< Matthew 28 >

1 Now after [the] Sabbaths, it being dawn, toward the first [day] of the weeks, Mary the Magdalene came, and the other Mary, to see the grave,
Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan.
2 and behold, there came a great earthquake, for a messenger of the LORD, having come down out of Heaven, having come, rolled away the stone from the door, and was sitting on it,
Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe.
3 and his countenance was as lightning, and his clothing white as snow,
Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture.
4 and from the fear of him the keepers shook, and they became as dead men.
Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.
5 And the messenger answering said to the women, “Do not fear, for I have known that you seek Jesus who has been crucified;
Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka.
6 He is not here, for He rose, as He said; come, see the place where the LORD was lying;
Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
7 and having gone quickly, say to His disciples that He rose from the dead; and behold, He goes before you to Galilee, there you will see Him; behold, I have told you.”
Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”
8 And having gone forth quickly from the tomb, with fear and great joy, they ran to tell His disciples;
Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan.
9 and as they were going to tell His disciples, then behold, Jesus met them, saying, “Greetings!” And having come near, they laid hold of His feet, and worshiped Him.
Yeruma sana kunoo Yesuus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
10 Then Jesus says to them, “Do not fear, go away, tell My brothers that they may go away to Galilee, and there they will see Me.”
Yesuusis, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu” jedheen.
11 And while they are going on, behold, certain of the guard having come into the city, reported to the chief priests all the things that happened,
Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan.
12 and having been gathered together with the elders, having also taken counsel, they gave much money to the soldiers,
Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan.
13 saying, “Say that His disciples having come by night, stole Him—we being asleep;
Akkanas jedhaniin; “‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa.
14 and if this is heard by the governor, we will persuade him, and you keep free from anxiety.”
Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.”
15 And they, having received the money, did as they were taught, and this account was spread abroad among Jews until this day.
Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira.
16 And the eleven disciples went to Galilee, to the mountain where Jesus appointed them,
Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Yesuus dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan.
17 and having seen Him, they worshiped Him, but some wavered.
Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman.
18 And having come near, Jesus spoke to them, saying, “All authority in Heaven and on earth was given to Me;
Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
19 having gone, then, disciple all the nations, immersing them into the Name of the Father, and of the Son, and of the Holy Spirit,
Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
20 teaching them to observe all, whatever I commanded you, and behold, I am with you all the days—until the full end of the age.” (aiōn g165)
akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.” (aiōn g165)

< Matthew 28 >