< Leviticus 16 >

1 And the Lord spoke unto Moses after the death of the two sons of Aaron, when they had come near before the Lord, and died:
Waaqayyos duʼa ilmaan Aroon kanneen yeroo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatanitti duʼan sana lamaanii booddee Museetti dubbate.
2 And the Lord said unto Moses, Speak unto Aaron thy brother, that he come not at all times into the holy place within the vail, before the mercy-seat, which is upon the ark, that he die not; for in the cloud will I appear upon the mercy-seat.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani teessoo araaraa gararraatti duumessaan mulʼadhuuf akka obboleessi kee Aroon yeruma fedhetti gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu kan golgaa keessa fuula teessoo araaraa dura taabota irra jiru sanaa ol hin seenne itti himi; yoo kanaa achii inni ni duʼa.
3 With this shall Aaron come into the holy place: with a young bullock for a sin-offering, and a ram for a burnt-offering.
“Akki Aroon itti Iddoo Iddoo Hunda Caalaa qulqulluu sana seenu kanaa dha: Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fidu.
4 A holy linen coat shall be put on, and linen breeches shall he have upon his flesh, and with a linen girdle shall he gird himself, and a linen mitre shall he bind on his head; these are holy garments; therefore shall he wash his flesh in water, and then put them on.
Innis kittaa quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluu isaatii fi uffata dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa kaaʼatu. Sabbata quncee talbaa irraa hojjetame hidhatee marata mataa kan quncee talbaa irraa hojjetames haa maratu; kunneen uffata qulqulluu dha. Kanaafuu inni utuu uffata sana hin uffatin dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu.
5 And from the congregation of the children of Israel shall he take two goats for a sin-offering, and one ram for a burnt-offering.
Waldaa saba Israaʼel irraas aarsaa cubbuutiif korommii reʼee lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fuudhu.
6 And Aaron shall bring near the bullock of the sin-offering, which is for himself, and make an atonement for himself, and for his house.
“Aroon aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu.
7 And he shall take the two goats, and place them before the Lord at the door of the tabernacle of the congregation.
Ergasiis reʼoota lamaan sana fuudhee balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
8 And Aaron shall put lots upon the two goats; one lot “for the Lord,” and the other lot “for 'Azazel.”
Aroonis reʼoota sana lamaanitti ixaa haa buusu; ixaa tokko Waaqayyoof, kaan immoo reʼee gad lakkifamuuf haa buusu.
9 And Aaron shall bring near the goat upon which fell the lot “for the Lord,” and offer him for a sin-offering.
Aroonis reʼee ixaan Waaqayyoo irra buʼe sana fidee aarsaa cubbuu godhee haa dhiʼeessu.
10 But the goat on which fell the lot “for 'Azazel,” shall be placed alive before the Lord, to make an atonement with him, by sending him away to 'Azazel into the wilderness.
Garuu reʼeen akka reʼee gad lakkifamu taʼuuf ixaadhaan filatame sun akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gammoojjiitti gad ariʼamuudhaan akka araara buusuuf utuu lubbuudhaan jiruu fuula Waaqayyo duratti haa dhiʼeeffamu.
11 And Aaron shall bring near the bullock of the sin-offering, which is for himself, and he shall make an atonement for himself, and for his house; and he shall kill the bullock of the sin-offering which is for himself.
“Aroonis aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu; dibicha sanas cubbuu ofii isaatiif haa qalu.
12 And he shall take a censer full of burning coals of fire from off the altar before the Lord, and both his hands full of incense of spices, pounded fine, and bring it within the vail;
Innis girgiraa barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru irraa itti guutame tokko fuudhee ixaana urgaaʼaa daakamee bullaaʼes konyee lama fuudhee golgaa sana keessa haa seenu.
13 And he shall put the incense upon the fire, before the Lord; that the cloud of the incense may envelop the mercy-seat that is upon the testimony, that he die not.
Innis akka hin duuneef, akka aarri ixaana sanaa teessoo araaraa kan dhuga baʼumsaa gubbaa jiru sana haguuguuf ixaana sana ibidda fuula Waaqayyoo dura jirutti haa naqu.
14 And he shall take of the blood of the bullock, and sprinkle it with his finger above toward the mercy-seat, eastward; and before the mercy-seat shall he sprinkle seven times of the blood with his finger.
Dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee karaa fuulduraatiin teessoo araaraatti quba isaatiin haa facaasu; ergasii immoo dhiiga isaa fuudhee fuula teessoo araaraa duratti yeroo torba quba isaatiin haa facaasu.
15 And he shall kill the goat of the sin-offering, that is for the people, and bring his blood to within the vail, and do with that blood as he did with the blood of the bullock, and sprinkle it above the mercy-seat, and before the mercy-seat.
“Reʼee sanas aarsaa cubbuu sabaa godhee haa qalu; dhiiga isaas fuudhee golgaa keessa seenuudhaan akkuma dhiiga dibicha sanaa godhe sana haa godhu; dhiiga sanas teessoo araaraa irrattii fi fuula teessoo araaraa duratti haa facaasu.
16 And he shall make an atonement for the holy place, because of the uncleanness of the children of Israel, and because of their transgressions in all their sins: and so shall he do for the tabernacle of the congregation, that abideth among them in the midst of their uncleanness.
Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu.
17 And there shall not be any man in the tabernacle of the congregation when he goeth in to make an atonement in the holy place, until he come out: and so shall he make an atonement for himself, and for his household, and for the whole congregation of Israel.
Yeroo Aroon Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana keessatti araara buusuuf ol seenee jalqabee hamma inni ofii isaatiif, warra mana isaa jiranii fi waldaa Israaʼel hundaaf araara buusee gad baʼutti namni tokko iyyuu dunkaana wal gaʼii keessatti hin argamin.
18 And he shall then go out unto the altar that is before the Lord, and make an atonement upon it; and he shall take of the blood of the bullock, and of the blood of the goat, and put it upon the horns of the altar round about.
“Ergasiis iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru sanatti gad baʼee iddoo aarsaa sanaaf araara haa buusu. Innis dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee, dhiiga reʼee sanaa irraas fuudhee gaanfa iddoo aarsaa sanaa hunda irratti haa naqu.
19 And he shall sprinkle upon it of the blood with his finger seven times; and he shall cleanse it, and hallow it from the uncleanness of the children of Israel.
Innis iddoo aarsaa sana xuraaʼummaa saba Israaʼel irraa qulqulleessee addaan baasuuf dhiiga sana irraa quba isaatiin yeroo torba iddoo aarsaa irratti haa facaasu.
20 And when he hath made an end of atoning for the holy place, and the tabernacle of the congregation, and the altar: then shall he bring near the live goat.
“Aroon erga Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana, dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaatiif araara buusee raawwatee booddee reʼee lubbuudhaan jiru sana gara fuulduraatti haa dhiʼeessu.
21 And Aaron shall lay both his hands upon the head of the live goat, and confess over him all the iniquities of the children of Israel, and all their transgressions in all their sins, putting them upon the head of the goat, and he shall send him away by the hand of a man appointed thereto into the wilderness:
Innis harka isaa lamaanuu mataa reʼee lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee achi irratti hamminaa fi fincila saba Israaʼel jechuunis cubbuu isaanii hunda hima. Yakka hundas mataa reʼee sanaa irra kaaʼee reʼee sana nama hojii kanaaf filatame tokkotti kennee gara gammoojjiitti haa ariʼu.
22 And the goat shall bear upon him all their iniquities unto a land not inhabited; and so shall he send away the goat into the wilderness.
Reʼeen sunis cubbuu isaanii hunda of irratti baatee gara lafa namni hin dhaqneetti geessa; namichis gammoojjii keessatti isa gad dhiisa.
23 And Aaron shall then go into the tabernacle of the congregation, and he shall take off the linen garments, which he had put on when he went into the holy place, and he shall leave them there:
“Ergasiis Aroon dunkaana wal gaʼii seenee uffata quncee talbaa irraa hojjetame kan utuu Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana hin seenin uffate sana baafatee achumatti haa dhiisu.
24 And he shall bathe his flesh with water in a holy place, and put on his garments; and come then forth, and offer his burnt-offering, and the burnt-offering of the people, and make an atonement for himself, and for the people.
Innis lafa qulqulluu tokkotti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee uffata isa haa uffatu; ergasii immoo gad baʼee ofii isaatii fi saba sanaaf araara buusuuf, ofii isaatiif aarsaa gubamu, saba sanaafis aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
25 And the fat of the sin-offering shall he burn upon the altar.
Cooma aarsaa cubbuu illee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
26 And he that carrieth the goat to 'Azazel shall wash his clothes, and bathe his flesh in water, and afterward he may come into the camp.
“Namichi reʼee sana akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gad dhiisu sun wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
27 And the bullock for the sin-offering, and the goat for the sin-offering, the blood of which was brought in to make atonement in the holy place, shall one carry forth without the camp; and they shall burn in fire their skins, and their flesh, and their dung.
Dibichii fi reʼeen aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffaman kanneen dhiigni isaanii araara buusuuf Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutti fidame sun qubata keessaa haa baafaman; gogaan isaanii, foonii fi miʼi garaa isaanii haa gubamu.
28 And he that burneth them shall wash his clothes, and bathe his flesh in water, and afterward he may come into the camp.
Namichi wantoota kanneen gubus uffata isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
29 And it shall be unto you a statute for ever: in the seventh month, on the tenth of the month, ye shall afflict yourselves [by fasting], and no work shall ye do, whether it be one of your own country, or the stranger that sojourneth among you;
“Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin.
30 For on that day shall [the high-priest] make an atonement for you, to cleanse you; from all your sins before the Lord shall ye be clean.
Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula Waaqayyoo duratti cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu.
31 It shall be a sabbath of rest unto you, and ye shall afflict yourselves [by fasting], as a statute for ever.
Kun waan sanbata boqonnaa taʼeef isin gad of deebisuu qabdu; innis seera bara baraa ti.
32 And the priest, who shall be anointed, and who shall be consecrated to minister as priest in his father's stead, shall make the atonement; and he shall put on the linen clothes, the holy garments.
Lubni iddoo abbaa isaa buʼee luba ol aanaa taʼuuf dibamee muudamu araara buusuu qaba; innis wayyaa qulqulluu kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee,
33 And he shall make an atonement for the holy of holies; and for the tabernacle of the congregation, and for the altar shall he make an atonement; and also for the priests, and for all the people of the congregation shall he make an atonement.
Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluuf, dunkaana wal gaʼiitiif, iddoo aarsaatiif, lubootaa fi miseensota waldaa hundaafis araara haa buusu.
34 And this shall be unto you as a statute for everlasting, to make an atonement for the children of Israel for all their sins once a year: and he did as the Lord had commanded Moses.
“Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Kunis akka cubbuu Israaʼelootaa hundaaf waggaatti yeroo tokko araarri buufamuuf.” Wanni sunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.

< Leviticus 16 >