< Isaiah 7 >
1 And it comes to pass in the days of Ahaz, son of Jotham, son of Uzziah, king of Judah, [that] Rezin king of Aram, and Pekah, son of Remaliah, king of Israel, have gone up to Jerusalem, to battle against it, and he is not able to fight against it.
Bara Aahaaz ilmi Yootaam, ilmi Uziyaan Mootii Yihuudaa turetti, Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemiin loluuf itti duulan; garuu ishee moʼachuu hin dandeenye.
2 And it is declared to the house of David, saying, “Aram has been led toward Ephraim,” and his heart and the heart of his people is moved, like the moving of trees of a forest by the presence of wind.
Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame.
3 And YHWH says to Isaiah, “Now go forth to meet Ahaz, you and your son Shear-Jashub, to the end of the conduit of the upper pool, to the highway of the fuller’s field,
Kana irratti Waaqayyo Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa.
4 and you have said to him: Take heed, and be quiet, do not fear, And do not let your heart be timid, Because of these two tails of smoking brands, For the fierceness of the anger of Rezin and Aram, And the son of Remaliah.
Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin.
5 Because that Aram counseled evil against you, Ephraim and the son of Remaliah, saying,
Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru;
6 We go up into Judah, and we distress it, And we divide it to ourselves, And we cause a king to reign in its midst—The son of Tabeal.
“Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.”
7 Thus said Lord YHWH: It does not stand, nor will it be!
Taʼus Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Wanni kun hin raawwatu; wanni kun hin taʼu;
8 For the head of Aram [is] Damascus, And the head of Damascus [is] Rezin, And within sixty-five years Is Ephraim broken from [being] a people.
mataan Sooriyaa Damaasqoodhaatii; mataan Damaasqoo immoo Reziinii dha. Waggaa jaatamii shan keessatti, Efreem ni bittinnaaʼa; saba tokko taʼuun isaas ni hafa.
9 And the head of Ephraim [is] Samaria, And the head of Samaria [is] the son of Remaliah. If you do not give credence, Surely you are not steadfast.”
Mataan Efreem Samaariyaa dha; mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti. Isin yoo amantii keessaniin jabaattanii dhaabachuu baattan; yoom iyyuu hin dhaabattan.’”
10 And YHWH adds to speak to Ahaz, saying,
Waaqayyo amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate;
11 “Ask for a sign from your God YHWH, Make the request deep, or make [it] high upwards.” (Sheol )
“Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, Waaqayyoon Waaqa kee mallattoo gaafadhu.” (Sheol )
12 And Ahaz says, “I do not ask nor try YHWH.”
Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; Waaqayyonis hin qoru” jedhe.
13 And he says, “Now hear, O house of David, Is it a little thing for you to weary men, That you also weary my God?
Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu?
14 Therefore the Lord Himself gives a sign to you, Behold, the virgin is conceiving, And is bringing forth a Son, And has called His Name Immanuel,
Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
15 He eats butter and honey, When He knows to refuse evil, and to fix on good.
Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata.
16 For before the youth knows To refuse evil, and to fix on good, The land you are distressed with is forsaken, because of her two kings.
Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona.
17 YHWH brings on you, and on your people, And on the house of your father, Days that have not come, Even from the day of the turning aside of Ephraim from Judah, By the king of Asshur.”
Waaqayyo erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.”
18 And it has come to pass in that day, YHWH hisses for a fly that [is] in the extremity of the brooks of Egypt, And for a bee that [is] in the land of Asshur.
Bara sana keessa Waaqayyo tisiisota burqaa laga Gibxi keessa jiranii fi kanniisota biyya Asoor siiqsee waama.
19 And they have come, and all of them rested in the desolate valleys, And in holes of the rocks, and on all the thorns, And on all the commendable things.
Hundi isaanii dhufanii dhooqa lafaa keessa, holqa kattaa keessa, daggala qoraattiitii fi boolla bishaanii hunda keessa qubatu.
20 In that day the Lord shaves, By a razor that is hired beyond the river, By the king of Asshur, The head, and the hair of the feet, Indeed, it also consumes the beard.
Bara sana keessa Gooftaan haaduu laga gamaa kireeffateen jechuunis mootiin Asoor rifeensa mataa keessanii rifeensa miilla keessaniitii fi areeda keessan ni haada.
21 And it has come to pass in that day, A man keeps alive a heifer of the herd, And two of the flock,
Bara sana keessa namni tokko goromsa tokkoo fi hoolaa lama qabaata.
22 And it has come to pass, He eats butter from the abundance of the yielding of milk, For everyone who is left in the heart of the land eats butter and honey.
Sababii baayʼina aannan isaan kennaniif, inni itittuu sooratu qabaata. Namni biyya sanatti hafu hundinuu itittuu fi damma nyaata.
23 And it has come to pass in that day, Every place where there are one thousand vines, At one thousand pieces of silver, Is for briers and for thorns.
Bara sana keessa, lafa mukkeen wayinii kumni tokko kanneen meetii saqilii kuma baasan jiran hunda irra sokorruu fi qoraattii qofatu jiraata.
24 He comes there with arrows and with bow, Because all the land is brier and thorn.
Sababii lafti sun sokorruu fi qoraattiin guutameef, namoonni iddaa fi xiyya qabatan iyyuu achi dhaqu.
25 And all the hills that are kept in order with a mattock, There does not come [for] fear of brier and thorn, And it has been for the sending forth of ox, And for the treading of sheep!
Ati sababii sokorruu fi qoraattii sodaattuuf siʼachi gara gaarran kanaan dura gasoon soqamaa turan sanaa hin dhaqxu; isaan lafa loon itti bobbaʼanii fi lafa hoolonni keessa burraaqan taʼu.