< 2 Samuel 7 >

1 And it came to pass, when the king dwelt in his house, and the Lord had given him rest round about from all his enemies;
Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Waaqayyo diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee,
2 That the king said unto Nathan the prophet, See now, I dwell in a house of cedar, while the ark of God dwelleth within curtains.
Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
3 And Nathan said to the king, all that is in thy heart go and do; for the Lord is with thee.
Naataan immoo mootichaan, “Waaqayyo si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
4 And it came to pass during that night, That the word of the Lord came unto Nathan, saying,
Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
5 Go and say unto my servant, unto David, Thus hath said the Lord, Wilt thou indeed build me a house for my dwelling?
“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii?
6 For I have not dwelt in a house since the day that I brought up the children of Israel out of Egypt, even until this day; but have been moving about in a tent and in a tabernacle.
Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture.
7 In all the places where I moved about among all the children of Israel, did I speak a word to any one of the tribes of Israel, whom I ordained to feed my people Israel, saying, Why have ye not built for me a house of cedar?
Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
8 Now therefore, thus shalt thou say unto my servant, to David, Thus hath said the Lord of hosts, I took thee from the sheep-cote, from behind the flocks, to be a ruler over my people, over Israel;
“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
9 And I have been with thee whithersoever thou didst go, and I have cut off all thy enemies from thy presence, and I have made thee a great name, like the name of the great who are on the earth;
Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha.
10 And I have procured a place for my people, for Israel, and I have planted them, that they may dwell in a place of their own, and be no more troubled; and that the children of wickedness shall not afflict them any more as aforetimes,
Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
11 And [as it was] since the day that I ordained judges to be over my people Israel; and I have caused thee to rest from all thy enemies; and the Lord telleth thee that he, the Lord, will make thee a house.
isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa. “‘Akka Waaqayyo mataan isaa mana siif ijaaru Waaqayyo sittin hima;
12 When thy days will be completed, and thou wilt sleep with thy fathers: then will I set up thy seed after thee, who shall proceed out of thy body, and I will establish his kingdom.
yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
13 He it is that shall build a house for my name, and I will establish the throne of his kingdom for ever.
Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
14 I too will be to him as a father, and he shall indeed be to me as a son: so that when he committeth iniquity, I will chastise him with the rod of men, and with the plagues of the children of man;
Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa.
15 But my kindness shall not depart from him, as I caused it to depart from Saul, whom I removed from before thee.
Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu.
16 And thy house and thy kingdom shall be steadfast for ever before thee: thy throne shall be established for ever.
Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’”
17 In accordance with all these words, and in accordance with all this vision, so did Nathan speak unto David.
Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
18 Then went king David in, and sat down before the Lord, and he said, Who am I, O Lord Eternal? and what is my house, that thou hast brought me as far as hitherward?
Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo Gooftaa, kan ati asiin na geesse ani eenyu? Maatiin koos maali?
19 And this was yet too small a thing in thine eyes, O Lord Eternal; and thou hast spoken also of thy servant's house for a distant time. And is this the desert of man, O Lord Eternal?
Yaa Waaqayyo Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Yaa Waaqayyo Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa?
20 And what can David add yet more to speak unto thee? since thou, O Lord Eternal, knowest well thy servant?
“Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii.
21 For the sake of thy word, and in accordance with thy own heart, hast thou done all this great thing, so as to let thy servant know it.
Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote.
22 Therefore art thou great, O Eternal God; for there is none like thee, and there is no God beside thee, in accordance with all that we have heard with our ears.
“Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
23 And who is like thy people, like Israel, the only nation on the earth, which God went to redeem for himself as a people, and to acquire for himself a name, and to do for you this great deed, and fearful things for thy land [to drive out], from before thy people which thou hast redeemed for thyself from Egypt, nations and their gods.
Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Waaqni akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha?
24 For thou hast established for thyself thy people Israel as a people unto thee for ever; and thou, O Lord, art indeed become their God.
Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa Waaqayyo ati Waaqa isaanii taateerta.
25 And now, O Eternal God, let the word that thou hast spoken concerning thy servant, and concerning his house, stand firm for ever, and do as thou hast spoken.
“Ammas yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
26 And let thy name be magnified unto everlasting, that men may say, The Lord of hosts is the God over Israel: and may the house of thy servant David be established before thee.
kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Waaqa!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
27 For thou, O Lord of hosts, the God of Israel, hast revealed to the ear of thy servant, saying, A house will be built up for thee; therefore hath thy servant found the heart to pray unto thee this prayer.
“Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee kadhannaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera.
28 And now, O Lord Eternal, thou art the [true] God, and thy words must become the truth, and thou hast spoken unto thy servant this goodness:
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati Waaqa! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
29 And now let it please thee and bless the house of thy servant, that it may continue for ever before thee; for thou, O Lord Eternal, hast spoken it; and from thy blessing let the house of thy servant be blessed for ever.
Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Waaqayyo Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.”

< 2 Samuel 7 >