< Leviticus 22 >

1 And the Lord spoke unto Moses, saying,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Speak unto Aaron and to his sons, that they keep themselves away from the holy things of the children of Israel, [so that they profane not my holy name] which they hallow unto me: I am the Lord.
“Akka isaan maqaa koo qulqullicha hin xureessineef, akka isaan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni addaan baasanii naa fidan sana akka gaariitti eeganiif Aroonii fi ilmaan isaatti himi. Ani Waaqayyo.
3 Say unto them, In your generations, if there be any man of all your seed, that approacheth unto the holy things, which the children of Israel hallow unto the Lord, having his uncleanness upon him, that soul shall be cut off from my presence: I am the Lord.
“Akkanas Isaaniin jedhi: ‘Dhaloota dhufu keessa yoo sanyii kee keessaa namni tokko illee utuu akka seeraatti hin qulqullaaʼin aarsaa Israaʼeloonni Waaqayyoof addaan baasanitti dhiʼaate namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu. Ani Waaqayyo.
4 Any man whatsoever of the seed of Aaron, that is a leper, or hath a running issue, shall not eat of the holy things, until he be clean; and whoso toucheth any thing that is unclean by the dead, or a man whose seed goeth from him;
“‘Sanyii Aroon keessaa namni tokko yoo lamxii yookaan dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu qabaate inni hamma qulqullaaʼutti aarsaa qulqulluu sana hin nyaatin. Akkasumas yoo waan reeffaan xuraaʼe yookaan nama afeetaa saala isaa keessaa dangalaʼu tuqe,
5 Or a man who toucheth any creeping thing, whereby he may be made unclean, or a man through whom he can be rendered unclean, through any kind of uncleanness which he hath:
yookaan yoo waan lafa irra looʼu kan isa xureessu yookaan nama isa xureessu kam iyyuu tuqe, xuraaʼummaa kam iyyuu taanaan,
6 The person that toucheth any such shall be unclean until the evening, and he shall not eat of the holy things, unless he have bathed his flesh in water.
namni waan akkasii kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Inni yoo dhagna isaa bishaaniin dhiqate malee aarsaa qulqulluu sana keessaa tokko illee hin nyaatin.
7 And when the sun hath set, he shall be clean; and afterward he may eat of the holy things; because it is his food.
Inni yeroo aduun lixxutti ni qulqullaaʼa; ergasii immoo sababii wanni sun nyaata isaa taʼeef aarsaa qulqulluu sana nyaachuu dandaʼa.
8 That which dieth of itself, or is torn by beasts, shall he not eat, to defile himself therewith: I am the Lord.
Inni waan duʼee argame yookaan waan bineensi ciccire nyaachuudhaan of hin xurreessin. Ani Waaqayyo.
9 And they shall keep my charge, that they may not bear sin through it, and die therefore, if they profane it: I am the Lord who sanctify them.
“‘Luboonni akka ajaja koo tuffachuudhaan cubbuu hojjetanii hin duuneef ajaja koo haa eegan. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.
10 And no stranger shall eat of a holy thing: a sojourner of a priest, or a hired servant, shall not eat of a holy thing.
“‘Namni maatii lubaa hin taʼin yookaan keessummaan lubaa yookaan namni lubichaaf qaxaramee hojjetu tokko illee aarsaa qulqulluu sana nyaachuu hin dandaʼu.
11 But if a priest buy a person with his money, then may he eat of it; and those that are born in his house, may eat of his bread.
Garuu yoo lubni maallaqaan garbicha bitate, yookaan yoo garbichi mana isaatti dhalate, garbichi sun nyaata lubichaa nyaachuu dandaʼu.
12 And if the daughter of a priest be married unto a stranger, she may not eat of the offered part of holy things.
Intalli lubaa yoo nama luba hin taʼinitti heerumte, isheen aarsaa qulqulluu sana irraa nyaachuu hin dandeessu.
13 But the daughter of a priest, if she be a widow, or divorced, and have no child, and is returned unto her father's house, as in her youth, may eat of her father's bread; but no stranger shall eat thereof.
Taʼus intalli lubaa yoo haadha hiyyeessaa taate yookaan dhirsaan wal hiiktee utuu ijoollee hin qabaatin akkuma yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee jiraachuuf deebite, isheen nyaata abbaa ishee irraa nyaachuu ni dandeessi. Ormi garuu nyaachuu hin dandaʼu.
14 And if a man eat a holy thing unwittingly, then shall he add the fifth part thereof unto it, and he shall make good unto the priest the holy thing.
“‘Namni yoo utuu hin beekin aarsaa qulqulluu tokko nyaate, inni waan sana iddoo buusee gatii waan sanaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichaaf haa kennu.
15 And they shall not profane the holy things of the children of Israel, which they offer unto the Lord;
Luboonnis aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan hin xureessin
16 And load on themselves the iniquity of trespass, when they eat their holy things; for I am the Lord who sanctify them.
yookaan akka sabni sun aarsaa qulqulluu sana nyaatu eeyyamuufiidhaan yakka gatii baasisu isaanitti hin fidin. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.’”
17 And the Lord spoke unto Moses, saying,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
18 Speak unto Aaron, and unto his sons, and unto all the children of Israel, and say unto them, If there be any man of the house of Israel, or of the strangers in Israel, that offereth his oblation, be it for any manner of vows, or for any manner of freewill-offerings, which they may offer unto the Lord for a burnt-offering:
“Aroonitti, ilmaan isaattii fi Israaʼeloota hundatti akkana jedhii himi; ‘Yeroo saba Israaʼel keessaa namni tokko yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu aarsaa gubamu godhee wareega isaa yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu Waaqayyoof dhiʼeessutti,
19 Then shall it be, that it may be favorably received for you, a male without blemish, of the oxen, of the sheep, or of the goats.
isin akka wanni sun fudhatama isiniif argatuuf loon, hoolota yookaan reʼoota keessaa korma hirʼina hin qabne tokko dhiʼeessuu qabdu.
20 Whatsoever on which there is a blemish shall ye not offer; for it will not be favorably received for you.
Sababii inni isinii hin fudhatamneef waan hirʼina qabu kam iyyuu hin dhiʼeessinaa
21 And when a man offereth a sacrifice of peace-offering unto the Lord as a vow, or a freewill-offering of the herds or of the flocks: it shall be without blemish to be favorably received; no kind of bodily defect shall be thereon.
Yeroo namni loon yookaan bushaayee keessaa wareega guuttachuuf aarsaa fedhiidhaan dhiʼeeffamu godhee aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessutti akka wanni sun fudhatama argatuuf wanni sun waan fayyaalessa yookaan waan hirʼina hin qabne haa taʼu.
22 A blind, or broken-limbed, or maimed animal, or one having a wen, or itch, or scurvy, —ye shall not offer these unto the Lord, and a fire-offering shall ye not make of them upon the altar unto the Lord.
Horii jaamaa yookaan cabaa yookaan dooluu yookaan kormommuu yookaan kan dhangalaʼaan dhagna isaa keessaa baʼu yookaan kan madaa malaʼu qabu Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa. Kanneen akkasii keessaa tokko iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaaʼinaa.
23 And an ox or a lamb that hath a limb too long or too short, that mayest thou offer for a freewill-offering; but for a vow it shall not be favorably received.
Taʼus sangaa yookaan hoolaa gar malee dheeraa yookaan gar malee gabaabaa taʼe aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu gootanii dhiʼeessuu ni dandeessu; garuu wanni kun wareega keessan guutuuf fudhatama hin argatu.
24 And one that is bruised, or crushed, or broken, or cut in the testicles, shall ye not offer unto the Lord; and in your land shall ye not make the like.
Horii kolaafame yookaan kan tumame, kan kolaan isaa baqaqfame yookaan irraa murame tokko Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa; isin waan akkasii biyya keessan keessatti hin godhinaa;
25 And from a stranger's hand shall ye not offer the bread of your God from any of these; because their corruption is on them, a bodily defect is on them: they shall not be favorably received for you.
horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii nyaata Waaqa keessanii gootanii hin dhiʼeessinaa. Horiin sun waan kolaafamee hirʼina qabuuf isiniif hin fudhatamu.’”
26 And the Lord spoke unto Moses, saying,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
27 When a bullock, or a sheep, or a goat, is brought forth, then shall it remain seven days by its mother; and from the eighth day and thenceforth shall it be favorably received for an offering made by fire unto the Lord.
“Dibichi yookaan hoolaan yookaan reʼeen yommuu dhalatutti hamma bultii torbaatti haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼee fudhatama ni argata.
28 And whether it be ox or sheep, ye shall not kill it and its young both in one day.
Guyyuma tokkotti, saʼa yookaan hoolaa ilmoo isaa wajjin hin qalinaa.
29 And when ye offer a sacrifice of thanksgiving unto the Lord, offer it so that it may be favorably received of you.
“Gaafa aarsaa galataa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka isiniif fudhatamuuf haala kanaan dhiʼeessaa.
30 On the same day shall it be eaten up; ye shall leave none of it until the morning: I am the Lord.
Aarsaan kunis gaafuma sana nyaatamuu qaba; waan tokko illee hin bulchinaa. Ani Waaqayyo.
31 And ye shall keep my commandments and do them: I am the Lord.
“Ajajawwan koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo.
32 And ye shall not profane my holy name; so that I may be sanctified among the children of Israel; I am the Lord who sanctify you,
Maqaa koo qulqullicha hin xureessinaa. Akka ani qulqulluu taʼe Israaʼeloonni haa beeksisan. Ani Waaqayyo kan isin qulqulleessu
33 That brought you out of the land of Egypt, to be unto you a God: I am the Lord.
kanan Waaqa keessan taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo.”

< Leviticus 22 >