< 2 Kings 11 >

1 And Athaliah [is] mother of Ahaziah, and she has seen that her son [is] dead, and she rises, and destroys all the seed of the kingdom;
Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mootii guutumaan guutuutti balleessite.
2 and Jehosheba daughter of king Joram, sister of Ahaziah, takes Joash son of Ahaziah, and steals him out of the midst of the sons of the king who are put to death, him and his nurse, in the inner part of the bed-chambers, and they hide him from the presence of Athaliah, and he has not been put to death,
Yehooshebaati intalli Yooraam mootichaa obboleettiin Ahaaziyaa sun garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhatte. Isheenis Ataaliyaa jalaa isa dhoksuuf jettee isaa fi guddiftuu isaa kutaa hirribaa keessa teessifte. Kanaafuu inni hin ajjeefamne.
3 and he is with her, in the house of YHWH, hiding himself, six years, and Athaliah is reigning over the land.
Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda guddiftuu isaa wajjin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
4 And in the seventh year Jehoiada has sent and takes the heads of the hundreds, of the executioners and of the runners, and brings them to him, into the house of YHWH, and makes a covenant with them, and causes them to swear in the house of YHWH, and shows them the son of the king,
Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti ajajjuuwwan dhibbaa, namoota Kaariittii fi eegdotatti nama ergee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyootii gara isaa dhufan godhe. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti isaan wajjin kakuu seene. Ergasiis ilma mootii isaanitti argisiise.
5 and commands them, saying, “This [is] the thing that you do; the third of you [are] going in on the Sabbath, and keepers of the charge of the house of the king,
Akkana jedhees isaan ajaje; “Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin warri garee sadii keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaatan harka sadii keessaa harki tokko mana mootii,
6 and the third [is] at the Gate of Sur, and the third at the gate behind the runners, and you have kept the charge of the house pulled down;
harka sadii keessaa harkii tokko Karra Suur, harka sadii keessaa harkii tokko immoo karra eegdota dabaree dabareedhaan mana qulqullummaa eegan dugda duubaan jiru haa eegu;
7 and two parts of you, all going out on the Sabbath—they have kept the charge of the house of YHWH about the king,
isin warri garee lamaan kaan keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojii irraa boqottan hundinuu immoo mana qulqullummaa mootiidhaaf eeguu qabdu.
8 and you have surrounded the king all around, each with his weapons in his hand, and he who is coming to the ranges is put to death; and be with the king in his going out and in his coming in.”
Tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa harkatti qabadhaatii mootichatti naannaʼaa dhadhaabadhaa. Namni naannoo isin jirtanitti dhiʼaatu kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
9 And the heads of the hundreds do according to all that Jehoiada the priest commanded, and take—each [one]—his men going in on the Sabbath, with those going out on the Sabbath, and come to Jehoiada the priest,
Ajajjuuwwan dhibbaa sunis akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan fudhatanii Yehooyaadaa lubicha bira dhufan.
10 and the priest gives to the heads of the hundreds the spears and the shields that King David had, that [are] in the house of YHWH.
Innis eeboowwanii fi gaachanawwan Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa turan ajajjoota sanaaf ni kenne.
11 And the runners stand, each with his weapons in his hand, from the right shoulder of the house to the left shoulder of the house, by the altar and by the house, by the king all around;
Eegdonni sunis, tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibbaatii fi karaa kaaba mana qulqullummaatiin iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii ni dhadhaabatan.
12 and he brings out the son of the king, and puts the crown on him, and the Testimony, and they make him king, and anoint him, and strike the hand, and say, “Let the king live.”
Yehooyaadaanis ilma mootichaa fidee mataa isaa irra gonfoo kaaʼe; inni garagalcha kakuu itti kennee, “Inni mootii dha” jedhee labse. Isaanis isa diban; harka dhaʼaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
13 And Athaliah hears the voice of the runners [and] of the people, and she comes to the people [in] the house of YHWH,
Ataaliyaan yommuu waca eegdotaatii fi namootaa dhageessetti gara namoota sanaa mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
14 and looks, and behold, the king is standing by the pillar, according to the ordinance, and the heads and the trumpets [are] by the king, and all the people of the land are rejoicing and blowing with trumpets, and Athaliah tears her garments, and calls, “Conspiracy! Conspiracy!”
Yeroo isheen ilaaltetti mootichi akkuma baratame sanatti utubaa bira dhaabatee ture. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
15 And Jehoiada the priest commands the heads of the hundreds, inspectors of the force, and says to them, “Bring her out to the outside of the ranges, and him who is going after her, put to death by the sword”: for the priest had said, “Do not let her be put to death in the house of YHWH.”
Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman ajaje. Lubichi, “Isheen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ajjeefamuu hin qabdu” jedhee tureetii.
16 And they make sides for her, and she enters the way of the entering in of the horses to the house of the king, and is put to death there.
Kanaafuu isaan akkuma isheen balbala fardeen ittiin masaraa mootii seenan geesseen ishee qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
17 And Jehoiada makes the covenant between YHWH and the king and the people, to be for a people to YHWH, and between the king and the people.
Ergasiis Yehooyaadaan akka isaan saba Waaqayyoo taʼaniif jedhee Waaqayyoo fi mootii fi saba gidduutti kakuu dhaabe. Akkasumas mootichaa fi saba gidduutti kakuu ni dhaabe.
18 And all the people of the land go to the house of Ba‘al, and break it down; they have thoroughly broken its altars and its images, and they have slain Mattan priest of Ba‘al before the altars; and the priest sets inspectors over the house of YHWH,
Sabni biyyattii hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii hurreessanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan. Ergasii Yehooyaadaan lubichi mana qulqullummaa Waaqayyotti eegdota ni ramade.
19 and takes the heads of the hundreds, and the executioners, and the runners, and all the people of the land, and they bring down the king from the house of YHWH, and come by the way of the gate of the runners, to the house of the king, and he sits on the throne of the kings.
Innis ajajjuuwwan dhibbaa, warra Kaarii, eegdotaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee isaan wajjinis mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasanii fidanii karaa karra eegdotaatiin masaraa mootummaa seenan. Mootichis teessoo mootii irra taaʼe.
20 And all the people of the land rejoice, and the city [is] quiet, and they have put Athaliah to death by the sword in the house of the king;
Saboonni biyyattii hundi ni ililchan. Sababii Ataaliyaan masaraa mootummaa keessatti goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.
21 Jehoash is a son of seven years in his reigning.
Yooʼaash yeroo mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture.

< 2 Kings 11 >