< Leviticus 20 >

1 And YHWH speaks to Moses, saying,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “And you say to the sons of Israel: Any man of the sons of Israel, and of the sojourners who is sojourning in Israel, who gives to the Molech from his seed, is certainly put to death; the people of the land stone him with stone;
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni Israaʼel yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kan ilmaan isaa keessaa Moolekiif kennu kam iyyuu haa ajjeefamu; sabni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa tumu.
3 and I set My face against that man, and have cut him off from the midst of his people, for he has given to the Molech from his seed, so as to defile My sanctuary, and to defile My holy Name.
Sababii namichi sun ilmaan isaa Moolekiif kennuudhaan iddoo qulqulluu koo xureessee maqaa koo qulqulluu sana salphiseef, ani fuula itti hammaadhee saba isaa keessaa isa nan balleessa.
4 And if the people of the land really hide their eyes from that man, in his giving to the Molech from his seed, so as not to put him to death,
Sabni biyya sanaa yeroo namichi sun ilmaan isaa keessaa tokko Moolekiif kennutti yoo fuula irraa deebifatee isa ajjeesuu dhiise,
5 then I have set My face against that man and against his family, and have cut him off, and all who are going whoring after him, even going whoring after the Molech, from the midst of their people.
ani namicha sanaa fi maatii isaatti fuula hammaadhee isaa fi warra isa faana buʼanii sagaagaluudhaan Moolekitti of kennan hunda saba isaanii keessaa nan balleessa.
6 And the person who turns to those having familiar spirits, and to the wizards, to go whoring after them, I have even set My face against that person, and cut him off from the midst of his people.
“‘Nama isaan duukaa buʼuudhaan sagaagaluuf jedhee gara ilaaltotaatii fi warra ekeraa dubbisaniitti deebiʼutti ani fuula ittan hammaadha; saba isaa keessaa isa nan balleessa.
7 And you have sanctified yourselves, and you have been holy, for I [am] your God YHWH;
“‘Of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa; ani Waaqayyo Waaqa keessaniitii.
8 and you have kept My statutes and have done them; I [am] YHWH, sanctifying you.
Sirna koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessuu dha.
9 For any man who reviles his father and his mother is certainly put to death; he has reviled his father and his mother: his blood [is] on him.
“‘Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare kam iyyuu haa ajjeefamu. Inni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaareeraatii dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
10 And a man who commits adultery with a man’s wife—who commits adultery with the wife of his neighbor—the adulterer and the adulteress are surely put to death.
“‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman.
11 And a man who lies with his father’s wife—he has uncovered the nakedness of his father—both of them are certainly put to death; their blood [is] on them.
“‘Namni yoo niitii abbaa isaa wajjin ciise inni abbaa isaa salphiseera. Namichis, dubartiin sunis haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
12 And a man who lies with his daughter-in-law—both of them are certainly put to death; they have done perversion; their blood [is] on them.
“‘Yoo namni niitii ilma isaa wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman. Isaan haraamuu dha; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
13 And a man who lies with a male as one lies with a woman—both of them have done an abomination; they are certainly put to death; their blood [is] on them.
“‘Yoo namni akkuma dubartii wajjin ciisutti dhiira wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu waan jibbisiisaa hojjetaniiru. Isaan haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
14 And a man who takes the woman and her mother—it [is] wickedness; they burn him and them with fire, and there is no wickedness in your midst.
“‘Namni tokko yoo intalaa fi haadha ishee fuudhe, wanni kun xuraaʼummaa dha. Akka isin gidduutti xuraaʼummaan akkasii hin argamneef namichii fi dubartoonni lamaan ibiddaan haa gubaman.
15 And a man who commits his intercourse with a beast is certainly put to death, and you slay the beast.
“‘Namni tokko yoo horii wajjin wal bira gaʼe haa ajjeefamu; horii sana illee ajjeesaa.
16 And a woman who draws near to any beast to mate with it—you have even slain the woman and the beast; they are certainly put to death; their blood [is] on them.
“‘Yoo dubartiin horii kamitti iyyuu dhiʼaattee horii sana wajjin wal bira geesse, dubartiin sunii fi horiin sun haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
17 And a man who takes his sister, a daughter of his father or daughter of his mother, and he has seen her nakedness, and she sees his nakedness—it is a shame; and they have been cut off before the eyes of the sons of their people; he has uncovered the nakedness of his sister; he bears his iniquity.
“‘Namni tokko yoo obboleettii isaa jechuunis intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa fuudhee wal bira gaʼan wanni kun salphina. Isaan utuma sabni isaanii arguu saba isaanii keessaa haa balleeffaman; namichi kun obboleettii isaa salphiseera; itti gaafatamas.
18 And a man who lies with a sick woman and has uncovered her nakedness, her fountain he has made bare, and she has uncovered the fountain of her blood—even both of them have been cut off from the midst of their people.
“‘Namni tokko yoo yeroo dubartiin tokko xurii jiʼaa of irraa qabdutti ishee bira gaʼe, inni madda dhangalaʼaa ishee ifatti baaseera; isheenis madda dhangalaʼa ishee mulʼifteerti. Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii keessaa haa balleeffaman.
19 And you do not uncover the nakedness of your mother’s sister and your father’s sister, because his relation he has made bare; they bear their iniquity.
“‘Obboleettii haadha keetii yookaan abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun fira dhiigaa salphisaatii; isin lamaanuus itti gaafatamtu.
20 And a man who lies with his aunt, he has uncovered the nakedness of his uncle; they bear their sin; they die childless.
“‘Namni tokko yoo niitii eessuma isaa wajjin wal bira gaʼe inni eessuma isaa salphiseera. Isaan itti gaafatamu; utuu ijoollee hin argatinis duʼu.
21 And a man who takes his brother’s wife—it [is] impurity; he has uncovered the nakedness of his brother; they are childless.
“‘Namni tokko yoo niitii obboleessa isaa fuudhe, wanni kun hojii xuraaʼummaa ti; innis obboleessa isaa salphiseera. Isaan ijoollee malee hafu.
22 And you have kept all My statutes and all My judgments, and have done them, and the land does not vomit you out to where I am bringing you in to dwell in it;
“‘Akka lafti ani akka isin keessa jiraattaniif itti isin fidu sun isin hin tufneef ajajaa fi seera koo hunda eegaa; duukaa buʼaas.
23 and you do not walk in the statutes of the nation which I am sending away from before you, for they have done all these, and I am wearied with them.
Isin bartee saboota ani fuula keessan duraa ariʼee baasuuf jiru kanneenii duukaa hin buʼinaa; sababii isaan wantoota kanneen hunda hojjetaniif ani isaan jibbeera.
24 And I say to you, You possess their ground, and I give it to you to possess it—a land flowing with milk and honey. I [am] your God YHWH, who has separated you from the peoples.
Ani garuu, “Isin lafa isaanii ni dhaaltu; anis lafa aannanii fi damma baasu dhaala godhee isiniifin kenna” jedheera. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan saboota kaan irraa addaan isin baasee dha.
25 And you have made separation between the pure beasts and the unclean, and between the unclean bird and the pure, and you do not make yourselves abominable by beast or by bird, or by anything which creeps [on] the ground which I have separated to you for unclean.
“‘Kanaafuu isin bineensa qulqullaaʼaa fi xuraaʼaa, simbirroo xuraaʼaa fi qulqullaaʼaa addaan baasaa. Bineensa yookaan simbirroo yookaan waan lafa irra munyuuqu kanneen ani isiniif xuraaʼota jedhee addaan baase kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
26 And you have been holy to Me, for I, YHWH, [am] holy; and I separate you from the peoples to become Mine.
Sababii ani Waaqayyo qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa.
27 And a man or woman, when there is a familiar spirit in them, or who [are] wizards, are certainly put to death; they stone them with stone; their blood [is] on them.”
“‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’”

< Leviticus 20 >