< Ezekiel 27 >

1 And there is a word of YHWH to me, saying,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “And you, son of man, lift up a lamentation concerning Tyre, and you have said to Tyre:
“Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi.
3 O dweller on the entrances of the sea, Merchant of the peoples to many islands, Thus said Lord YHWH: O Tyre, you have said, I [am] the perfection of beauty.
Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Xiiroos, ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta.
4 Your borders [are] in the heart of the seas, Your builders have perfected your beauty.
Daangaan kee garaa galaanaa keessa; warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.
5 They have built of firs from Senir all your double-boarded ships for you, They have taken of cedars from Lebanon to make a mast for you,
Isaan laaxaa doonii keetii birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan; utubaa doonii siif tolchuufis Libaanoonii birbirsa fidan.
6 They made your oars of oaks from Bashan, They have made your bench of ivory, A branch of Ashurim from islands of Chittim.
Qilxuu Baashaanii dhufeen batoo kee hojjetan; muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen lafa doonii keessaa ilka arbaatiin miidhagsanii siif hojjetan.
7 Your sail has been of fine linen with embroidery from Egypt, To be for your ensign, Your covering has been of blue and purple from islands of Elishah.
Sharaan doonii keetii quncee talbaa kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture; innis akka faajjiitti si fayyade; haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee kan qarqara Eliishaatii dhufe ture.
8 Inhabitants of Sidon and Arvad have been rowers for you, Your wise men, O Tyre, have been in you, They [are] your pilots.
Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan; yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.
9 The elderly of Gebal and its wise men have been in you, Strengthening your breach; All ships of the sea and their mariners, Have been in you, to trade your merchandise.
Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban, qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan. Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi, si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.
10 Persia and Lud and Phut Have been in your forces—your men of war. They hung up shield and helmet in you, They have given out your honor.
“‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii, loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan. Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi gonfoo isaanii si keessatti fannisan.
11 The sons of Arvad, and your force, [Are] on your walls all around, And short swordsmen have been in your towers, They have hung up their shields on your walls all around, They have perfected your beauty.
Namoonni Arwaadii fi Heeleekii dallaa kee qixa hundaan eegan; namoonni Gamaadii gamoowwan kee keessa turan. Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan; isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.
12 Tarshish [is] your merchant, Because of the abundance of all wealth, They have given silver, iron, tin, and lead [for] your wares.
“‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.
13 Javan, Tubal, and Meshech—they [are] your merchants, They have given [the] soul of man, and vessels of bronze, [for] your merchandise.
“‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.
14 Those of the house of Togarmah, They have given horses, and riding steeds, and mules [for] your wares.
“‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.
15 Sons of Dedan [are] your merchants, Many islands [are] the market of your hand, They sent back horns of ivory and ebony [for] your reward.
“‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.
16 Aram [is] your merchant, Because of the abundance of your works, They have given emerald, purple, and embroidery, And fine linen, and coral, and agate for your wares.
“‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.
17 Judah and the land of Israel—they [are] your merchants, They have given wheat of Minnith, and Pannag, And honey, and oil, and balm [for] your merchandise.
“‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.
18 Damascus [is] your merchant, For the abundance of your works, Because of the abundance of all wealth, For wine of Helbon, and white wool.
“‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti.
19 Dan and Javan go about with your wares, They have given shining iron, cassia, and cane, It has been in your merchandise.
Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.
20 Dedan [is] your merchant, For clothes of freedom for riding.
“‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.
21 Arabia, and all princes of Kedar, They [are] the traders of your hand, For lambs, and rams, and male goats, In these your merchants.
“‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.
22 Merchants of Sheba and Raamah—they [are] your merchants, They have given the chief of all spices, And every precious stone, and gold [for] your wares.
“‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.
23 Haran, and Canneh, and Eden, merchants of Sheba, Asshur—Chilmad—[are] your merchants,
“‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan.
24 They [are] your merchants for perfect things, For wrappings of blue, and embroidery, And for treasuries of rich apparel, With cords bound and girded, for your merchandise,
Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.
25 Ships of Tarshish are journeying [with] your merchandise for you, And you are filled and honored greatly, In the heart of the seas.
“‘Dooniiwwan Tarshiish, miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. Ati walakkaa galaanaatti feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.
26 Those rowing you have brought you into great waters, The east wind has broken you in the heart of the seas.
Mooqxonni kee, gara galaana guddaatti si geessan. Bubbeen baʼa biiftuu garuu galaana walakkaatti si caccabsa.
27 Your wealth and your wares, Your merchandise, your mariners, And your pilots, strengtheners of your breach, And the traders of your merchandise, And all your men of war, who [are] in you, And in all your assembly that [is] in your midst, Fall into the heart of the seas in the day of your fall,
Gaafa dooniin kee caccabutti qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi namni doonii irra jiru biraa hundi garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.
28 At the voice of the cry of your pilots the outskirts shake.
Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.
29 And all handling an oar come down from their ships, Mariners [and] all the pilots of the sea stand on the land,
Warri batoo qabatan hundi, warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii, doonii isaanii irraa buʼanii qarqara galaanaa dhaabatu.
30 And have sounded with their voice for you, And cry bitterly, and cause dust to go up on their heads, They roll themselves in ashes;
Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii hiqqifatanii siif booʼu; mataa isaaniittis awwaara firfirsanii daaraa keessa gangalatu.
31 And they have made themselves bald for you, And they have girded on sackcloth, And they have wept for you, In bitterness of soul—a bitter mourning.
Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii wayyaa gaddaa uffatu. Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii gadda guddaadhaan ni booʼu.
32 And their sons have lifted up a lamentation for you, And they have lamented over you, Who [is] as Tyre? As the cut-off one in the midst of the sea?
Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti, “Kan akka Xiiroos galaanaan liqimfamee bade eenyu?” jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.
33 With the outgoing of your wares from the seas, You have filled many peoples, With the abundance of your riches, and your merchandise, You have enriched [the] kings of earth.
Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, ati saboota hedduu quufsite; qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin mootota lafaa sooromsite.
34 At the time of [your] being broken by the seas in the depths of the waters, Your merchandise and all your assembly have fallen in your midst.
Amma immoo ati galaana keessatti, tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta; miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi suma wajjin liqimfamaniiru.
35 All inhabitants of the islands have been astonished at you, And their kings have been severely afraid, They have been troubled in countenance.
Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi waaʼee keetiin rifataniiru; mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.
36 Merchants among the peoples have shrieked for you, You have been terrors, and you are not—for all time!”
Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”

< Ezekiel 27 >