< Genesis 32 >

1 And Jacob went on his way, and there met him angels of God.
Yaaqoobis karaa isaa itti fufe; ergamoonni Waaqayyoos isatti dhufan.
2 And when Jacob saw them, he said, This is a host of God; and he called the name of that place Machanayim.
Innis yommuu isaan argetti, “Kun buufata Waaqaa ti” jedhe; iddoo sanas Mahanayiim jedhee moggaase.
3 And Jacob sent messengers before him to Esau his brother unto the land of Seir, the country of Edom.
Yaaqoobis gara obboleessa isaa Esaawu kan biyya Edoom lafa Seeʼiir jedhamu keessa jiraatuutti ergamoota of dura erge.
4 And he commanded them, saying, Thus shall ye speak unto my lord, to Esau, Thus hath said thy servant Jacob, With Laban have I sojourned, and stayed until now.
Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin gooftaa koo Esaawuun akkana jedhaa: ‘Garbichi kee Yaaqoob akkana jedha; ani Laabaa bira jiraadhee hamma ammaattis isuma biran ture.
5 And I have acquired oxen, and asses, flocks, and men-servants, and women-servants; and I send now to tell my lord, to find grace in thy eyes.
Ani loonii fi harroota, hoolotaa fi reʼoota, hojjettoota dhiiraatii fi dubartootas qaba. Ammas ani fuula kee duratti surraa akkan argadhuuf ergaa kana gooftaa kootti nan erga.’”
6 And the messengers returned to Jacob, saying, We came to thy brother, to Esau, and also he cometh to meet thee, and four hundred men with him.
Ergamoonni sunis gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Nu obboleessa kee Esaawu bira dhaqneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni dhibba afur isa wajjin jiru” jedhaniin.
7 Then Jacob was greatly afraid, and he felt distressed; and he divided the people that were with him, and the flocks, and the herds, and the camels, into two bands.
Yaaqoobis akka malee sodaatee dhiphate; namoota isa wajjin turanis garee lamatti qoode; bushaayee, loowwanii fi gaalawwan illee akkasuma garee lamatti qoode.
8 And he said, If Esau should come to the one band and smite it, then the other band which is left may escape.
Innis, “Yoo Esaawu dhufee garee tokko dhaʼe, gareen kaan jalaa baʼa” jedhee yaade.
9 And Jacob said, O God of my father Abraham, and God of my father Isaac, the Lord who saidst unto me, Return unto thy country, and to thy birthplace, and I will deal well with thee:
Yaaqoob akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqa abbaa koo Abrahaam, Waaqa abbaa koo Yisihaaq, yaa Waaqayyo, isa ‘Ati gara biyya keetii fi gara firoota keetiitti deebiʼi, ani waan gaarii siifin godhaa’ naan jette sun,
10 I am not worthy of all the kindness, and of all the truth, which thou hast shown unto thy servant; for with my staff I passed over this Jordan; and now I am become two bands.
ani gaarummaa fi amanamummaa ati ana garbicha kee argisiifte kana hundaaf hin malu. Ani yeroo Yordaanos kana ceʼetti ulee koo qofa qaban ture; amma garuu garee lama taʼeen jira.
11 Deliver me, I pray thee, from the hand of my brother, from the hand of Esau; for I fear him, lest he will come and smite me, the mother with the children.
Ani akka ati harka obboleessa koo Esaawu jalaa na baastu sin kadhadha. Ani, ‘Inni dhufee na ajjeesa; haadhotas ijoollee isaanii wajjin ni ajjeesa’ jedhee sodaadheeraatii.
12 And thou saidst, I will surely do thee good, and make thy seed as the sand of the sea, which cannot be numbered for multitude.
Ati garuu, ‘Ani dhugumaan waan gaarii siifin godha; sanyii kees akka cirracha galaanaa kan lakkaaʼamuu hin dandeenye sanaa nan godha’ jetteerta.”
13 And he lodged there that same night; and he took of that which he carried with him a present for Esau his brother:
Inni halkan sana achuma bule; waan of biraa qabu keessaas kennaa obboleessa isaa Esaawuuf kennu filate;
14 Two hundred she-goats, and twenty he-goats, two hundred ewes, and twenty rams.
isaanis reʼoota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii reʼee digdama, hoolota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolaa digdama,
15 Thirty milch camels with their colts, forty cows, and ten bulls, twenty she-asses, and ten foals.
gaalawwan dhalaa soddoma ilmaan isaanii wajjin, saawwan afurtama, jiboota loonii kudhan, harroota dhaltuu digdama, wadala harrootaa kudhan turan.
16 And he delivered them into the hand of his servants, every drove by itself; and he said unto his servants, Pass on before me, and put a space between drove and drove.
Innis karra karraan addaan baasee tajaajiltoota isaatti kennee, “Na dura darbaa deemaa; karrawwan horii gidduuttis lafa hambisaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
17 And he commanded the foremost, saying, When Esau my brother should meet thee, and ask thee, saying, Whose art thou? and whither art thou going? and for whom are these before thee?
Namicha fuula duraan jiru sanaanis akkana jedhe: “Yoo Esaaw obboleessi koo sitti dhufe, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin fuula kee dura jiru kun kan eenyuu ti?’ jedhee si gaafate,
18 Then shalt thou say, They belong to thy servant, to Jacob; it is a present sent unto my lord, to Esau; and, behold, also, he is himself behind us.
ati, ‘Kan garbicha kee Yaaqoob. Isaanis kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamanii dha; kunoo, Yaaqoobis nu duubaan dhufaa jira’ jechuu qabda.”
19 And so he commanded also the second, also the third, as also all that followed the droves, saying, After this manner shall ye speak unto Esau, when ye find him.
Namicha lammaffaa, sadaffaa fi warra karrawwan sana faana deeman hundas akkana jedhee ajaje; “Isinis yoo Esaawun argitan waanuma kana isatti himaa.
20 And say ye moreover, Behold, also thy servant Jacob is behind us. For he said, I will appease him with the present that goeth before me, and afterward I will see his face; peradventure he will receive me kindly.
Akkasumas, ‘Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duubaan dhufaa jira’ jedhaa.” Inni, “Ani kennaa of dura ergeef kanaan isa nan araarfadha; ergasii immoo ani yommuun isa argutti tarii inni na simata taʼa” jedhee yaadee tureetii.
21 The present went thus on before him; and he lodged himself that night in the camp.
Kennaan Yaaqoobiis isa dura darbe; Yaaqoob garuu halkan sana qubata sana keessa bule.
22 And he rose up that night, and he took his two wives, and his two women-servants, and his eleven sons, and passed over the ford of the Yabbok.
Halkanuma sana Yaaqoob kaʼee niitota isaa lamaan, xomboreewwan isaa lamaanii fi ilmaan isaa kudha tokko fudhatee malkaa Yaaboq ceʼe.
23 And he took them, and sent them over the stream and sent over what he had.
Innis erga laga isaan ceesisee booddee qabeenya isaa hunda erge.
24 And Jacob was left alone; and there wrestled a man with him until the breaking of the day.
Yaaqoob immoo kophaa isaa hafe; namichi tokkos hamma lafti bariitutti walʼaansoo isa qabe.
25 And when he saw that he could net prevail against him, he struck against the hollow of his thigh; and the hollow of Jacob's thigh was put out of joint, as he was wrestling with him.
Namichis yommuu akka Yaaqoobin moʼachuu hin dandeenye argetti, buusaa luqqeettuu Yaaqoob tuqe; yeroo inni namicha wajjin walʼaansoo qabettis luqqeettuun Yaaqoob ni adoode.
26 And he said, Let me go, for the day hath dawned. And he said, I will not let thee go until thou hast blessed me.
Namichis, “Waan bariʼuu gaʼeef gad na dhiisi” jedhe. Yaaqoob garuu, “Yoo ati na eebbifte malee ani gad si hin dhiisu” jedhee deebise.
27 And he said unto him, What is thy name? and he said, Jacob.
Namichis, “Maqaan kee eenyu” jedhee isa gaafate. Inni immoo, “Yaaqoob” jedhee deebise.
28 And he said, Not Jacob shall any more be called thy name, but Israel; for as a prince hast thou power with God and with men, and hast prevailed.
Namichis, “Ati sababii Waaqaa fi namoota wajjin walʼaansoo qabdee moʼatteef siʼachi Israaʼel jedhamta malee Yaaqoob hin jedhamtu” jedhe.
29 And Jacob asked him, and said, tell me, I pray thee, thy name. And he said, Wherefore is it that thou dost ask after my name? And he blessed him there.
Yaaqoobis, “Maaloo maqaa kee natti himi” jedheen. Inni garuu, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta?” jedheen. Ergasiis inni achumatti isa eebbise.
30 And Jacob called the name of the place Peniel: for I have seen an angel of God face to face, and my life hath been preserved.
Yaaqoobis, “Ani ifaan ifatti Waaqa argeeraatii; lubbuun koo garuu oolfamteerti” jedhee iddoo sana Pheniiʼeel jedhee moggaase.
31 And the sun rose unto him as he passed by Penuel, and he halted upon his thigh.
Akkuma inni Phenuuʼeelin darbeen aduun isatti baate; innis sababii luqqeettuu isaatiif okkolaa ture.
32 Therefore do the children of Israel not eat the sinew which shrank, which is upon the hollow of the thigh, unto this day; because he struck against the hollow of Jacob's thigh on the sinew that shrank.
Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti ribuu tafaa hin nyaatan; inni buusaa luqqeettuu Yaaqoob kan tafaan wal qabatu tuqee tureetii.

< Genesis 32 >