< 2 Kings 23 >

1 And the king sends, and they gather all [the] elderly of Judah and Jerusalem to him,
Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame.
2 and the king goes up to the house of YHWH, and every man of Judah, and all the inhabitants of Jerusalem, with him, and the priests, and the prophets, and all the people, from small to great, and he reads in their ears all the words of the Scroll of the Covenant that is found in the house of YHWH.
Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi raajota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef.
3 And the king stands by the pillar, and makes the covenant before YHWH, to walk after YHWH, and to keep His commands, and His testimonies, and His statutes, with all the heart, and with all the soul, to establish the words of this covenant that are written on this scroll, and all the people stand in the covenant.
Mootichis utubaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse.
4 And the king commands Hilkiah the high priest, and the priests of the second order, and the keepers of the threshold, to bring out from the temple of YHWH all the vessels that are made for Ba‘al, and for the Asherah, and for all the host of the heavens, and he burns them at the outside of Jerusalem, in the fields of Kidron, and has carried their ashes to Beth-El.
Mootichis akka isaan miʼoota Baʼaaliif, Asheeraadhaa fi raayyaawwan samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa baasaniif Hilqiyaa lubicha ol aanaa, luboota sadarkaan isatti aananii fi eegdota balbalaa ajaje. Innis miʼoota sana Yerusaalem keessaa baasee dirree Sulula Qeedroon irratti gube; daaraa isaas fuudhee Beetʼeelitti geesse.
5 And he has caused to cease the idolatrous priests whom the kings of Judah have appointed (and they make incense in high places, in cities of Judah and outskirts of Jerusalem), and those making incense to Ba‘al, to the sun, and to the moon, and to the twelve signs, and to all the host of the heavens.
Luboota waaqota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan samii hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse.
6 And he brings out the Asherah from the house of YHWH to the outside of Jerusalem, to the Brook of Kidron, and burns it at the Brook of Kidron, and beats it small to dust, and casts its dust on the grave of the sons of the people.
Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa Waaqayyootii fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa awwaala namootaa irratti firfirse.
7 And he breaks down the houses of the whoremongers that [are] in the house of YHWH, where the women are weaving houses for the Asherah.
Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.
8 And he brings in all the priests out of the cities of Judah, and defiles the high places where the priests have made incense, from Geba to Beer-Sheba, and has broken down the high places of the gates that [are] at the opening of the Gate of Joshua, head of the city, that [is] on a man’s left hand at the gate of the city;
Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Iyyaasuu bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige.
9 only, the priests of the high places do not come up to the altar of YHWH in Jerusalem, but they have eaten unleavened things in the midst of their brothers.
Luboonni iddoowwan sagadaa kunneen yoo iddoo aarsaa Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa irra tajaajiluu baatan illee isaan luboota akka isaanii wajjin Maxinoo nyaatan ture.
10 And he has defiled Topheth that [is] in the Valley of the Son of Hinnom, so that no man causes his son and his daughter to pass over through fire to Molech.
Innis akka namni tokko iyyuu ilma isaa yookaan intala isaa aarsaa godhee ibiddaan Moolekiif hin dhiʼeessineef Toofeti kan Sulula Ben Hinoom keessatti argamu sana ni xureesse.
11 And he causes to cease the horses that the kings of Judah have given to the sun from the entering in of the house of YHWH, by the chamber of Nathan-Melech the eunuch, that [is] in the outskirts; and he has burned the chariots of the sun with fire.
Akkasumas fardeen mootonni Yihuudaa aduudhaaf kennan sana balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti geessu irraa fuudhee ni balleesse. Fardeen sun oobdii kutaa mana Naataan-Meelek qondaaltichaa biraa keessa turan. Ergasiis Yosiyaas gaariiwwan aduu sana ibiddaan ni gube.
12 And the altars that [are] on the top of the upper chamber of Ahaz, that the kings of Judah made, and the altars that Manasseh made in the two courts of the house of YHWH, the king has broken down, and removes from there, and has cast their dust into the Brook of Kidron.
Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate.
13 And the high places that [are] on the front of Jerusalem, that [are] on the right of the Mount of Corruption, that Solomon king of Israel had built to Ashtoreth, abomination of the Zidonians, and Chemosh, abomination of Moab, and to Milcom, abomination of the sons of Ammon, the king has defiled.
Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Solomoon mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqittii xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqicha xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse.
14 And he has broken the standing-pillars in pieces, and cuts down the Asherim, and fills their place with bones of men;
Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute.
15 and also the altar that [is] in Beth-El, the high place that Jeroboam son of Nebat made, by which he made Israel sin, both that altar and the high place he has broken down, and burns the high place—he has beat it small to dust, and has burned the Asherah.
Akkasumas iddoo aarsaa Beetʼeel keessa ture sanaa fi iddoo sagadaa kan Yerobiʼaam ilmi Nebaat inni Israaʼelin cubbuu hojjechiise sun ijaare iddoo aarsaa sanaa fi iddoo sagadaa ni diige. Iddoo sagadaa sanas caccabsee, daakee bulleesse; siidaa Aasheeraas ni gube.
16 And Josiah turns, and sees the graves that [are] there on the mountain, and sends and takes the bones out of the graves, and burns [them] on the altar, and defiles it, according to the word of YHWH that the man of God proclaimed, who proclaimed these things.
Yosiyaasis of irra garagalee awwaalawwan tulluu irra jiran achitti arge; nama ergees awwaalawwan sana keessaa lafeewwan fichisiisee akkuma dubbii Waaqayyoo kan namni Waaqaa inni duraan dursee waan kana dubbate sun labsetti iddoo aarsaa irratti gubee isa xureesse.
17 And he says, “What [is] this sign that I see?” And the men of the city say to him, “The grave of the man of God who has come from Judah, and proclaims these things that you have done concerning the altar of Beth-El.”
Mootichi, “Dhagaan awwaalaa kan ani arguutti jiru kun maal?” jedhee ni gaafate. Namoonni magaalaa sanaa immoo, “Inni awwaala nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufee waanuma ati iddoo aarsaa Beetʼeel goote kana duraan dursee labse sanaa ti” jedhan.
18 And he says, “Leave him alone, let no man touch his bones”; and they let his bones escape with the bones of the prophet who came out of Samaria.
Innis, “Isa dhiisaa; namni tokko iyyuu lafee isaa hin tuqin” jedhe. Kanaafuu isaan lafee isaattii fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa illee ni dhiisan.
19 And also all the houses of the high places that [are] in the cities of Samaria, that the kings of Israel made to provoke to anger, Josiah has turned aside, and does to them according to all the deeds that he did in Beth-El.
Yosiyaas akkuma Beetʼeelitti godhe sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa kanneen mootonni Israaʼel magaalaawwan Samaariyaa keessatti ijaaranii Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan sana hunda ni diige.
20 And he slays all the priests of the high places who [are] there by the altars, and burns the bones of man on them, and turns back to Jerusalem.
Innis luboota iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda iddoowwan aarsaa irratti qalee lafee namaas achuma irratti ni gube. Ergasiis gara Yerusaalemitti ni deebiʼe.
21 And the king commands the whole of the people, saying, “Make a Passover to your God YHWH, as it is written on this scroll of the covenant.”
Mootichis, “Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti Waaqayyo Waaqa keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa” jedhee saba hunda ajaje.
22 Surely there has not been made like this Passover from the days of the ones judging who judged Israel, even all the days of the kings of Israel, and of the kings of Judah;
Bara abbootii murtii kanneen Israaʼelin bulchaa turaniitii jalqabee yookaan bara mootota Israaʼel hunda keessa yookaan Yihuudaa keessa Faasiikaan akkasii takkumaa ayyaaneffamee hin beeku.
23 but in the eighteenth year of King Josiah, this Passover has been made to YHWH in Jerusalem.
Garuu bara Yosiyaas mootichaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Faasiikaan kun Yerusaalemitti Waaqayyoof ayyaaneffamaa ture.
24 And also, those having familiar spirits, and the wizards, and the teraphim, and the idols, and all the abominations that were seen in the land of Judah, and in Jerusalem, Josiah has put away, in order to establish the words of the Law that are written on the scroll that Hilkiah the priest has found in the house of YHWH.
Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe.
25 And like him there has not been before him a king who turned back to YHWH with all his heart, and with all his soul, and with all his might, according to all the Law of Moses, and after him there has none risen like him.
Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Musee hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara Waaqayyootti deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne.
26 Only, YHWH has not turned back from the fierceness of His great anger with which His anger burned against Judah, because of all the provocations with which Manasseh provoked him,
Taʼus sababii Minaaseen waan hojjete hundaan dheekkamsaaf isa kakaaseef Waaqayyo dheekkamsa isaa guddaa fi sodaachisaa Yihuudaa irratti bobaʼe sana irraa hin deebine.
27 and YHWH says, “I also turn Judah aside from my presence, as I turned Israel aside, and I have rejected this city that I have chosen—Jerusalem, and the house of which I said, My Name is there.”
Kanaafuu Waaqayyo, “Ani akkuma Israaʼelin balleesse sana Yihuudaas fuula koo duraa nan balleessa; Yerusaalem magaalaa ani filadheef mana qulqullummaa kan ani, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe.
28 And the rest of the matters of Josiah and all that he did, are they not written on the scroll of the Chronicles of the Kings of Judah?
Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
29 In his days Pharaoh Necho king of Egypt has come up against the king of Asshur, by the Euphrates River, and King Josiah goes out to meet him, and [Pharaoh Necho] puts him to death in Megiddo when he sees him.
Bara Yosiyaas mootii turetti, Faraʼoon Nekkoon mootichi Gibxi mootii Asoor gargaaruuf jedhee gara Laga Efraaxiisitti ol baʼe. Yosiyaas mootichis of irraa isa ittisuudhaaf itti gad baʼe. Nekkoon garuu isatti dhufee Megidootti isa ajjeese.
30 And his servants cause him to ride dying from Megiddo, and bring him to Jerusalem, and bury him in his own grave, and the people of the land take Jehoahaz son of Josiah, and anoint him, and cause him to reign instead of his father.
Garboonni Yosiyaasis gaariidhaan Megidoodhaa gara Yerusaalemitti reeffa isaa fidanii awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii dibanii iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
31 Jehoahaz [is] a son of twenty-three years in his reigning, and he has reigned three months in Jerusalem, and the name of his mother [is] Hamutal daughter of Jeremiah of Libnah,
Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte.
32 and he does evil in the eyes of YHWH, according to all that his fathers did,
Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
33 and Pharaoh Necho binds him in Riblah, in the land of Hamath, from reigning in Jerusalem, and he puts a fine on the land—one hundred talents of silver, and a talent of gold.
Akka inni Yerusaalem keessa taaʼee hin bulchineef Faraʼoon Nekkoon Hamaati keessatti Riiblaati foncaan isa hidhee Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
34 And Pharaoh Necho causes Eliakim son of Josiah to reign instead of his father Josiah, and turns his name to Jehoiakim, and he has taken Jehoahaz away, and he comes to Egypt, and dies there.
Faraʼoon Nekkoon Eliiyaaqiim ilma Yosiyaas mootichaa iddoo Yosiyaas iddoo abbaa isaa buusee mootii godhe; maqaa Eliiyaaqiimis geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Yehooʼaahaazin garuu fuudhee Gibxitti geesse; innis achitti duʼe.
35 And Jehoiakim has given the silver and the gold to Pharaoh; only he valued the land to give the silver by the command of Pharaoh; from each, according to his valuation, he exacted the silver and the gold, from the people of the land, to give to Pharaoh Necho.
Yehooyaaqiimis meetii fi warqee Faraʼoon Nekkoon gaafate sana ni baase. Waan kana baasuufis gibira biyyatti muree namoota biyyattii irraa akkuma galii isaaniitti meetii fi warqee walitti qabe.
36 Jehoiakim [is] a son of twenty-five years in his reigning, and he has reigned eleven years in Jerusalem, and the name of his mother [is] Zebudah daughter of Pedaiah of Rumah,
Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Zebuudaa ture; isheenis intala Phedaayaa kan magaalaa Ruumaatii dhufte turte.
37 and he does evil in the eyes of YHWH, according to all that his fathers did.
Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.

< 2 Kings 23 >