< Exodus 5 >

1 And afterward Moses and Aaron went in, and told Pharaoh, Thus says the LORD God of Israel, Let my people go, that they may hold a feast unto me in the wilderness.
Ergasii Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii, “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Akka inni gammoojjiitti ayyaana naa ayyaanessuuf saba koo gad dhiisi.’”
2 And Pharaoh said, Who is the LORD, that I should obey his voice to let Israel go? I know not the LORD, neither will I let Israel go.
Faraʼoon immoo, “Akka ani isaaf ajajamee Israaʼelin gad dhiisuuf Waaqayyo kun eenyu? Ani Waaqayyo sana hin beeku; Israaʼelinis gad hin dhiisu” jedhe.
3 And they said, The God of the Hebrews has met with us: let us go, we pray you, three days' journey into the desert, and sacrifice unto the LORD our God; lest he fall upon us with pestilence, or with the sword.
Isaanis akkana jedhan; “Waaqni Ibrootaa nutti dhufeera. Akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami; akkas taʼuu baannaan inni dhaʼichaan yookaan goraadeedhaan nu dhaʼa.”
4 And the king of Egypt said unto them, Wherefore do all of you, Moses and Aaron, let the people from their works? get you unto your burdens.
Mootiin Gibxi garuu, “Yaa Musee fi Aroon, isin maaliif saba kana hojii dhowwitu? Hojii keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe.
5 And Pharaoh said, Behold, the people of the land now are many, and all of you make them rest from their burdens.
Faraʼoonis ittuma fufee, “Kunoo sabni biyyattii amma baayʼateera; isin immoo hojii isaan dhowwaa jirtu” jedhe.
6 And Pharaoh commanded the same day the taskmasters of the people, and their officers, saying,
Guyyuma sana Faraʼoon akkana jedhee itti gaafatamtoota hojiitii fi qondaaltota sabaa ajaje;
7 All of you shall no more give the people straw to make brick, as in time past: let them go and gather straw for themselves.
“Siʼachi xuubii hojjechuudhaaf saba kanaaf cidii hin kenninaa; isaan ofuma isaaniitii dhaqanii cidii haa barbaaddatan.
8 And the tale of the bricks, which they did make in time past, all of you shall lay upon them; all of you shall not diminish ought thereof: for they be idle; therefore they cry, saying, Let us go and sacrifice to our God.
Garuu akka isaan lakkoobsa xuubii kan duraan hojjechaa turan sana hojjetan godhaa; hamma isaanitti ramadame hin hirʼisinaa. Isaan dhibaaʼoo dha; kanaafuu, ‘Nu dhaqnee Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessina’ jedhanii iyyaa jiru.
9 Let there more work be laid upon the men, that they may labour therein; and let them not regard vain words.
Akka isaan hojiidhaan qabamanii dubbii sobaatiif xiyyeeffannoo hin kennineef hojii isaanitti cimsaa.”
10 And the taskmasters of the people went out, and their officers, and they spoke to the people, saying, Thus says Pharaoh, I will not give you straw.
Itti gaafatamtoonni hojiitii fi qondaaltonni sabaa gad yaaʼanii saba sanaan akkana jedhan; “Faraʼoon akkana jedha: ‘Ani siʼachi cidii isinii hin kennu.
11 Go all of you, get you straw where all of you can find it: yet not ought of your work shall be diminished.
Lafa itti argachuu dandeessan dhaqaatii ofii keessanii cidii barbaaddadhaa; hojiin keessan garuu gonkumaa hin hirʼatu.’”
12 So the people were scattered abroad throughout all the land of Egypt to gather stubble instead of straw.
Sabni sun qooda cidii, haafa walitti qabachuuf jedhee biyya Gibxii guutuu keessa faffacaʼe.
13 And the taskmasters hasted them, saying, Fulfill your works, your daily tasks, as when there was straw.
Itti gaafatamtoonni sunis, “Isin hojii keessan kan guyyaa guyyaa akkuma yeroo cidiin ture sanaatti hojjedhaa raawwadhaa” jedhanii isaan jarjarsaa turan.
14 And the officers of the children of Israel, which Pharaoh's taskmasters had set over them, were beaten, and demanded, Wherefore have all of you not fulfilled your task in making brick both yesterday and to day, as in time past?
Israaʼeloonni qondaaltota hojii taʼan kanneen itti gaafatamtoota garboota Faraʼooniin muudamanis reebamanii, “Isin kaleessaa fi harʼa maaliif qooda xuubii kan akka hojjettaniif isinii ramadame sana akkuma duriitti hin guuttanne?” jedhamanii gaafatamaa turan.
15 Then the officers of the children of Israel came and cried unto Pharaoh, saying, Wherefore deal you thus with your servants?
Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼanis dhaqanii akkana jedhanii Faraʼoonitti iyyatan; “Ati maaliif tajaajiltoota kee akkas goota?
16 There is no straw given unto your servants, and they say to us, Make brick: and, behold, your servants are beaten; but the fault is in your own people.
Cidiin tajaajiltoota keetiif hin kennamu; taʼus, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jedhan. Kunoo tajaajiltoonni kee reebamaa jiru; balleessaan garuu kanuma saba keetii ti.”
17 But he said, All of you are idle, all of you are idle: therefore all of you say, Let us go and do sacrifice to the LORD.
Faraʼoonis akkana jedhe; “Isin dhibaaʼoo dha; isin dhibaaʼoo dha! Kanaafuu isin, ‘Nu dhaqnee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessina’ jettan.
18 Go therefore now, and work; for there shall no straw be given you, yet shall all of you deliver the tale of bricks.
Amma dhaqaatii hojjedhaa; cidiin isiniif hin kennamu; garuu xuubii isinitti ramadame hojjetanii guutuu qabdu.”
19 And the officers of the children of Israel did see that they were in evil case, after it was said, All of you shall not diminish ought from your bricks of your daily task.
Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼan yommuu, “Isin lakkoobsa xuubii kan guyyaa guyyaatti akka hojjettaniif isin irraa eegamu sana hirʼisuu hin qabdan” jedhamee isaanitti himametti akka rakkina keessa seenan hubatan.
20 And they met Moses and Aaron, who stood in the way, as they came forth from Pharaoh:
Yeroo Faraʼoon biraa gad baʼanitti utuu Musee fi Aroon isaan eeganuu argatan;
21 And they said unto them, The LORD look upon you, and judge; because all of you have made our savour to be abhorred in the eyes of Pharaoh, and in the eyes of his servants, to put a sword in their hand to slay us.
isaanis, “Waan isin akka Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa nu xireeffatan gootanii akka isaan nu ajjeesaniif goraadee harka isaanii keessa keessaniif Waaqayyo isinitti haa ilaalu; isinitti haa murus!” jedhan.
22 And Moses returned unto the LORD, and said, LORD, wherefore have you so evil pleaded this people? why is it that you have sent me?
Museen gara Waaqayyootti deebiʼee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ati maaliif saba kanatti rakkina fidde? Ati kanaaf na ergitee?
23 For since I came to Pharaoh to speak in your name, he has done evil to this people; neither have you delivered your people at all.
Gaafa ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon bira dhaqee jalqabee inni saba keetti rakkinuma fidaa jira; ati garuu gonkumaa saba kee hin furre.”

< Exodus 5 >