< 2 Kings 17 >

1 In the twelfth year of Ahaz king of Judah, Hoshea son of Elah has reigned over Israel in Samaria, nine years,
Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche.
2 and he does evil in the eyes of YHWH, only, not as the kings of Israel who were before him;
Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti.
3 Shalmaneser king of Asshur came up against him, and Hoshea is a servant to him, and renders a present to him.
Shalmaneseer mootichi Asoor Hoosheeʼaa loluuf ol baʼe; Hooseʼaas garboomeefii gibira baaseef.
4 And the king of Asshur finds in Hoshea a conspiracy, in that he has sent messengers to So king of Egypt, and has not caused a present to go up to the king of Asshur, as year by year, and the king of Asshur restrains him, and binds him in a house of restraint.
Mootiin Asoor garuu akka Hoosheeʼaa gantuu taʼe hubate; Hooseʼaa Siigoor mooticha Gibxitti jaarsa araaraa ergatee ergasii akka duraan wagguma waggaan baasaa ture sana mootii Asooriif gibira baasuu dhiise. Kanaafuu Silminaasoor isa qabee mana hidhaa keessa buuse.
5 And the king of Asshur goes up into all the land, and he goes up to Samaria, and lays siege against it [for] three years;
Ergasiis mootichi Asoor guutummaa biyyattii weerare; Samaariyaattis duulee waggaa sadii marsee ishee qabate.
6 in the ninth year of Hoshea, the king of Asshur has captured Samaria, and removes Israel to Asshur, and causes them to dwell in Halah, and in Habor, [by] the river Gozan, and [in] the cities of the Medes.
Bara mootummaa Hoosheeʼaa keessa waggaa saglaffaatti mootiin Asoor Samaariyaa qabatee Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geesse. Innis Halaa keessa, Goozaan keessa, cina Laga Haaboorii fi magaalaawwan Midiyaan keessa isaan qubachiise.
7 And it comes to pass, because the sons of Israel have sinned against their God YHWH—who brings them up out of the land of Egypt, from under the hand of Pharaoh king of Egypt—and fear other gods,
Wanni kun hundinuu sababii Israaʼeloonni Waaqayyo Waaqa isaanii isa Gibxii humna Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isaan baase sanatti cubbuu hojjetaniif taʼe; isaan waaqota biraa waaqeffatanii
8 and walk in the statutes of the nations that YHWH dispossessed from the presence of the sons of Israel, and of the kings of Israel that they made;
waan saboonni Waaqayyo isaan duraa ariʼee baase sun hojjetan duukaa buʼanii barteewwan hamaa mootonni Israaʼel fidanii isaan barsiisan illee fudhatan.
9 and the sons of Israel covertly do things that [are] not right against their God YHWH, and build high places for themselves in all their cities, from a tower of the watchers to the fortified city,
Israaʼeloonni dhoksaadhaan waan qajeelaa hin taʼin Waaqayyo Waaqa isaaniitti hojjetan. Isaan magaalaawwan isaanii hunda keessatti gamoo eegumsaatii jalqabanii hamma magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaarratan.
10 and set up standing-pillars and Asherim for themselves on every high height, and under every green tree,
Gaarran ol dhedheeroo hunda gubbaattii fi muka lalisaa hunda jalatti fakkiiwwanii fi siidaa Aasheeraa dhaabbatan.
11 and make incense there in all high places, like the nations that YHWH removed from their presence, and do evil things to provoke YHWH,
Isaan akkuma saboonni Waaqayyo fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf Waaqayyoon kakaasu illee ni hojjetan.
12 and serve the idols, of which YHWH said to them, “You do not do this thing.”
Waaqayyos, “Isin waan kana hin hojjetinaa” jedhu illee isaan waaqota tolfamoo waaqeffatan.
13 And YHWH testifies against Israel, and against Judah, by the hand of every prophet, and every seer, saying, “Turn back from your evil ways, and keep My commands, My statutes, according to all the Law that I commanded your fathers, and that I sent to you by the hand of My servants the prophets”;
Waaqayyo akkana jedhee karaa raajotaatii fi ilaaltota isaa hundaatiin Israaʼelii fi Yihuudaa akeekkachiise; “Karaa keessan hamaa kana irraa deebiʼaa. Akkuma ajajawwan ani abbootii keessan ajaje hundaattii fi akkuma seera ani karaa garboota koo raajotaatiin isiniif erge sanaatti ajajaa fi seera koo eegaa.”
14 and they have not listened, and harden their neck, like the neck of their fathers, who did not remain steadfast in their God YHWH,
Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen Waaqayyo Waaqa isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan.
15 and reject His statutes and His covenant that He made with their fathers, and His testimonies that He testified against them, and go after the vain thing, and become vain, and after the nations that are around them, of whom YHWH commanded them not to do like them.
Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma Waaqayyo, “Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa” jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan Waaqayyo hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan.
16 And they forsake all the commands of their God YHWH, and make a molten image for themselves—two calves, and make an Asherah, and bow themselves to all the host of the heavens, and serve Ba‘al,
Isaan ajaja Waaqayyo Waaqa isaanii hunda dhiisanii waaqota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan samii hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan.
17 and cause their sons and their daughters to pass over through fire, and divine divinations, and use enchantments, and sell themselves to do evil in the eyes of YHWH, to provoke Him.
Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.
18 And YHWH shows Himself very angry against Israel, and turns them aside from His presence; none has been left, only the tribe of Judah by itself.
Kanaafuu Waaqayyo akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe;
19 Also Judah has not kept the commands of their God YHWH, and they walk in the statutes of Israel that they had made.
Yihuudaan iyyuu ajaja Waaqayyo Waaqa isaanii hin eegne. Isaanis bartee Israaʼeloonni itti fidan duukaa buʼan;
20 And YHWH kicks against all the seed of Israel, and afflicts them, and gives them into the hand of spoilers, until He has cast them out of His presence,
kanaafuu Waaqayyo saba Israaʼel hunda ni gate; inni isaan miidhee hamma fuula isaa duraa isaan dhabamsiisutti dabarsee harka saamtotaatti isaan kenne.
21 for He has torn Israel from the house of David, and they make Jeroboam son of Nebat king, and Jeroboam drives Israel from after YHWH, and has caused them to sin a great sin,
Gaafa inni mana Daawit irraa Israaʼel baqaqsetti isaan Yerobiʼaam ilma Nebaat sana mootii godhatan. Yerobiʼaamis akka Israaʼeloonni Waaqayyo irraa garagalanii cubbuu guddaa hojjetan godhe.
22 and the sons of Israel walk in all the sins of Jeroboam that he did, they have not turned aside from them,
Israaʼeloonni cubbuu Yerobiʼaam hunda keessa jiraatan malee
23 until YHWH has turned Israel aside from His presence, as He spoke by the hand of all His servants the prophets, and Israel is removed from off its land to Asshur, to this day.
hamma Waaqayyo akkuma karaa garboota isaa raajotaatiin akeekkachiise sanatti fuula isaa duraa isaan buqqisutti irraa hin deebine. Kanaafuu sabni Israaʼel biyya isaatii boojuudhaan fudhatamee Asooritti geeffame; hamma harʼaattis achuma jiraata.
24 And the king of Asshur brings in [people] from Babylon and from Cutha, and from Ava, and from Hamath, and Sepharvaim, and causes [them] to dwell in the cities of Samaria instead of the sons of Israel, and they possess Samaria, and dwell in its cities;
Mootiin Asoor biyya Baabilonii, Kuutaadhaa, Awaadhaa, biyya Hamaatii fi Seefarwaayimii namoota fidee iddoo Israaʼelootaa buusuuf jedhee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiise. Isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalaawwan ishee keessa ni jiraatan.
25 and it comes to pass, at the commencement of their dwelling there, they have not feared YHWH, and YHWH sends the lions among them, and they are destroying among them.
Isaan yeroo achi jiraachuu jalqabanitti Waaqayyoon hin waaqeffanne; kanaafuu inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis isaan keessaa namoota muraasa galaafatan.
26 And they speak to the king of Asshur, saying, “The nations that you have removed and place in the cities of Samaria have not known the custom of the God of the land, and He sends the lions among them, and behold, they are destroying them, as they do not know the custom of the God of the land.”
Mooticha Asoorittis akkana jedhanii himan; “Namoonni ati boojitee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiifte sun waan Waaqni biyya sanaa fedhu hin beekan. Inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis sababii namoonni waan Waaqni sun fedhu hin beekiniif isaan fixan.”
27 And the king of Asshur commands, saying, “Cause one of the priests to go there whom you removed from there, and they go and dwell there, and he teaches them the custom of the God of the land.”
Kana irratti mootiin Asoor, “Luboota boojitanii Samaariyaadhaa fiddan keessaa tokko akka inni deebiʼee achi jiraatee waan Waaqni biyya sanaa fedhu namoota barsiisuuf achi deebisaa” jedhee ajaja kenne.
28 And one of the priests whom they removed from Samaria comes in, and dwells in Beth-El, and he is teaching them how they fear YHWH,
Kanaafuu luboota Samaariyaadhaa boojiʼaman keessaa tokko Beetʼeel keessa jiraatee akka isaan itti Waaqayyoon waaqeffatan barsiisuu dhufe.
29 and each nation is making its gods, and they place [them] in the houses of the high places that the Samaritans have made—each nation in their cities where they are dwelling.
Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe.
30 And the men of Babylon have made Succoth-Benoth, and the men of Cuth have made Nergal, and the men of Hamath have made Ashima,
Warri Baabilonii dhufan Waaqa tolfamaa Sukooti Banooti, warri Kuutaadhaa dhufan Waaqa tolfamaa Nergaal, warri Hamaatii dhufan immoo Waaqa tolfamaa Ashiimaa jedhamu ni tolfatan.
31 and the Avites have made Nibhaz and Tartak, and the Sepharvites are burning their sons with fire to Adrammelech and Anammelech, gods of Sepharvim.
Awwiimonni waaqota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban.
32 And they are fearing YHWH, and make for themselves from their extremities priests of high places, and they are working for them in the house of the high places.
Isaan Waaqayyoon waaqeffatan; garuu akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti luboota taʼanii tajaajilaniif ofuma gidduudhaa namoota ni filatan.
33 They are fearing YHWH, and they are serving their gods, according to the custom of the nations from where they removed them.
Isaan Waaqayyoon waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqota ofii isaanii tajaajilan.
34 To this day they are doing according to the former customs—they are not fearing YHWH, and are not doing according to their statutes, and according to their ordinances, and according to the Law, and according to the command, that YHWH commanded the sons of Jacob whose name He made Israel,
Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan Waaqayyoon hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja Waaqayyo sanyiiwwan Yaaqoob kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan.
35 and YHWH makes a covenant with them and charges them, saying, “You do not fear other gods, nor bow yourselves to them, nor serve them, nor sacrifice to them,
Waaqayyo gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: “Isin Waaqa biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa.
36 but YHWH who brought you up out of the land of Egypt with great power, and with an outstretched arm, Him you fear, and to Him you bow yourselves, and to Him you sacrifice;
Garuu Waaqayyo isin waaqeffachuu qabdan, isa humna jabaa fi irree diriirfameen Gibxii baasee isin fide sanaa dha. Isin isaaf sagaddanii aarsaa dhiʼeessuufii qabdu.
37 and the statutes, and the judgments, and the Law, and the command, that He wrote for you, you observe to do all the days, and you do not fear other gods;
Isin yeroo hunda labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja inni isinii barreesse sana of eeggannaadhaan eeguu qabdu. Waaqota biraa hin waaqeffatinaa.
38 and you do not forget the covenant that I have made with you, and you do not fear other gods;
Kakuu ani isin wajjin gale sana hin irraanfatinaa; waaqota biraa hin waaqeffatinaa.
39 but you fear your God YHWH, and He delivers you out of the hand of all your enemies”;
Qooda kanaa Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa; kan harka diina keessan hundaa keessaa isin baasu isumaa.”
40 and they have not listened, but they are doing according to their former custom,
Taʼus isaan ittuma cichanii waanuma qaraa sana hojjetan malee isa hin dhageenye.
41 and these nations are fearing YHWH, and they have served their carved images, both their sons and their sons’ sons; as their fathers did, they are doing to this day.
Yeroo namoonni kunneen Waaqayyoon waaqeffachaa jiranitti illee isaan waaqota tolfamoo isaanii tajaajilaa turan. Hamma guyyaa harʼaatti illee ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii ittuma fufanii akkuma abbootiin isaanii hojjetan sana hojjechaa jiru.

< 2 Kings 17 >