< Esther 10 >

1 And the king Ahasuerus laid a tribute upon the land, and [upon] the isles of the sea.
Ahashweroos Mootichi hamma qarqara galaanaatti bulchiinsa isaa guutuu irratti gibira buuse.
2 And all the acts of his power and of his might, and the declaration of the greatness of Mordecai, whereunto the king advanced him, [are] they not written in the book of the chronicles of the kings of Media and Persia?
Hojiin humnaa fi jabina isaa hundinuu, seenaa guddina Mordekaayi kan mootichi itti ol isa guddise guutuu wajjin kitaaba seenaa mootota Meedee fi Faares keessatti barreeffameera mitii?
3 For Mordecai the Jew [was] next unto king Ahasuerus, and great among the Jews, and accepted of the multitude of his brethren, seeking the wealth of his people, and speaking peace to all his seed.
Mordekaayi Yihuudichi sadarkaadhaan nama Ahashweroos Mootichatti aanu ture; inni sababii uummata isaatiif waan gaarii hojjetee fi sababii nageenya Yihuudoota hundaatiif falmeef obboloota isaa Yihuudoota hedduu biratti ulfina guddaa qaba ture.

< Esther 10 >