< Job 8 >

1 Then answered Bildad the Shuhite, and said,
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 How long wilt thou speak these [things]? and [how long shall] the words of thy mouth [be like] a strong wind?
“Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta? Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
3 Doth God pervert judgment? or doth the Almighty pervert justice?
Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree? Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
4 If thy children have sinned against him, and he have cast them away for their transgression;
Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti, inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
5 If thou wouldest seek unto God betimes, and make thy supplication to the Almighty;
Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
6 If thou [wert] pure and upright; surely now he would awake for thee, and make the habitation of thy righteousness prosperous.
yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate, inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa; jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
7 Though thy beginning was small, yet thy latter end should greatly increase.
Jalqabni kee xinnaa taʼu illee, dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
8 For enquire, I pray thee, of the former age, and prepare thyself to the search of their fathers:
“Dhaloota darbe gaafadhu; waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
9 (For we [are but of] yesterday, and know nothing, because our days upon earth [are] a shadow: )
nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
10 Shall not they teach thee, [and] tell thee, and utter words out of their heart?
Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii? Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
11 Can the rush grow up without mire? can the flag grow without water?
Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa? Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
12 Whilst it [is] yet in his greenness, [and] not cut down, it withereth before any [other] herb.
Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin, biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
13 So [are] the paths of all that forget God; and the hypocrite’s hope shall perish:
Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa; abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada.
14 Whose hope shall be cut off, and whose trust [shall be] a spider’s web.
Abdiin isaa akkuma salphaatti cita; ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
15 He shall lean upon his house, but it shall not stand: he shall hold it fast, but it shall not endure.
Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu; itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
16 He [is] green before the sun, and his branch shooteth forth in his garden.
Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti, dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
17 His roots are wrapped about the heap, [and] seeth the place of stones.
Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata; kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
18 If he destroy him from his place, then [it] shall deny him, [saying], I have not seen thee.
Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu, iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
19 Behold, this [is] the joy of his way, and out of the earth shall others grow.
Kunis dhuma jireenya isaa ti; biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
20 Behold, God will not cast away a perfect [man], neither will he help the evil doers:
“Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu; yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
21 Till he fill thy mouth with laughing, and thy lips with rejoicing.
Inni afaan kee kolfaan, arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
22 They that hate thee shall be clothed with shame; and the dwelling place of the wicked shall come to nought.
Warri si jibban salphina uffatu. Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.”

< Job 8 >