< Proverbs 31 >

1 The words of king Lemuel, the prophecy that his mother taught him.
Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
2 What, my son? and what, the son of my womb? and what, the son of my vows?
“Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko,
3 Give not thy strength unto women, nor thy ways to that which destroyeth kings.
humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
4 [It is] not for kings, O Lemuel, [it is] not for kings to drink wine; nor for princes strong drink:
“Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
5 Lest they drink, and forget the law, and pervert the judgment of any of the afflicted.
kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
6 Give strong drink unto him that is ready to perish, and wine unto those that be of heavy hearts.
Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
7 Let him drink, and forget his poverty, and remember his misery no more.
isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
8 Open thy mouth for the dumb in the cause of all such as are appointed to destruction.
“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi.
9 Open thy mouth, judge righteously, and plead the cause of the poor and needy.
Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
10 Who can find a virtuous woman? for her price [is] far above rubies.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
11 The heart of her husband doth safely trust in her, so that he shall have no need of spoil.
Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
12 She will do him good and not evil all the days of her life.
Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
13 She seeketh wool, and flax, and worketh willingly with her hands.
Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
14 She is like the merchants’ ships; she bringeth her food from afar.
Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
15 She riseth also while it is yet night, and giveth meat to her household, and a portion to her maidens.
Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
16 She considereth a field, and buyeth it: with the fruit of her hands she planteth a vineyard.
Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
17 She girdeth her loins with strength, and strengtheneth her arms.
Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
18 She perceiveth that her merchandise [is] good: her candle goeth not out by night.
Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
19 She layeth her hands to the spindle, and her hands hold the distaff.
Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti.
20 She stretcheth out her hand to the poor; yea, she reacheth forth her hands to the needy.
Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
21 She is not afraid of the snow for her household: for all her household [are] clothed with scarlet.
Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
22 She maketh herself coverings of tapestry; her clothing [is] silk and purple.
Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
23 Her husband is known in the gates, when he sitteth among the elders of the land.
Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
24 She maketh fine linen, and selleth [it; ] and delivereth girdles unto the merchant.
Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
25 Strength and honour [are] her clothing; and she shall rejoice in time to come.
Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
26 She openeth her mouth with wisdom; and in her tongue [is] the law of kindness.
Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
27 She looketh well to the ways of her household, and eateth not the bread of idleness.
Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
28 Her children arise up, and call her blessed; her husband [also], and he praiseth her.
Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
29 Many daughters have done virtuously, but thou excellest them all.
“Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.”
30 Favour [is] deceitful, and beauty [is] vain: [but] a woman [that] feareth the LORD, she shall be praised.
Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
31 Give her of the fruit of her hands; and let her own works praise her in the gates.
Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.

< Proverbs 31 >