< Isaiah 51 >

1 Hearken to me, ye that follow after righteousness, ye that seek the LORD: look unto the rock [whence] ye are hewn, and to the hole of the pit [whence] ye are digged.
“Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, warri Waaqayyoon barbaaddan na dhaggeeffadhaa: Isin kattaa irraa argamtan, boolla keessaa baafamtan sana ilaalaa.
2 Look unto Abraham your father, and unto Sarah [that] bare you: for I called him alone, and blessed him, and increased him.
Abbaa keessan Abrahaamii fi Saaraa ishee isin deesse sana ilaalaa. Yeroo ani isa waametti, inni tokkicha ture; ani isa nan eebbise; nan baayʼises.
3 For the LORD shall comfort Zion: he will comfort all her waste places; and he will make her wilderness like Eden, and her desert like the garden of the LORD; joy and gladness shall be found therein, thanksgiving, and the voice of melody.
Waaqayyo dhugumaan Xiyoonin ni jajjabeessa; diigama ishee hundas gara laafinaan ni ilaala; inni gammoojjii ishee goggogaa akka Eeden, lafa onaa ishees akka iddoo biqiltuu Waaqayyoo ni godha. Ililchuu fi gammaduun, galannii fi sagaleen faarfannaa ishee keessatti argama.
4 Hearken unto me, my people; and give ear unto me, O my nation: for a law shall proceed from me, and I will make my judgment to rest for a light of the people.
“Yaa uummata koo na dhaggeeffadhaa; yaa saba koo na dhagaʼaa; seerri na biraa baʼa; murtiin koos sabootaaf ifa taʼa.
5 My righteousness [is] near; my salvation is gone forth, and mine arms shall judge the people; the isles shall wait upon me, and on mine arm shall they trust.
Qajeelummaan koo dafee dhiʼaata; fayyisuun koos dhufaa jira; irreen koo moototaaf murtii qajeelaa fida; biyyoonni bishaan gidduu na eeggatu; irree koos ni abdatu.
6 Lift up your eyes to the heavens, and look upon the earth beneath: for the heavens shall vanish away like smoke, and the earth shall wax old like a garment, and they that dwell therein shall die in like manner: but my salvation shall be for ever, and my righteousness shall not be abolished.
Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa; lafas gad ilaalaa; samiiwwan akkuma aaraa ni badu; lafti akkuma wayyaa moofofti. Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan. Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata; qajeelummaan koos hin badu.
7 Hearken unto me, ye that know righteousness, the people in whose heart [is] my law; fear ye not the reproach of men, neither be ye afraid of their revilings.
“Isin warri waan qajeelaa beektan namoonni seera koo garaa keessaa qabdan na dhagaʼaa; tuffii namootaa hin sodaatinaa; yookaan arrabsoo isaaniitiin hin raafaminaa.
8 For the moth shall eat them up like a garment, and the worm shall eat them like wool: but my righteousness shall be for ever, and my salvation from generation to generation.
Biliin akka wayyaatti isaan nyaatti; raammoonis akkuma rifeensa hoolaatti isaan fixxi. Garuu qajeelummaan koo bara baraan, fayyisuun koos dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.”
9 Awake, awake, put on strength, O arm of the LORD; awake, as in the ancient days, in the generations of old. [Art] thou not it that hath cut Rahab, [and] wounded the dragon?
Yaa irree Waaqayyoo, kaʼi; kaʼi! Jabina uffadhu; akkuma baroota darbanii, akkuma dhaloota durii keessatti taʼe sana kaʼi. Kan Raʼaabin kukkute, kan jawwee galaanaa waraane sun suma mitii?
10 [Art] thou not it which hath dried the sea, the waters of the great deep; that hath made the depths of the sea a way for the ransomed to pass over?
Inni akka warri furaman ceʼaniif, galaanicha, bishaan tuujuba guddichaa gogse, kan dhidhima galaanaa keessaan karaa baase suma mitii?
11 Therefore the redeemed of the LORD shall return, and come with singing unto Zion; and everlasting joy [shall be] upon their head: they shall obtain gladness and joy; [and] sorrow and mourning shall flee away.
Warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
12 I, [even] I, [am] he that comforteth you: who [art] thou, that thou shouldest be afraid of a man [that] shall die, and of the son of man [which] shall be made [as] grass;
“Kan isin jajjabeessu ana; anuma. Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
13 And forgettest the LORD thy maker, that hath stretched forth the heavens, and laid the foundations of the earth; and hast feared continually every day because of the fury of the oppressor, as if he were ready to destroy? and where [is] the fury of the oppressor?
Ati kan Waaqayyo Tolchaa kee, isa samiiwwan diriirsee hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu? Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu? Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree?
14 The captive exile hasteneth that he may be loosed, and that he should not die in the pit, nor that his bread should fail.
Boojiʼamtoonni hidhaman ariitiidhaan gad dhiifamu; isaan boolla itti hidhaman keessatti hin duʼan yookaan buddeena hin dhaban.
15 But I [am] the LORD thy God, that divided the sea, whose waves roared: The LORD of hosts [is] his name.
Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan akka dhaʼaan bishaanii huursuuf galaana raasuu dha; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
16 And I have put my words in thy mouth, and I have covered thee in the shadow of mine hand, that I may plant the heavens, and lay the foundations of the earth, and say unto Zion, Thou [art] my people.
Ani kan samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe, kan hundee lafaa hundeessee Xiyooniin, ‘Ati saba koo ti’ jedhe sun, dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera; gaaddidduu harka kootiinis si haguugeera.”
17 Awake, awake, stand up, O Jerusalem, which hast drunk at the hand of the LORD the cup of his fury; thou hast drunken the dregs of the cup of trembling, [and] wrung [them] out.
Yaa Yerusaalem, ati kan harka Waaqayyoo irraa, xoofoo dheekkamsa isaa keessaa dhugde, ati kan xoofoo dhugaatii nama gatantarsuu keessaa siicoo isaa xuruurfattee dhugde, dammaqi, dammaqi! Ol kaʼi.
18 [There is] none to guide her among all the sons [whom] she hath brought forth; neither [is there any] that taketh her by the hand of all the sons [that] she hath brought up.
Ilmaan isheen deesse hunda keessaa, kan ishee qajeelchu tokko iyyuu hin turre; ilmaan isheen guddifte hunda keessaas, kan harka ishee qabu tokko iyyuu hin turre.
19 These two [things] are come unto thee; who shall be sorry for thee? desolation, and destruction, and the famine, and the sword: by whom shall I comfort thee?
Balaawwan kunneen dachaadhaan sitti dhufaniiru; egaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa? Diigamnii fi badiisni, beellii fi goraadeen sitti dhufaniiru; eegaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa?
20 Thy sons have fainted, they lie at the head of all the streets, as a wild bull in a net: they are full of the fury of the LORD, the rebuke of thy God.
Ijoolleen kee gaggabaniiru; akkuma borofa kiyyoon qabame tokkoo, roga karaa irra ciciisu. Isaan dheekkamsa Waaqayyootiin, ifata Waaqa keetiinis guutamaniiru.
21 Therefore hear now this, thou afflicted, and drunken, but not with wine:
Kanaafuu yaa ishee miidhamte, kan utuu daadhii wayinii hin dhugin machoofte, waan kana dhagaʼi.
22 Thus saith thy Lord the LORD, and thy God [that] pleadeth the cause of his people, Behold, I have taken out of thine hand the cup of trembling, [even] the dregs of the cup of my fury; thou shalt no more drink it again:
Waaqayyo Gooftaan kee, Waaqni kee inni saba isaa eegu akkana jedha: “Kunoo ani xoofoo dhugaatii nama gatantarsu harka keetii fuudheera; ati siʼachi xoofoo dheekkamsa koo keessaa deebitee hin dhugdu.
23 But I will put it into the hand of them that afflict thee; which have said to thy soul, Bow down, that we may go over: and thou hast laid thy body as the ground, and as the street, to them that went over.
Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan kanneen, ‘Akka nu sirra yaanuuf, lafa irra diriirfami’ siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa. Ati immoo dugda kee akkuma lafaa, akkuma daandii namni irra deemuu goote.”

< Isaiah 51 >