< 1 Samuel 20 >
1 And David fled from Naioth in Ramah, and came and said before Jonathan, What have I done? what is mine iniquity? and what is my sin before your father, that he seeks my life?
Daawitis Naayot ishee Raamaa keessatti argamtuu baqatee Yoonaataan bira deemee, “Ani maalin godhe? Yakki koos maali? Cubbuun ani fuula abbaa keetii duratti hojjedhee inni na ajjeesuu barbaaduuf kami?” jedhee gaafate.
2 And he said unto him, God forbid; you shall not die: behold, my father will do nothing either great or small, but that he will show it me: and why should my father hide this thing from me? it is not so.
Yoonaataanis deebisee, “Kun gonkumaa hin taʼu; ati hin ajjeefamtu! Abbaan koo waan xinnaas taʼu waan guddaa utuu na wajjin hin mariʼatin hin hojjetu. Yoos abbaan koo akkam waan kana na dhoksa ree? Wanni kun akkas miti!” jedhe.
3 And David swore moreover, and said, Your father certainly knows that I have found grace in your eyes; and he says, Let not Jonathan know this, lest he be grieved: but truly as the LORD lives, and as your soul lives, there is but a step between me and death.
Daawit garuu akkana jedhee kakate; “Akka ani fuula kee duratti fudhatama argadhe abbaan kee sirriitti beeka; kanaafuu inni, ‘Yoonaataan waan gadduuf akka waan kana beeku hin godhinaa’ jedheera. Garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa ti; duʼa kee ti; anaa fi duʼa giddu tarkaanfii tokko qofatu jira.”
4 Then said Jonathan unto David, Whatsoever your soul desires, I will even do it for you.
Yoonaataanis Daawitiin, “Waan ati akka ani siif godhu barbaaddu hunda siifin godha” jedhe.
5 And David said unto Jonathan, Behold, tomorrow is the new moon, and I should not fail to sit with the king at food: but let me go, that I may hide myself in the field unto the third day at even.
Kanaafuu Daawit akkana jedhe; “Bor Ayyaana Baatii ti; anis mootii wajjin maaddiitti dhiʼaachuun qaba; garuu akka ani dhaqee hamma galgala iftaaniitti ala dhokadhu naa eeyyami.
6 If your father at all miss me, then say, David earnestly asked leave of me that he might run to Bethlehem his city: for there is a yearly sacrifice there for all the family.
Yoo abbaan kee na barbaadee na dhabe, ‘Daawit waan aarsaan waggaa sababii maatii isaa guutuutiif achitti dhiʼeeffamaa jiruuf akka ariitiidhaan gara Beetlihem magaalaa ofii isaa dhaquuf cimsee eeyyama na gaafatee jira’ jedhiin.
7 If he say thus, It is well; your servant shall have peace: but if he be very angry, then be sure that evil is determined by him.
Yoo inni, ‘Haa taʼu’ jedhe, garbichi kee ooleera; yoo inni aare garuu akka inni hammina natti yaade hubachuu dandeessa.
8 Therefore you shall deal kindly with your servant; for you have brought your servant into a covenant of the LORD with you: notwithstanding, if there be in me iniquity, slay me yourself; for why should you bring me to your father?
Ati garuu garbicha keetiif garaa laafi. Atii fi garbichi kee fuula Waaqayyoo duratti kakuu galtaniirtuutii. Yoo ani yakka qabaadhe atuu na ajjeesi! Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”
9 And Jonathan said, Far be it from you: for if I knew certainly that evil were determined by my father to come upon you, then would not I tell it you?
Yoonaataanis, “Wanni kun sirraa haa fagaatu! Ani utuu akka abbaan koo si miidhuu barbaade beekee silaa sitti hin himun turee?” jedhe.
10 Then said David to Jonathan, Who shall tell me? or what if your father answer you roughly?
Daawitis, “Yoo abbaan kee dheekkamsaan siif deebise eenyutu natti hima?” jedhee gaafate.
11 And Jonathan said unto David, Come, and let us go out into the field. And they went out both of them into the field.
Yoonaataan, “Kottu alatti baanaa” jedhe. Kanaafuu isaan lamaanuu walii wajjin deeman.
12 And Jonathan said unto David, O LORD God of Israel, when I have sounded my father about tomorrow any time, or the third day, and, behold, if there be good toward David, and I then send not unto you, and show it you;
Kana irratti Yoonaataan Daawitiin akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin nan kakadha; dhugumaan iftaan yoona yaada abbaa koo nan ilaala! Yoo inni yaada tolaa siif qabaate ani dhaamsa sitti ergeen si beeksisa.
13 The LORD do so and much more to Jonathan: but if it please my father to do you evil, then I will show it you, and send you away, that you may go in peace: and the LORD be with you, as he has been with my father.
Garuu yoo abbaan koo si miidhuu barbaadee ani immoo si beeksisee nagaadhaan si erguu baadhe, Waaqayyo Yoonaataanin haa adabu; waan caalus itti haa fidu. Waaqayyo akkuma abbaa koo wajjin taʼe sana si wajjinis haa taʼu.
14 And you shall not only while yet I live show me the kindness of the LORD, that I die not:
Akka ani hin ajjeefamneef ati gara laafina hin geeddaramne kan akka gara laafina Waaqayyoo sana bara jireenya kootii keessa na argisiisi.
15 But also you shall not cut off your kindness from my house for ever: no, not when the LORD has cut off the enemies of David every one from the face of the earth.
Yeroo Waaqayyo diinota Daawit lafa irraa barbadeessutti illee gara laafinni kee maatii koo irraa hin citin.”
16 So Jonathan made a covenant with the house of David, saying, Let the LORD even require it at the hand of David's enemies.
Kanaafuu Yoonaataan, “Waaqayyo diinota Daawit itti gaafatamtoota haa godhu” jedhee mana Daawit wajjin kakuu seene.
17 And Jonathan caused David to swear again, because he loved him: for he loved him as he loved his own soul.
Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawitin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe.
18 Then Jonathan said to David, Tomorrow is the new moon: and you shall be missed, because your seat will be empty.
Yoonaataanis Daawitiin akkana jedhe: “Bori Guyyaa Ayyaana Baatii ti. Sababii iddoon ati teessu sun duwwaa taʼuuf akka ati hin jirre ni beekama.
19 And when you have stayed three days, then you shall go down quickly, and come to the place where you did hide yourself when the business was in hand, and shall remain by the stone Ezel.
Iftaan galgala iddoo yeroo rakkinni kun jalqabetti itti dhokatte sana dhaqiitii dhagaa Ezeel bira turi.
20 And I will shoot three arrows on the side thereof, as though I shot at a mark.
Ani akka nama waan tokkotti xiyyeeffatee darbatuutti xiyya sadii naannoo dhagaa sanaatti nan darbadha.
21 And, behold, I will send a lad, saying, Go, find out the arrows. If I expressly say unto the lad, Behold, the arrows are on this side of you, take them; then come you: for there is peace to you, and no hurt; as the LORD lives.
Ergasiis gurbaa tokko ergee, ‘Dhaqiitii xiyya barbaadi’ nan jedha. Yoo ani, ‘Ilaa, xiyyi siin garana jira; as fidi’ jedheen, dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati homaa hin taatuutii kottu; balaan tokko iyyuu hin jiru.
22 But if I say thus unto the young man, Behold, the arrows are beyond you; go your way: for the LORD has sent you away.
Yoo ani gurbichaan, ‘Ilaa, xiyyi siin garas jira’ jedhe garuu waan Waaqayyo akka ati deemtu barbaadeef deemuu qabda.
23 And as concerning the matter which you and I have spoken of, behold, the LORD be between you and me for ever.
Waaʼee waan anaa fi ati mariʼanne sanaa akka Waaqayyo bara baraan anaa fi si gidduutti dhuga baʼaa taʼe yaadadhu.”
24 So David hid himself in the field: and when the new moon was come, the king sat him down to eat food.
Kanaafuu Daawit ala dhokate; yeroo Guyyaan Ayyaana Baatii gaʼettis mootichi waa nyaachuuf taaʼe.
25 And the king sat upon his seat, as at other times, even upon a seat by the wall: and Jonathan arose, and Abner sat by Saul's side, and David's place was empty.
Innis akkuma amala isaa keenyan manaa bira taaʼe; Yoonaataan fuullee isaa, Abneer immoo Saaʼol cina taaʼe; iddoon Daawit garuu duwwaa ture.
26 Nevertheless Saul spoke not any thing that day: for he thought, Something has befallen him, he is not clean; surely he is not clean.
Saaʼol gaafas homaa hin dubbanne; inni, “Wanni akka seeraatti isa xureessu tokko Daawititti dhufuu hin oolu; inni dhugumaanuu xuraaʼaa dha” jedhee yaadaa tureetii.
27 And it came to pass on the next day, which was the second day of the month, that David's place was empty: and Saul said unto Jonathan his son, Wherefore comes not the son of Jesse to food, neither yesterday, nor to day?
Garuu guyyaa itti aanu jechuunis jiʼa sana keessaa guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit ammas duwwaa ture. Kana irratti Saaʼol ilma isaa Yoonaataaniin, “Ilmi Isseey sun maaliif kaleessas harʼas nyaataaf hin dhufin?” jedhe.
28 And Jonathan answered Saul, David earnestly asked leave of me to go to Bethlehem:
Yoonaataanis akkana jedhee deebise; “Daawit gara Beetlihem deemuuf jedhee jabeessee eeyyama na gaafate.
29 And he said, Let me go, I pray you; for our family has a sacrifice in the city; and my brother, he has commanded me to be there: and now, if I have found favour in your eyes, let me get away, I pray you, and see my brethren. Therefore he comes not unto the king's table.
Innis, ‘Sababii maatiin keenya magaalaa sana keessatti aarsaa dhiʼeessaa jiruu fi sababii obboleessi koo akka ani achitti argamuuf na ajajeef nan dhaqa. Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe akka ani obboloota koo ilaaluu dhaquuf naa eeyyami’ jedhe. Wanni inni utuu maaddii mootichaatti hin dhiʼaatin hafeefis kanuma.”
30 Then Saul's anger was kindled against Jonathan, and he said unto him, You son of the perverse rebellious woman, do not I know that you have chosen the son of Jesse to your own confusion, and unto the confusion of your mother's nakedness?
Saaʼolis akka malee Yoonaataanitti aaree akkana jedheen; “Ati yaa ilma dubartii micciiramtuu fi finciltuu sanaa! Akka ati ilma Isseey kan siʼii fi haadha si deesseef qaanii taʼe sanaaf tumsite ani hin beekuu?
31 For as long as the son of Jesse lives upon the ground, you shall not be established, nor your kingdom. Wherefore now send and fetch him unto me, for he shall surely die.
Hamma ilmi Isseey lafa irra jirutti atis mootummaan kees jabaattanii hin dhaabattan. Kanaafuu amma nama itti ergiitii gara koo fichisiisi; inni duʼuu qabaatii!”
32 And Jonathan answered Saul his father, and said unto him, Wherefore shall he be slain? what has he done?
Yoonaataanis, “Inni maaliif ajjeefama? Maali godhe?” jedhee abbaa isaa Saaʼolin gaafate.
33 And Saul cast a javelin at him to strike him: whereby Jonathan knew that it was determined of his father to slay David.
Saaʼol garuu isa ajjeesuudhaaf eeboo itti darbate. Kanaafuu Yoonaataan akka abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf kutate beeke.
34 So Jonathan arose from the table in fierce anger, and did eat no food the second day of the month: for he was grieved for David, because his father had done him shame.
Yoonaataanis akka malee aaree maaddii irraa kaʼe; innis sababii hojii qaanii kan abbaan isaa Daawititti hojjete sanaan gaddeef bultii lammaffaa jiʼa sanaatti homaa hin nyaanne.
35 And it came to pass in the morning, that Jonathan went out into the field at the time appointed with David, and a little lad with him.
Yoonaataan ganama barii Daawitin wal arguuf gad baʼe. Gurbaan xinnaan tokkos isa wajjin ture.
36 And he said unto his lad, Run, find out now the arrows which I shoot. And as the lad ran, he shot an arrow beyond him.
Innis gurbaa sanaan, “Fiigiitii xiyya ani darbadhu sana barbaadi” jedhe. Akkuma gurbaan sun fiigeen Yoonaataan isa duubaan xiyya darbate.
37 And when the lad was come to the place of the arrow which Jonathan had shot, Jonathan cried after the lad, and said, Is not the arrow beyond you?
Yeroo gurbichi iddoo xiyyi Yoonaataan buʼe sana gaʼetti, Yoonaataan isa waamee, “Xiyyi siin achi jira mitii?” jedhe.
38 And Jonathan cried after the lad, Make speed, haste, stay not. And Jonathan's lad gathered up the arrows, and came to his master.
Ergasiis, “Ariifadhu! Dafiitii deemi! Hin dhaabatin!” jedhee itti iyye; gurbichis xiyya sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe.
39 But the lad knew not any thing: only Jonathan and David knew the matter.
Gurbaan sun waaʼee waan kana hundaa waan tokko illee hin beekne; Yoonaataanii fi Daawit qofatu beeka ture.
40 And Jonathan gave his artillery unto his lad, and said unto him, Go, carry them to the city.
Ergasiis Yoonaataan miʼa isaa kan lolaa gurbichatti kennee, “Fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi” jedheen.
41 And as soon as the lad was gone, David arose out of a place toward the south, and fell on his face to the ground, and bowed himself three times: and they kissed one another, and wept one with another, until David exceeded.
Erga gurbichi deemee booddee Daawit karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawit garuu caalaa booʼe.
42 And Jonathan said to David, Go in peace, forasmuch as we have sworn both of us in the name of the LORD, saying, The LORD be between me and you, and between my seed and your seed for ever. And he arose and departed: and Jonathan went into the city.
Yoonaataanis Daawitiin, “‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti Waaqayyo bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa Waaqayyootiin walii kakanneerraatii nagaan deemi” jedhe. Ergasii Daawit kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.