< Jeremias 44 >

1 And Sedekias the son of Josias reigned instead of Joakim, whom Nabuchodonosor appointed to reign over Juda.
Dubbiin waaʼee Yihuudoota biyya Gibxi keessa jechuunis Migdool, Tahiphaanhees, Memfiisii fi Phaxroos keessa jiraatan hundaa dubbatu kun akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe;
2 And he and his servants and the people of the land listened not to the words of the Lord, which he spoke by Jeremias.
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin badiisa guddaa ani Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa hundatti fide sana argitaniirtu. Kunoo, isaan harʼa onaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu;
3 And king Sedekias sent Joachal son of Selemias and Sophonias the priest son of Maasaeas to Jeremias, saying, Pray now for us to the Lord.
kunis sababii hammina isaan hojjetaniitiif taʼe. Isaan ixaana aarsuu fi waaqota isaan yookaan isin yookaan abbootiin keessan hin beekin biraa waaqeffachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan.
4 Now Jeremias came and went through the midst of the city: for they [had] not put him into the house of the prison.
Anis, ‘Waan jibbisiisaa ani hin jaallanne kana hin hojjetinaa!’ jedhee tajaajiltoota koo raajota ammumaa amma isaanitti erge.
5 And the host of Pharao was come forth out of Egypt; and the Chaldeans heard the report of them, and they went up from Jerusalem.
Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan gurra hin kennineef; isaan hammina isaanii irraa hin deebine yookaan waaqota biraatiif ixaana aarsuu hin dhiifne.
6 And the word of the Lord came to Jeremias, saying,
Kanaafuu dheekkamsi koo sodaachisaan sun dhangalaʼee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti bobaʼe; isaanis akkuma harʼa taʼee jiru kana ni barbadaaʼan; ni onanis.
7 Thus said the Lord; Thus shall you say to the king of Juda who sent to you, to seek me; Behold, the army of Pharao which is come forth to help you: they shall return to the land of Egypt:
“Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin maaliif dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi daaʼimman Yihuudaa irraa kuttanii badiisa guddaa akkanaa ofitti fiduudhaan hambaa malee of hambiftu?
8 and the Chaldeans themselves shall turn again, and fight against this city, and take it, and burn it with fire.
Isin maaliif biyya Gibxi, lafa keessa jiraachuuf dhuftanitti waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftu? Isin ofuma balleessitanii saboota lafa irraa hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan fafaa of gootu.
9 For thus says the Lord; Suppose not in your hearts, saying, The Chaldeans will certainly depart from us: for they shall not depart.
Isin hammina abbootiin keessan, mootonni Yihuudaatii fi niitonni isaanii hojjetan, akkasumas hammina isinii fi niitonni keessan biyya Yihuudaattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjettan sana ni irraanfattanii?
10 And though you should strike the whole host of the Chaldeans that fight against you, and there should be left a few wounded [men], these should rise up each in his place, and burn this city with fire.
Isaan hamma harʼaatti gad of hin qabne yookaan na hin sodaanne yookaan seera kootii fi qajeelfama koo kan ani fuula keessanii fi fuula abbootii keessanii dura kaaʼe sana duukaa hin buune.
11 And it came to pass, when the host of the Chaldeans had gone up from Jerusalem for fear of the host of Pharao,
“Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani badiisa isinitti fiduu fi Yihuudaa hunda balleessuuf kutadheera.
12 that Jeremias went forth from Jerusalem to go into the land of Benjamin, to buy thence [a property] in the midst of the people.
Ani hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi dhaqanii achi jiraachuu murteeffatan nan balleessa. Isaan hundi Gibxitti dhumu; isaan goraadeedhaan kukkufu yookaan beelaan dhumu. Xinnaa guddaan isaanii goraadeedhaan yookaan beelaan duʼa. Isaan waan abaarsaatii fi waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa taʼu.
13 And he was in the gate of Benjamin, and [there was] there a man with whom he lodged, Saruia the son of Selemias, the son of Ananias; and he caught Jeremias, saying, You are fleeing to the Chaldeans.
Ani akkuma Yerusaalemin adabe sana warra Gibxi keessa jiraatan illee goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba.
14 And he said, [It is] false; I do not flee to the Chaldeans. But he listened not to him; and Saruia caught Jeremias, and brought him to the princes.
Hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuu dhaqan keessaa namni miliqu yookaan biyya Yihuudaa kan achi jiraachuuf hawwan sanatti deebiʼu tokko iyyuu hin jiru; baqattoota tokko tokko malee isaan hin deebiʼaniitii.”
15 And the princes were very angry with Jeremias, and struck him, and sent him into the house of Jonathan the scribe: for they had made this a prison.
Ergasiis namoonni akka niitonni isaanii waaqota biraatiif ixaana aarsan beekan hundii fi dubartoonni achi turan, walumatti waldaan guddaan tokkoo fi namoonni biyya Gibxi keessa Phaxroos jiraatan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan;
16 So Jeremias came into the dungeon, and into the cells, and he remained there many days.
“Nu dubbii ati maqaa Waaqayyootiin nutti dubbatte sana hin dhageenyu!
17 Then Sedekias sent, and called him; and the king asked him secretly, saying, Is there a word from the Lord? and he said, There is: you shall be delivered into the hands of the king of Babylon.
Nu waan ni hojjenna jenne hunda dhugumaan ni hojjenna: Akkuma nuu fi abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi qondaaltonni keenya magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti goone sana nu Mootittii Samiitiif ixaana ni aarsina; dhibaayyuus ni dhibaafanna. Nu yeroo sanatti nyaata akka malee baayʼee qabna turre; haala tolaa keessa jiraanne malee hin miidhamne.
18 And Jeremias said to the king, Wherein have I wronged you, or your servants, or this people, that you put me in prison?
Erga Mootittii Samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu dhibaafachuu dhiifne garuu nu goraadee fi beelaan dhumaa jirra malee homaa hin arganne.”
19 And where are your prophets who prophesied to you saying, The king of Babylon shall not come against this land?
Dubartoonnis kana irratti, “Yeroo nu Mootittii Samiitiif ixaana aarsinee dhibaayyuu illee dhibaafanneef sana akka nu fakkii isheetiin keekii tolchinee dhibaayuu dhibaafannuuf dhirsoonni keenya ni beeku mitii?” jedhan.
20 Now therefore, my lord the king, let my supplication come before your face: and why do you send me back to the house of Jonathan the scribe? and let me not on any account die there.
Ermiyaas uummata deebii isaaf kennaa ture dhiiraa dubartii hundaan akkana jedhe;
21 Then the king commanded, and they cast him into the prison, and gave him a loaf a day out of the place where they bake, until the bread failed out of the city. So Jeremias continued in the court of the prison.
“Waaqayyo waaʼee ixaana isinii fi abbootiin keessan, mootonni keessanii fi qondaaltonni keessan, sabni biyyattiis magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem keessatti aarsitan sanaa yaadatee garaatti hin qabannee?
Yeroo Waaqayyo hojii keessan hamaa fi waan jibbisiisaa isin hojjettan sana argee obsuu dadhabetti biyyi keessan akkuma amma jirtu kana waan abaarsaatii fi ona duwwaa namni keessa hin jiraanne taʼee hafe.
Sababii isin ixaana aarsitanii Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf ajajamuu diddaniif yookaan seera isaa yookaan labsii isaa yookaan qajeelfama isaa illee duukaa buʼuu diddaniif balaan kun akkuma isin amma argitan kana isinitti dhufe.”
Ermiyaasis saba hundaa fi dubartoota hundaan akkana jedhe; “Isin sabni Yihuudaa warri biyya Gibxi keessa jiraattan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isinii fi niitonni keessan waan, ‘Nu dhugumaan wareega waaqittii samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu illee dhibaafachuuf wareegne sana ni guunna’ jettanitti waadaa galtan sana hojiidhaan argisiiftaniirtu. “Egaa ittuma fufaatii waan waadaa galtan sana raawwadhaa! Wareega keessanis guutadhaa!
Isin Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraattan hundi garuu dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: Waaqayyo akkana jedha; ‘Akka namni Yihuudaadhaa dhufee biyya Gibxi keessa eessa iyyuu jiraatu tokko iyyuu lammata maqaa koo hin dhoofne yookaan, “Dhugaa Waaqayyo Goofticha jiraataa” jedhee hin kakanneen ani maqaa koo guddaadhaan nan kakadha.
Ani waan hamaaf isaan ilaalaan jira malee waan tolaaf isaan ilaalaa hin jiruutii; Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraatan hamma hundi isaanii barbadeeffamanitti goraadee fi beelaan dhumu.
Warri goraadee jalaa miliqanii biyya Gibxii gara Yihuudaatti deebiʼan akka malee xinnoo taʼu. Gaafas hambaawwan Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuuf dhufan guutuun akka dubbiin kootii fi kan isaanii keessaa kan eenyuu fiixaan baʼu ni beeku.
“‘Akka ani iddoo kanatti isin adabu wanni kun mallattoo isiniif taʼa;’ jedha Waaqayyo; ‘kunis akka isin akka dubbiin koo dhugumaan isiniin mormee dhaabatu beektaniif.’
Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani akkuma Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa dabarsee diina lubbuu isaa galaafachuu barbaadutti Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kenne sana Faraʼoon Hofraa mooticha Gibxi illee dabarsee diinota isaa warra lubbuu isaa galaafachuu barbaadanitti nan kenna.’”

< Jeremias 44 >