< 1 Kings 19 >
1 And Achab told Izebel all that Elijah had done, and withal that he had slain all the prophets with the sword.
Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime.
2 Then sent Izebel a messenger unto Elijah, saying, So may the gods do to me, and may they thus continue, if about this time tomorrow I do not render thy life as the life of any one of them.
Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, “Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jetteen.
3 And when he saw this, he arose, and went for his life, and came to Beer-sheba', which belongeth to Judah, and he left his young man there.
Eeliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee
4 But he himself went forward into the wilderness a day's journey, and he came and sat down under a certain broom-bush: and he requested for himself to die; and he said, It is enough, now, O Lord, take away my soul; for I am not better than my fathers.
ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, “Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii” jedhe.
5 And he laid himself down and slept under a certain broom-bush, and, behold then, an angel was touching him, and said unto him, Arise, eat.
Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate. Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, “Kaʼii waa nyaadhu” jedheen.
6 And he looked about, and, behold, there was at his head a cake baked on coals, and a cruise of water; and he ate and drank, and laid himself down again.
Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
7 And the angel of the Lord came again, the second time, and touched him, and said, Arise, eat; because the journey is yet far for thee.
Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, “Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii” jedheen.
8 And he arose, and ate and drank; and he went on the strength of that eating forty days and forty nights unto the mount of God, Horeb.
Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.
9 And he came there unto a cave, and remained there over night: and, behold, the word of the Lord came to him, and said unto him, What dost thou here, Elijah?
Achittis holqa tokko seenee keessa bule. Dubbiin Waaqayyoos gara isaa dhufee, “Eeliyaas, ati maal asii hojjetta?” jedheen.
10 And he said, I have been very zealous for the Lord, the God of hosts; for the children of Israel have forsaken thy covenant, thy altars have they thrown down, and thy prophets have they slain with the sword: and I am left by myself alone, and they have sought my life, to take it away.
Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
11 And he said, Go forth, and stand upon the mount before the Lord: and, behold, the Lord passed by, and a wind, great and strong, rending the mountains, and breaking in pieces the rocks [went] before the Lord; but not in the wind was the Lord: and after the wind was an earthquake: but not in the earthquake was the Lord;
Waaqayyos, “Gadi baʼiitii fuula Waaqayyoo dura tulluu irra dhaabadhu; Waaqayyo achiin darbuuf jiraatii” jedheen. Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Waaqayyoo duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Waaqayyo garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Waaqayyo garuu sochii lafaa sana keessa hin turre.
12 And after the earthquake was a fire; but not in the fire was the Lord; and after the fire was the sound of a soft whisper.
Sochii lafaa booddee ibiddi ni dhufe; Waaqayyo garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booddee immoo hasaasa xinnaa tokkotu ture.
13 And it came to pass, when Elijah heard it, that he concealed his face in his mantle, and went out, and stood in the entrance of the cave: and, behold, there came a voice unto him, and said, What dost thou here, Elijah?
Eeliyaas yommuu waan kana dhagaʼetti uffata ofii isaa fuulatti haguuggatee gara afaan holqa sanaatti hiiqee dhaabate. Sagaleen tokkos, “Eeliyaas ati maal asii hojjetta?” jedheen.
14 And he said, I have been very zealous for the Lord, the God of hosts; because the children of Israel have forsaken thy covenant, thy altars have they thrown down, and thy prophets have they slain with the sword: and I am left by myself alone, and they have sought my life, to take it away.
Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee, iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
15 And the Lord said unto him, Go, return on thy way to the wilderness of Damascus; and go, anoint Chazael to be king over Syria;
Waaqayyo garuu akkana jedhee deebiseef; “Karuma dhufte sanaan deebiʼiitii Gammoojjii Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessutti Hazaaʼeelin dibiitii Sooriyaa irratti mootii godhi.
16 And Jehu the son of Nimshi shalt thou anoint to be king over Israel; and Elisha' the son of Shaphat of Abel-mecholah shalt thou anoint to be prophet in thy stead.
Yehuu ilma Nimshiis akkasuma dibiitii mootii Israaʼel godhi; Elsaaʼi ilma Shaafaaxi kan warra Abeel Mehoolaa sana immoo akka inni raajii taʼee iddoo kee buʼuuf muudi.
17 And it shall come to pass, that him that escapeth the sword of Chazael shall Jehu slay; and him that escapeth the sword of Jehu shall Elisha' slay.
Yehuun nama baqatee goraadee Hazaaʼeel jalaa baʼu hunda ni ajjeesa; Elsaaʼis nama baqatee goraadee Yehuu jalaa baʼu hunda ni ajjeesa.
18 And I will leave in Israel seven thousand, all the knees which have not been bent unto Ba'al, and every mouth which hath not kissed him.
Taʼus ani nama kuma torba kanneen Israaʼel keessatti hambifadhe, warra jilbi isaanii Baʼaaliif hin jilbeenfatin, warra afaan isaaniis isa hin dhungatin qaba.”
19 And he departed thence, and found Elisha' the son of Shaphat, who was ploughing; twelve yoke of oxen were before him, and he was with the twelfth: and Elijah passed up to him, and cast his mantle toward him.
Kanaafuu Eeliyaas achii baʼee Elsaaʼi ilma Shaafaaxi argate. Elsaaʼi yeroo sanatti qotiyyoo cimdii kudha lamaatiin lafa qotiisaa qotaa ture; inni mataan isaa immoo cimdii kudha lammaffaa qabatee ture. Eeliyaas gara isaa dhaqee kaabbaa ofii isaa isa irra buuse.
20 And he left the oxen, and ran after Elijah, and said, Let me, I pray thee, kiss but my father and my mother, and I will [then] follow thee: and he said unto him, Go, return; for what have I done to thee?
Elsaaʼis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Eeliyaas duukaa fiigee, “Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa” jedhe. Eeliyaas immoo, “Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?” jedhee deebiseef.
21 And he returned back from him, and took a yoke of oxen, and slew them, and with the instruments of the oxen he boiled the flesh for them, and he gave it unto the people, and they did eat; and then he arose, and went after Elijah, and ministered unto him.
Kanaafuu Elsaaʼi isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Eeliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.