< Isaiah 21 >

1 The doom of the desert by the sea. As tempests in the south blow with fury; so doth it come from the desert, from a terrible land.
Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana, weeraraan tokko gammoojjiidhaa, biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
2 A hard vision hath been told unto me; the traitor dealeth treacherously, and the spoiler spoileth. “Go up, O 'Elam; besiege, O Media;” all sighing have I caused to cease.
Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera: gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti. Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi! Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
3 Therefore are my loins filled with pain; pangs have seized me, like the pangs of a woman that travaileth: I am too much cramped to hear; I am too much dismayed to see.
Kana irratti dugdi na cite; akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe; ani waanan dhagaʼeen nan holladhe; waanan argeenis nan raafame.
4 My heart wandereth astray, dread affrighteth me: the evening of my pleasure hath he turned unto me into terror.
Qalbiin koo ni raafame; sodaan na hollachiise; dimimmisni ani hawwe sun sodaatti na jalaa geeddarame.
5 Prepare the table, put on the candlesticks, eat, drink: arise, ye princes, and anoint the shield.
Isaan maaddii qopheessu; afaa diriirsu; ni nyaatu, ni dhugu! Isin qondaaltonni kaʼaa; gaachanas zayitii dibaa.
6 For thus hath said unto me the Lord, Go, set the watchman, what he seeth let him tell.
Gooftaan akkana naan jedha: “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi; innis waan argu haa himu.
7 And he will see chariots, horsemen in couples, riders on asses, riders on camels; and he shall listen diligently with much heed:
Inni yommuu warra farda yaabbatan kanneen lama lamaan yaaʼan, warra harree yaabbatan yookaan warra gaala yaabbatan argutti, haa dammaqu; guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
8 And he calleth [like] a lion, Upon the watchtower, O Lord, do I stand continually in the daytime, and on my ward am I set all the nights.
Eegduun sunis akkana jedhee iyye; “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha; halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
9 And, behold, here cometh a chariot with men, horsemen in couples, and he commenceth and saith, Fallen, fallen is Babylon; and all the graven images of her gods hath he shivered unto the ground.
Kunoo, warri farda yaabbatan, lama lamaan dhufaa jiru; inni akkana jedhee deebise: ‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti! Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’”
10 O my down-trodden [people, ] and the son of my threshingfloor: that which I have heard from the Lord of hosts, the God of Israel, have I told unto you.
Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan, ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
11 The doom of Dumah. Unto me one calleth out of Se'ir, Watchman, what of the night? Watchman, what of the night?
Raajii Duumaan mormu: Namni tokko Seeʼiirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe? Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
12 The watchman said, The morning cometh, and also the night: if ye will desire, desire ye; return, come again.
Eegduun sunis, “Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa. Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa; garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
13 The doom upon Arabia. In the forest in Arabia shall ye lodge, O ye caravans of Dedanim.
Raajii biyya Arabaatiin mormu: Isin imaltoonni Dedaan kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
14 Toward him that is thirsty they bring water; the inhabitants of the land of Thema meet with suitable bread the fugitive.
warra dheeboteef bishaan fidaa; isin warri Teemaa keessa jiraattan, baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
15 Because from the swords are they fled, from the drawn sword, and from the bent bow, and from the pressure of war.
Isaan goraadee jalaa, goraadee luqqifame jalaa, xiyya aggaamame jalaa, hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
16 For thus hath said the Lord unto me, Within yet one year, like the years of a hired laborer, shall all the glory of Kedar be at an end:
Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma.
17 And the residue of the number of bows of the mighty men of the children of Kedar shall be small; for the Lord the God of Israel hath spoken it.
Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.

< Isaiah 21 >