< Psalms 118 >

1 Alleluia. Give thanks to the Lord; for [he is] good: for his mercy [endures] for ever.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 Let now the house of Israel say, that [he is] good: for his mercy [endures] for ever.
Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
3 Let now the house of Aaron say, that [he is] good: for his mercy [endures] for ever.
Manni Aroonis, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
4 Let now all that fear the Lord say, that [he is] good: for his mercy [endures] for ever.
Warri Waaqayyoon sodaatan, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
5 I called on the Lord out of affliction: and he listened to me, [so as to bring me] into a wide place.
Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe; innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
6 The Lord is my helper; and I will not fear what man shall do to me.
Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?
7 The Lord is my helper; and I shall see [my desire] upon mine enemies.
Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. Anis diinota koo nan moʼadha.
8 [It is] better to trust in the Lord than to trust in man.
Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
9 [It is] better to hope in the Lord, than to hope in princes.
Qondaaltota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
10 All nations compassed me about: but in the name of the Lord I repulsed them.
Saboonni hundinuu na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
11 They completely compassed me about: but in the name of the Lord I repulsed them.
Isaan karaa hundaan na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
12 They compassed me about as bees [do] a honeycomb, and they burst into flame as fire among thorns: but in the name of the Lord I repulsed them.
Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
13 I was thrust, and sorely shaken, that I might fall: but the Lord helped me.
Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; Waaqayyo garuu na gargaare.
14 The Lord is my strength and my song, and is become my salvation.
Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.
15 The voice of exultation and salvation is in the tabernacles of the righteous: the right hand of the Lord has wrought mightily.
Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; “Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
16 The right hand of the Lord has exalted me: the right hand of the Lord has wrought powerfully.
Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera; harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
17 I shall not die, but live, and recount the works of the Lord.
Ani nan jiraadha malee hin duʼu; waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
18 The Lord has chastened me sore: but he has not given me up to death.
Waaqayyo jabeessee na adabeera; garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
19 Open to me the gates of righteousness: I will go into them, and give praise to the Lord.
Karra qajeelummaa naa banaa; anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
20 This is the gate of the Lord: the righteous shall enter by it.
Kun karra Waaqayyoo, kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
21 I will give thanks to you; because you have heard me, and are become my salvation.
Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; ati fayyina naa taateerta.
22 The stone which the builders rejected, the same is become the head of the corner.
Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
23 This has been done of the Lord; and it is wonderful in our eyes.
Waaqayyo waan kana hojjeteera; kunis ija keenyatti dinqii dha.
24 This is the day which the Lord has made: let us exult and rejoice in it.
Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha; kottaa ni ililchina; itti gammannas.
25 O Lord, save now: O Lord, send now prosperity.
Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi; Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
26 Blessed is he that comes in the name of the Lord: we have blessed you out of the house of the Lord.
Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha. Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
27 God is the Lord, and he has shined upon us: celebrate the feast with thick [branches, binding the victims] even to the horns of the altar.
Waaqayyo Waaqa; ifa isaas nuu irratti ibseera. Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa; gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
28 You are my God, and I will give you thanks: you are my God, and I will exalt you. I will give thanks to you, for you have heard me, and are become my salvation.
Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
29 Give thanks to the Lord; for he is good: for his mercy [endures] for ever.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.

< Psalms 118 >