< Esias 66 >

1 Thus says the Lord, Heaven is my throne, and the earth is my footstool: what kind of a house will you build me? and of what kind [is to be] the place of my rest?
Waaqayyo akkana jedha: “Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Manni isin naaf ijaartan meerre? Lafti boqonnaa kootii eessa?
2 For all these things are mine, says the Lord: and to whom will I have respect, but to the humble and meek, and the [man] that trembles [at] my words?
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha Waaqayyo. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
3 But the transgressor that sacrifices a calf to me, is as he that kills a dog; and he that offers fine flour, as [one that offers] swine's blood; he that gives frankincense for a memorial, is as a blasphemer. Yet they have chosen their own ways, and their soul has delighted in their abominations.
Garuu namni korma qalu kam iyyuu akkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti; namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuu akkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti; namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuu akkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti; namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuus akkuma nama waaqa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti. Isaan karaa ofii isaanii filataniiru; lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi.
4 I also will choose their mockeries, and will recompense their sins upon them; because I called them, and they did not listen to me; I spoke, and they heard not: and they did evil before me, and chose the things wherein I delighted not.
Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila; waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida. Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne; yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu hin dhaggeeffanneetii. Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii waan na hin gammachiifne illee filatan.”
5 Hear the words of the Lord, you that tremble at his word; speak you, our brethren, to them that hate you and abominate you, that the name of the Lord may be glorified, and may appear their joy; but they shall be ashamed.
Warri dubbii isaatiin hollattan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii isin ariʼan sun akkana jedhan; ‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf, mee Waaqayyo haa ulfaatu!’ Taʼus isaan ni qaanaʼu.
6 A voice of a cry from the city, a voice from the temple, a voice of the Lord rendering recompence to [his] adversaries.
Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa; waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa! Wanni kun sagalee Waaqayyoo kan yeroo inni gatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti.
7 Before she that travailed brought forth, before the travail-pain came on, she escaped [it] and brought forth a male.
“Isheen utuu hin ciniinsifatin, ni deessi; utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin, ilma deessi.
8 Who has heard such a thing? and who has seen after this manner? Has the earth travailed in one day? or has even a nation been born at once, that Sion has travailed, and brought forth her children?
Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe? Waan takkumaa akkasii eenyutu arge? Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii? Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa? Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen, ijoollee ishee deesse.
9 But I have raised this expectation, yet you have not remembered me, says the Lord: behold, have not I made the bearing and barren woman? says your God.
Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee daʼuu nan dhowwaa?” jedha Waaqayyo. “Ani daʼumsaan gaʼee gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.
10 Rejoice, O Jerusalem, and all you that love her hold in her a general assembly: rejoice greatly with her, all that [now] mourn over her:
“Isin warri ishee jaallattan hundi, Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa; isin warri isheef boossan hundi, guddisaatii ishee wajjin gammadaa.
11 that you may suck, and be satisfied with the breast of her consolation; that you may milk out, and delight yourselves with the influx of her glory.
Isin harma ishee kan nama jajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii; ulfina ishee guddaa sana irraas gammachuudhaan ni dhugdu.”
12 For thus says the Lord, Behold, I turn toward them as a river of peace, and as a torrent bringing upon them in a flood the glory of the Gentiles: their children shall be borne upon the shoulders, and comforted on the knees.
Waaqayyo akkana jedhaatii: “Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa, badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuu isheef nan dhangalaasa; isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu; gudeeda ishee irra illee ni taphattu.
13 As if his mother should comfort one, so will I also comfort you; and you shall be comforted in Jerusalem.
Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana, anis isinan urursa; isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.”
14 And you shall see, and your heart shall rejoice, and your bones shall thrive like grass: and the hand of the Lord shall be known to them that fear him, and he shall threaten the disobedient.
Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada; lafeen keessan akka margaa ni haaromfama; harki Waaqayyoo akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama; dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama.
15 For, behold, the Lord will come as fire, and his chariots as a storm, to render his vengeance with wrath, and his rebuke with a flame of fire.
Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa; gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti; inni aarii isaa dhaʼichaan, ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa.
16 For with the fire of the Lord all the earth shall be judged, and all flesh with his sword: many shall be slain by the Lord.
Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiin namoota hunda irratti murtii raawwataatii; namoonni Waaqayyoon ajjeefaman ni baayʼatu.
17 They that sanctify themselves and purify themselves in the gardens, and eat swine's flesh in the porches, and the abominations, and the mouse, shall be consumed together, says the Lord.
“Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.
18 And I [know] their works and their imagination. I am going to gather all nations and tongues; and they shall come, and see my glory.
“Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.
19 And I will leave a sign upon them, and I will send forth them that have escaped of them to the nations, to Tharsis, and Phud, and Lud, and Mosoch, and to Thobel, and to Greece, and to the isles afar off, to those who have not heard my name, nor seen my glory; and they shall declare my glory among the Gentiles.
“Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.
20 And they shall bring your brethren out of all nations for a gift to the Lord with horses, and chariots, in litters [drawn by] mules with awnings, to the holy city Jerusalem, said the Lord, as though the children of Israel should bring their sacrifices to me with psalms into the house of the Lord.
Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.
21 And I will take of them priests and Levites, says the Lord.
Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.
22 For as the new heaven and the new earth, which I make, remain before me, says the Lord, so shall your seed and your name continue.
“Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.
23 And it shall come to pass from month to month, and from sabbath to sabbath, [that] all flesh shall come to worship before me in Jerusalem, says the Lord.
“Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.
24 And they shall go forth, and see the carcasses of the men that have transgressed against me: for their worm shall not die, and their fire shall not be quenched; and they shall be a spectacle to all flesh.
“Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”

< Esias 66 >