< Isaiah 26 >

1 On that day shall this song be sung in the land of Judah: A strong city have we; his aid will he grant [us] as walls and defence.
Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: Nu magaalaa jabaa qabna; Waaqnis fayyina, dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.
2 Open ye the gates, that there may enter in the righteous nation which guardeth the truth.
Akka sabni qajeelaan, sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf, karrawwan banaa.
3 The confiding mind wilt thou keep in perfect peace; because he trusteth in thee.
Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
4 Trust ye in the Lord unto eternity; for in Yah the Lord is everlasting protection.
Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.
5 For he bendeth down the dwellers of the height; the lofty fortress—he layeth it low; he layeth it low, along the ground; he casteth it down to the dust.
Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba; magaalaa tabba irra jirtu gad buusa; lafatti gatees awwaaratti ishee maka.
6 The foot shall tread it down, the feet of the poor, the steps of the needy.
Miilli, miilli warra hacuucamee, faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.
7 The path of the just is straight: thou, most upright, dost ever level the road of the just.
Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha; yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.
8 Yea, on the path of thy judgments, O Lord, have we waited for thee; for thy name, and for the remembrance of thee, was the longing of our soul.
Yaa Waaqayyo, nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna, maqaan keetii fi beekamuun kee hawwii garaa keenyaa ti.
9 In my soul have I longed for thee in the night; yea, with my spirit within me will I seek for thee; for when thy judgments are [sent] on the earth, the inhabitants of the world learn righteousness.
Halkan lubbuun koo si yaaddi; ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada. Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti, uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
10 If favor be shown to the wicked, he will not learn righteousness; in the land of uprightness will he deal unjustly, and will not regard the majesty of the Lord.
Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu, qajeelummaa hin baratu; biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta; surraa Waaqayyoos hin hubatu.
11 Lord, thy hand was raised high, but they would not see: oh that they might see, and be ashamed, [thy] zeal for the people; yea, the fire which shall devour them—thy enemies.
Yaa Waaqayyo, harki kee ol kaafameera; isaan garuu isa hin argan. Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan; ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.
12 Lord, thou wilt ordain peace for us; for also all our works hast thou accomplished for us.
Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf kenniteerta; ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.
13 O Lord our God, lords have had dominion over us beside thee; [but] of thee only would we make mention, —of thy name.
Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru; nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.
14 [They are] dead, they will not live [again]; [they are] departed, they will not rise [again]; therefore hast thou visited and destroyed them, and made to perish every memorial of them.
Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan; isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan. Ati isaan adabde; isaan balleessites; yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.
15 Thou hast done more for the nation, O Lord, thou hast done more for the nation; thou hast glorified thyself: thou hast enlarged all the ends of the earth.
Yaa Waaqayyo, ati saba baayʼisteerta; ati saba baayʼisteerta; ati ofii keetiif ulfina argatteerta; daarii biyyaa hunda balʼifteerta.
16 Lord, in trouble have they sought thee, they poured out earnest prayers when thy chastening was upon them.
Yaa Waaqayyo, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan; yeroo ati isaan adabdetti isaan kadhannaa gad roobsan.
17 Like as a pregnant woman, that is near giving birth, is in pain, [and] crieth out in her pangs: so have we been in thy presence, O Lord.
Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, yaa Waaqayyo, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.
18 We have been pregnant and in pain, [but it was] as though we brought forth wind; we have not wrought any deliverance in the land; and the inhabitants of the world have not fallen.
Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; nu garuu bubbee deenye. Nu lafaaf fayyina hin fidne; nu uummata addunyaa hin deenye.
19 Thy dead shall live, my dead bodies shall arise. Awake and sing ye, that dwell in the dust; for a dew on herbs is thy dew, and the earth shall cast out the departed.
Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; laftis warra duʼan of keessaa baafti.
20 Go, my people, enter thou into thy chambers, and shut thy door behind thee: hide thyself but for a little moment, until the indignation be passed away.
Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii duubaan balbala ofitti cufi; hamma dheekkamsi isaa darbutti, yeroo muraasaaf of dhoksi.
21 For, behold, the Lord cometh out of his place to visit the iniquity of the inhabitants of the earth on them: and the earth shall disclose her blood, and shall no more be a cover over her slain.
Kunoo, Waaqayyo sababii cubbuu isaaniitiif uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.

< Isaiah 26 >