundred and twenty;
namoonni Haariim 320
36 sons of Jericho, three hundred forty-five;
namoonni Yerikoo 345
37 sons of Lod, Hadid, and Ono, seven hundred and twenty-one;
namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721
38 sons of Senaah, three thousand nine hundred and thirty.
namoonni Senaaʼaa 3,930.
39 The priests: sons of Jedaiah, of the house of Jeshua, nine hundred seventy-three;
Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973
40 sons of Immer, one thousand fifty-two;
sanyiin Imeer 1,052
41 sons of Pashur, one thousand two hundred forty-seven;
sanyiin Phaashihuur 1,247
42 sons of Harim, one thousand and seventeen.
sanyiin Haariim 1,017.
43 The Levites: sons of Jeshua, of Kadmiel, of sons of Hodevah, seventy-four.
Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
44 The singers: sons of Asaph, one hundred forty-eight.
Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148.
45 The gatekeepers: sons of Shallum, sons of Ater, sons of Talmon, sons of Akkub, sons of Hatita, sons of Shobai: one hundred thirty-eight.
Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.
46 The Nethinim: sons of Ziha, sons of Hasupha, sons of Tabbaoth,
Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot,
47 sons of Keros, sons of Sia, sons of Padon,
sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,
48 sons of Lebanah, sons of Hagaba, sons of Shalmai,
sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,
49 sons of Hanan, sons of Giddel, sons of Gahar,
sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,
50 sons of Reaiah, sons of Rezin, sons of Nekoda,
sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,
51 sons of Gazzam, sons of Uzza, sons of Phaseah,
sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,
52 sons of Bezai, sons of Meunim, sons of Nephishesim,
sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,
53 sons of Bakbuk, sons of Hakupha, sons of Harhur,
sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
54 sons of Bazlith, sons of Mehida, sons of Harsha,
sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,
55 sons of Barkos, sons of Sisera, sons of Tamah,
sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,
56 sons of Neziah, sons of Hatipha.
sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.
57 Sons of the servants of Solomon: sons of Sotai, sons of Sophereth, sons of Perida,
Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa,
58 sons of Jaala, sons of Darkon, sons of Giddel,
sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,
59 sons of Shephatiah, sons of Hattil, sons of Pochereth of Zebaim, sons of Amon.
sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.
60 All the Nethinim and the sons of the servants of Solomon [are] three hundred ninety-two.
Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
61 And these [are] those coming up from Tel-Melah, Tel-Harsha, Cherub, Addon, and Immer—and they have not been able to declare the house of their fathers, and their seed, whether they [are] of Israel—
Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:
62 sons of Delaiah, sons of Tobiah, sons of Nekoda, six hundred forty-two.
Sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.
63 And of the priests: sons of Habaiah, sons of Koz, sons of Barzillai (who has taken a wife from the daughters of Barzillai the Gileadite, and is called by their name).
Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
64 These have sought their register among those reckoning themselves by genealogy, and it has not been found, and they are redeemed from the priesthood,
Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.
65 and the Tirshatha says to them that they do not eat of the most holy things until the standing up of the priest with [the] Lights and Perfections.
Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
66 All the assembly together [is] forty-two thousand three hundred and sixty,
Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;
67 apart from their servants and their handmaids—these [are] seven thousand three hundred thirty-seven; and of them [are] male and female singers, two hundred forty-five.
kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture.
68 Their horses [are] seven hundred thirty-six; their mules, two hundred [and] forty-five;
Isaan farda 736, gaangolii 245,
69 camels, four hundred thirty-five; donkeys, six thousand seven hundred and twenty.
gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.
70 And from the extremity of the heads of the fathers they have given to the work; the Tirshatha has given to the treasure, one thousand drams of gold, fifty bowls, five hundred and thirty priests’ coats.
Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe.
71 And of the heads of the fathers they have given to the treasure of the work, twenty thousand drams of gold, and two thousand and two hundred pounds of silver.
Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan.
72 And that which the rest of the people have given [is] twenty thousand drams of gold, and two thousand pounds of silver, and sixty-seven priests’ coats.
Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.
73 And they dwell—the priests, and the Levites, and the gatekeepers, and the singers, and [some] of the people, and the Nethinim, and all Israel—in their cities, and the seventh month comes, and the sons of Israel [are] in their cities.
Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.

< Nehemiah 7 >