< Psalms 143 >

1 “A psalm of David.” O Lord, hear my prayer, give ear to my supplications: in thy faithfulness answer me, in thy righteousness.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; gurra kees gara waammata kootiitti deebisi; amanamummaa fi qajeelummaa keetiin, na gargaari.
2 And enter not into judgment with thy servant; for no living man can be regarded righteous before thee.
Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin; namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.
3 For the enemy hath pursued my soul; he hath crushed to the ground my life; he hath made me dwell in darkness, as those that are dead eternally.
Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii; jireenya koos butuchee biyyootti make. Akkuma warra dur duʼaniittis dukkana keessa na jiraachiseera.
4 And my spirit within me is overwhelmed: in my bosom is my heart astounded.
Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; onneen koos na keessatti rifatteerti.
5 I remember the days of olden times: I meditate on all thy doings: on the work of thy hands do I reflect.
Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda.
6 I spread forth my hands unto thee: my soul [longeth] for thee, as a thirsty land. (Selah)
Harka koo gara keetti nan diriirfadha; lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.
7 Hasten, answer me, O Lord, my spirit falleth: hide not thy face from me, that I may not become like those that go down into the pit.
Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni; hafuurri koo dadhabeera. Fuula kee na duraa hin dhoksin yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
8 Cause me to hear in the morning thy kindness; for in thee do I trust: cause me to know the way whereon I should walk; for unto thee do I lift up my soul.
Ani waanan si amanadheef, akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi. Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii, karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
9 Deliver me, O Lord, from my enemies: by thee do I seek shelter.
Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii, diinota koo jalaa na baasi.
10 Teach me to do thy will; for thou art my God: thy spirit is good; guide me on a level land.
Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
11 For thy sake, O Lord, revive me: in thy righteousness bring forth out of distress my soul.
Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi; qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.
12 And in thy kindness destroy my enemies, and annihilate all the adversaries of my soul; far I am thy servant.
Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi; waan ani garbicha kee taʼeef, warra na cunqursan hunda barbadeessi.

< Psalms 143 >