< Esias 6 >

1 And it came to pass in the year in which king Ozias died, [that] I saw the Lord sitting on a high and exalted throne, and the house was full of his glory.
Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.
2 And seraphs stood round about him: each one had six wings: and with two they covered [their] face, and with two they covered [their] feet, and with two they flew.
Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan.
3 And one cried to the other, and they said, Holy, holy, holy [is the] Lord of hosts: the whole earth is full of his glory.
Isaanis: “Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
4 And the lintel shook at the voice they uttered, and the house was filled with smoke.
Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame.
5 And I said, Woe is me, for I am pricked to the heart; for being a man, and having unclean lips, I dwell in the midst of a people having unclean lips; and I have seen with mine eyes the King, the Lord of hosts.
Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”
6 And there was sent to me one of the seraphs, and he had in his hand a coal, which he had taken off the altar with the tongs:
Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise.
7 and he touched my mouth, and said, Behold, this has touched your lips, and will take away your iniquities, and will purge off your sins.
Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
8 And I heard the voice of the Lord, saying, Whom shall I send, and who will go to this people? And I said, behold, I am [here], send me. And he said, Go, and say to this people,
Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe. Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe.
9 You shall hear indeed, but you shall not understand; and you shall see indeed, but you shall not perceive.
Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: “‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
10 For the heart of this people has become gross, and their ears are dull of hearing, and their eyes have they closed; lest they should see with their eyes, and hear with their ears, and understand with their heart, and be converted, and I should heal them.
Qalbii saba kanaa doomsi; gurra isaanii cuqqaali; ija isaaniis cufi. Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii gurra isaaniitiin dhagaʼanii qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu.”
11 And I said, How long, O Lord? And he said, Until cities be deserted by reason of their not being inhabited, and the houses by reason of there being no men, and the land shall be left desolate.
Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe. Innis akkana jedhee deebise: “Hamma magaalaawwan diigamanii nama isaan keessa jiraatu dhabanitti, hamma manneen onanii lafti qotiisaas barbadaaʼee duwwaa hafutti,
12 And after this God shall remove the men far off, and they that are left upon the land shall be multiplied.
hamma Waaqayyo nama hunda fageessee lafti sun guutumaan guutuutti dagatamutti taʼa.
13 And yet there shall be a tenth upon it, and again it shall be for a spoil, as a turpentine tree, and as an acorn when it falls out of its husk.
Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu, biyyi sun amma illee deebitee onti. Garuu akkuma mukni laaftootii fi qilxuu, yoo muran gufuun isaa latu sana akkasuma sanyiin qulqulluun gufuu taʼee achitti hafa.”

< Esias 6 >