< Exodus 7 >

1 And YHWH says to Moses, “See, I have given you [as] a god to Pharaoh, and your brother Aaron is your prophet;
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqa si godheera; obboleessi kee Aroon immoo raajii siif taʼa.
2 you speak all that I command you, and your brother Aaron speaks to Pharaoh, and he has sent the sons of Israel out of his land.
Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Aroon immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima.
3 And I harden the heart of Pharaoh, and have multiplied My signs and My wonders in the land of Egypt,
Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu,
4 and Pharaoh does not listen, and I have put My hand on Egypt, and have brought out My hosts, My people, the sons of Israel, from the land of Egypt by great judgments;
inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa.
5 and the Egyptians have known that I [am] YHWH, in My stretching out My hand against Egypt; and I have brought out the sons of Israel from their midst.”
Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
6 And Moses does—Aaron also—as YHWH commanded them; so have they done;
Musee fi Aroonis akkuma Waaqayyo isaan ajaje godhan.
7 and Moses [is] a son of eighty years, and Aaron [is] a son of eighty-three years, in their speaking to Pharaoh.
Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Museen nama waggaa saddeettama ture; Aroon immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.
8 And YHWH speaks to Moses and to Aaron, saying,
Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
9 “When Pharaoh speaks to you, saying, Give a wonder for yourselves; then you have said to Aaron, Take your rod and cast [it] before Pharaoh—it becomes a dragon.”
“Yommuu Faraʼoon, ‘Dinqii hojjedhaa’ isiniin jedhutti, ati immoo Arooniin, ‘Ulee kee fuudhiitii fuula Faraʼoon duratti lafa buusi’ jetta; uleen sunis bofa taʼa.”
10 And Moses goes in—Aaron also—to Pharaoh, and they do so as YHWH has commanded; and Aaron casts his rod before Pharaoh and before his servants, and it becomes a dragon.
Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate.
11 And Pharaoh also calls for wise men and for sorcerers; and the enchanters of Egypt, they also, with their [enchanting] flames, do so,
Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan.
12 and they each cast down his rod, and they become dragons, and the rod of Aaron swallows their rods;
Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite.
13 and the heart of Pharaoh is strong, and he has not listened to them, as YHWH has spoken.
Taʼus Faraʼoon akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
14 And YHWH says to Moses, “The heart of Pharaoh has been hard, he has refused to send the people away;
Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide.
15 go to Pharaoh in the morning, behold, he is going out to the water, and you have stood to meet him by the edge of the River, and the rod which was turned to a serpent you take in your hand,
Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi.
16 and you have said to him: YHWH, God of the Hebrews, has sent me to you, saying, Send My people away, and they serve Me in the wilderness; and behold, you have not listened until now.
Akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta.
17 Thus said YHWH: By this you know that I [am] YHWH; behold, I am striking with the rod which [is] in my hand, on the waters which [are] in the River, and they have been turned to blood,
Waaqayyo akkana jedha: Akka ani Waaqayyo taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama.
18 and the fish that [are] in the River die, and the River has stunk, and the Egyptians have been wearied of drinking waters from the River.”
Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’”
19 And YHWH says to Moses, “Say to Aaron, Take your rod, and stretch out your hand against the waters of Egypt, against their streams, against their rivers, and against their ponds, and against all their collections of waters; and they are blood—and there has been blood in all the land of Egypt, both in [vessels of] wood, and in [those of] stone.”
Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman.”
20 And Moses and Aaron do so, as YHWH has commanded, and he lifts up [his hand] with the rod, and strikes the waters which [are] in the River, before the eyes of Pharaoh and before the eyes of his servants, and all the waters which [are] in the River are turned to blood,
Musee fi Aroon akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame.
21 and the fish which [is] in the River has died, and the River stinks, and the Egyptians have not been able to drink water from the River; and the blood is in all the land of Egypt.
Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame.
22 And the enchanters of Egypt do so with their secrets, and the heart of Pharaoh is strong, and he has not listened to them, as YHWH has spoken,
Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma Waaqayyo jedhe sana Musee fi Aroon dhagaʼuu dide.
23 and Pharaoh turns and goes into his house, and has not set his heart even to this;
Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne.
24 and all the Egyptians seek water all around the River to drink, for they have not been able to drink of the waters of the River.
Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan.
25 And seven days are completed after YHWH’s striking the River.
Erga Waaqayyo Abbayyaan dhaʼee guyyaan torba darbe.

< Exodus 7 >