< Jeremiah 1 >

1 Words of Jeremiah son of Hilkiah, of the priests who [are] in Anathoth, in the land of Benjamin,
Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti.
2 to whom the word of YHWH has been in the days of Josiah son of Amon, king of Judah, in the thirteenth year of his reign,
Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe;
3 and it is in the days of Jehoiakim son of Josiah, king of Judah, until the completion of the eleventh year of Zedekiah son of Josiah, king of Judah, until the expulsion of Jerusalem in the fifth month.
akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.
4 And there is a word of YHWH to me, saying,
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
5 “Before I form you in the belly, I have known you; and before you come forth from the womb I have separated you; I have made you a prophet to the nations.”
“Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
6 And I say, “Aah! Lord YHWH! Behold, I have not known—to speak, for I [am] a youth.”
Anis, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe.
7 And YHWH says to me, “Do not say, I [am] a youth, for to all to whom I send you—go, and all that I command you—speak.
Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda.
8 Do not be afraid of their faces, for I [am] with you to deliver you,” a declaration of YHWH.
Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo.
9 And YHWH puts forth His hand, and strikes against my mouth, and YHWH says to me, “Behold, I have put My words in your mouth.
Ergasiis Waaqayyo harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.
10 See, I have charged you this day concerning the nations, and concerning the kingdoms, to pluck up, and to break down, and to destroy, and to throw down, to build, and to plant.”
Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”
11 And there is a word of YHWH to me, saying, “What are you seeing, Jeremiah?” And I say, “I am seeing a rod of an almond tree.”
Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe.
12 And YHWH says to me, “You have seen well: for I am watching over My word to do it.”
Waaqayyo immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe.
13 And there is a word of YHWH to me a second time, saying, “What are you seeing?” And I say, “I am seeing a blown pot, and its face [is] from the north.”
Dubbiin Waaqayyoo amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe.
14 And YHWH says to me, “From the north the evil is loosed against all inhabitants of the land.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa.
15 For behold, I am calling for all families of the kingdoms of the north,” a declaration of YHWH, “And they have come, and each put his throne at the opening of the gates of Jerusalem, and by its walls all around, and by all cities of Judah.
Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha Waaqayyo. “Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura teessoowwan isaanii ni dhaabbatu; isaan dallaawwan naannoo ishee hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.
16 And I have spoken My judgments with them concerning all their evil, in that they have forsaken Me, and make incense to other gods, and bow themselves to the works of their own hands.
Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraaf ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif ani saba kootti murtii nan labsa.
17 And you, you gird up your loins, and have arisen, and spoken to them all that I command you: do not be frightened because of them, lest I frighten you before them.
“Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa.
18 And I, behold, have given you this day for a fortified city, and for an iron pillar, and for bronze walls over all the land, to the kings of Judah, to its heads, to its priests, and to the people of the land;
Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera.
19 and they have fought against you, and they do not prevail against you; for I [am] with you,” a declaration of YHWH, “to deliver you.”
Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.

< Jeremiah 1 >