< Esther 1 >

1 And it comes to pass, in the days of Ahasuerus—he [is] Ahasuerus who is reigning from Hodu even to Cush, one hundred twenty-seven provinces—
Wanni bara mootummaa Ahashweroos keessa taʼe kanaa dha: Ahashweroos kun Hindiidhaa jalqabee hamma Itoophiyaatti kutaalee biyyaa 127 bulchaa ture;
2 in those days, at the sitting of King Ahasuerus on the throne of his kingdom, that [is] in Shushan the palace,
yeroo sanatti Ahashweroos Mootichi, Suusaa magaalaa guddoo sana keessa teessoo mootummaa isaa irra taaʼee bulchaa ture;
3 in the third year of his reign, he has made a banquet to all his heads and his servants; of the force of Persia and Media, the chiefs and heads of the provinces [are] before him,
innis bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti namoota isaa bebeekamoo fi qondaaltota isaa hundumaaf cidha guddaa tokko qopheesse. Hooggantoonni waraana Faaresii fi Meedee, ilmaan moototaa fi namoonni bebeekamoon kutaa biyyaa achi turan.
4 in his showing the wealth of the glory of his kingdom, and the glory of the beauty of his greatness, many days—one hundred eighty days.
Innis bultii 180 guutuu qabeenya mootummaa isaa guddaa, miidhagummaa fi ulfina jabina isaa gad baasee argisiisaa ture.
5 And at the fullness of these days the king has made a banquet to all the people who are found in Shushan the palace, from great even to small, [for] seven days, in the court of the garden of the house of the king—
Yeroo guyyoonni kunneen darbanitti mootichi saba gamoo Suusaa keessa jiraatu xinnaa fi guddaa hundaaf oobdii iddoo biqiltuu masaraa mootii keessatti cidha guyyaa torba turu qopheesse.
6 white linen, white cotton, and blue, fastened with cords of fine linen and purple on rings of silver, and pillars of marble, couches of gold, and of silver, on a pavement of smaragdus, and white marble, and mother-of-pearl, and black marble—
Iddoon biqiltuu sunis golgaa quncee talbaa irraa hojjetame adii fi cuquliisa, kirrii adii fi diimaa dhiilgeedhaan qubeelaa meetii kan utubaawwan dhagaa akka cabbiitti hidhame tokko qaba ture. Sireewwan dinkiin kanneen warqee fi meetii irraa hojjetamanis lafa dhagaa diimaadhaan, dhagaa akka cabbiitiin, lula bifa adda addaa qabuu fi dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan miidhagfamee hafame irra ture.
7 and the giving of drink in vessels of gold, and the vessels [are] various vessels, and the royal wine [is] abundant, as a memorial of the king.
Dhugaatiinis xoofoo warqeetiin namaaf dhiʼeeffame. Tokkoon tokkoon xoofoo sanaas gosa adda addaa ture; daadhiin wayiniis akkuma arjummaa mootichaatti akka malee baayʼee ture.
8 And the drinking [is] according to law, none is pressing, for so the king has appointed for every chief one of his house, to do according to the pleasure of man and man.
Akka tokkoon tokkoon keessummaa akkuma fedhetti dhuguuf mootichi eeyyamee ture; akka tokkoo tokkoo namaatiif waan inni barbaade dhiʼeessaniifis mootichi warra daadhii wayinii dhiʼeessan hunda ajajee tureetii.
9 Also Vashti the queen has made a banquet for women, in the royal house that King Ahasuerus has.
Waashtiin Mootittiinis masaraa mootummaa Ahashweroos Mootichaa keessatti dubartootaaf cidha qopheessite.
10 On the seventh day, as the heart of the king is glad with wine, he has commanded to Mehuman, Biztha, Harbona, Bigtha, and Abagtha, Zethar, and Carcas, the seven eunuchs who are ministering in the presence of King Ahasuerus,
Guyyaa torbaffaatti Ahashweroos Mootichi yeroo daadhii wayinii dhugee gammadetti xuʼaashiiwwan isa tajaajilan torban jechuunis Mihuumaan, Biztaaʼaa, Harboonaa, Bigtaaʼa, Abaagtaa, Zeetaarinii fi Karkas
11 to bring in Vashti the queen before the king, with a royal crown, to show the peoples and the heads her beauty, for she [is] of good appearance,
akka isaan Waashtiin mootittii akka isheen namootaa fi qondaaltotatti barreedina ishee argisiiftuuf gonfoo mootummaa isheetti kaaʼanii fuula isaa duratti dhiʼeessan ajaje; isheen akka malee bareedduu turteetii.
12 and the queen Vashti refuses to come in at the word of the king that [is] by the hand of the eunuchs, and the king is very angry, and his fury has burned in him.
Garuu yeroo ergamoonni sun ergaa mootichaa itti himanitti Waashtiin Mootittiin dhufuu didde. Kana irratti mootichi akka malee dheekkamee aariidhaan gubate.
13 And the king says to wise men, knowing the times—for so [is] the word of the king before all knowing law and judgment,
Sababii waan seeraatii fi murtii qajeelaa irratti hayyootaan mariʼachuun bartee mootichaa taʼeef inni namoota ogeeyyii waan baraa beekan
14 and he who is near to him [is] Carshena, Shethar, Admatha, Tarshish, Meres, Marsena, Memucan, seven heads of Persia and Media seeing the face of the king, who are sitting first in the kingdom—
kanneen mootichatti aananiin mariʼate; isaanis Karshenaa, Sheetaar, Adimaataa, Tarshiish, Meres, Marseenaa fi Memuukaa qondaaltota Faaresii fi Meedee torban mootichaan walitti dhiʼeenya qaban kanneen mootummaa sana keessatti iddoo ol aanaa qabanii dha.
15 “According to law, what should [I] do with Queen Vashti, because that she has not done the saying of King Ahasuerus by the hand of the eunuchs?”
Innis, “Akka seeraatti wanti nu Waashtiin mootittii gochuu qabnu maali? Isheen ajaja Ahashweroos Mootichaa kan xuʼaashiiwwan isheetti geessan sanaaf hin ajajamneetii” jedhee isaan gaafate.
16 And Memucan says before the king and the heads, “Queen Vashti has not done perversely against the king by himself, but against all the heads, and against all the peoples that [are] in all provinces of King Ahasuerus;
Memuukaan akkana jedhee fuula mootichaatii fi fuula namoota bebeekamoo duratti deebii kenne; “Waashtiin mootittiin Mooticha qofatti utuu hin taʼin qondaaltota hundattii fi namoota kutaalee biyyaa Ahashweroos Mootichaa hundatti balleessaa hojjette.
17 for the word of the queen goes forth to all the women, to render their husbands contemptible in their eyes, in their saying, King Ahasuerus commanded to bring in Vashti the queen before him, and she did not come;
Wanni mootittiin goote kun dubartii hunda biratti beekamee isaan, ‘Ahashweroos Mootichi akka Waashtiin Mootittiin fuula isaa duratti dhiʼeeffamtu ajajee ture; isheen garuu dhaquu didde’ jedhanii dhirsoota isaanii tuffatuutii.
18 indeed, this day princesses of Persia and Media, who have heard the word of the queen, say [so] to all heads of the king, even according to the sufficiency of contempt and wrath.
Guyyuma harʼaa kana iyyuu dubartoonni Faaresii fi Meedee bebeekamoon warri gocha mootittii kana dhagaʼan qondaaltota mootichaa hundaaf waanuma akkasii deebisu. Tuffii fi lola dhuma hin qabnetu uumama.
19 If to the king [it be] good, there goes forth a royal word from before him, and it is written with the laws of Persia and Media, and does not pass away, that Vashti does not come in before King Ahasuerus, and the king gives her royalty to her companion who [is] better than she;
“Kanaafuu yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Waashtiin lammata fuula Ahashweroos Mootichaa duratti hin dhiʼeeffamneef inni labsii mootummaa haa labsu; labsiin sunis seera Faaresii fi Meedee kan diigamuu hin dandeenye sana keessatti haa barreeffamu. Mootichi amma illee sadarkaa ulfinaa kan isheen mootummaa keessatti qabdu dubartii biraa kan ishee caaltuuf haa kennu.
20 and the sentence of the king that he makes has been heard in all his kingdom—for it [is] great—and all the wives give honor to their husbands, from great even to small.”
Yoos yommuu labsiin mootichaa guutummaa mootummaa isaa keessatti labsamutti dubartoonni hundinuu xinnoo fi guddoon dhirsoota isaaniitiif ulfina kennu.”
21 And the thing is good in the eyes of the king, and of the princes, and the king does according to the word of Memucan,
Mootichii fi qondaaltonni isaa gorsa kanatti ni gammadan; kanaafuu mootichi yaada Memuukaan dhiʼeesse sana hojii irra oolche.
22 and sends letters to all provinces of the king, to province and province according to its writing, and to people and people according to its tongue, for every man being head in his own house—and speaking according to the language of his people.
Innis biyyoota mootummaa hundatti, tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiif qubeedhuma isaaniitiin, akkasumas tokkoo tokkoo sabaatiif afaanuma isaaniitiin xalayoota ergee akka dhiirri hundi bulchaa mana ofii isaa taʼu afaan gosa hundaatiin labse.

< Esther 1 >