< John 6 >
1 After these things Jesus went over the sea of Galilee, which is the sea of Tiberias.
Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe;
2 And a great multitude followed him, because they saw his miracles which he did on them that were diseased.
namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan.
3 And Jesus went up into a mountain, and there he sat with his disciples.
Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe.
4 And the passover, a feast of the Jews, was near.
Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
5 When Jesus then lifted up his eyes, and saw a great company come to him, he says to Philip, From where shall we buy bread, that these may eat?
Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe.
6 And this he said to prove him: for he himself knew what he would do.
Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
7 Philip answered him, Two hundred pennyworth of bread is not sufficient for them, that every one of them may take a little.
Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
8 One of his disciples, Andrew, Simon Peter’s brother, says to him,
Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen;
9 There is a lad here, which has five barley loaves, and two small fishes: but what are they among so many?
“Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
10 And Jesus said, Make the men sit down. Now there was much grass in the place. So the men sat down, in number about five thousand.
Yesuusis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture.
11 And Jesus took the loaves; and when he had given thanks, he distributed to the disciples, and the disciples to them that were set down; and likewise of the fishes as much as they would.
Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
12 When they were filled, he said to his disciples, Gather up the fragments that remain, that nothing be lost.
Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe.
13 Therefore they gathered them together, and filled twelve baskets with the fragments of the five barley loaves, which remained over and above to them that had eaten.
Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
14 Then those men, when they had seen the miracle that Jesus did, said, This is of a truth that prophet that should come into the world.
Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan.
15 When Jesus therefore perceived that they would come and take him by force, to make him a king, he departed again into a mountain himself alone.
Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
16 And when even was now come, his disciples went down to the sea,
Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;
17 And entered into a ship, and went over the sea toward Capernaum. And it was now dark, and Jesus was not come to them.
achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.
18 And the sea arose by reason of a great wind that blew.
Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame.
19 So when they had rowed about five and twenty or thirty furlongs, they see Jesus walking on the sea, and drawing near to the ship: and they were afraid.
Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis.
20 But he says to them, It is I; be not afraid.
Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen.
21 Then they willingly received him into the ship: and immediately the ship was at the land where they went.
Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
22 The day following, when the people which stood on the other side of the sea saw that there was none other boat there, save that one into where his disciples were entered, and that Jesus went not with his disciples into the boat, but that his disciples were gone away alone;
Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan.
23 (However, there came other boats from Tiberias near to the place where they did eat bread, after that the Lord had given thanks: )
Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan.
24 When the people therefore saw that Jesus was not there, neither his disciples, they also took shipping, and came to Capernaum, seeking for Jesus.
Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
25 And when they had found him on the other side of the sea, they said to him, Rabbi, when came you here?
Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
26 Jesus answered them and said, Truly, truly, I say to you, You seek me, not because you saw the miracles, but because you did eat of the loaves, and were filled.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.
27 Labor not for the meat which perishes, but for that meat which endures to everlasting life, which the Son of man shall give to you: for him has God the Father sealed. (aiōnios )
Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.” (aiōnios )
28 Then said they to him, What shall we do, that we might work the works of God?
Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
29 Jesus answered and said to them, This is the work of God, that you believe on him whom he has sent.
Yesuusis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti” jedhee deebiseef.
30 They said therefore to him, What sign show you then, that we may see, and believe you? what do you work?
Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas?
31 Our fathers did eat manna in the desert; as it is written, He gave them bread from heaven to eat.
‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
32 Then Jesus said to them, Truly, truly, I say to you, Moses gave you not that bread from heaven; but my Father gives you the true bread from heaven.
Yesuusis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.
33 For the bread of God is he which comes down from heaven, and gives life to the world.
Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
34 Then said they to him, Lord, ever more give us this bread.
Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
35 And Jesus said to them, I am the bread of life: he that comes to me shall never hunger; and he that believes on me shall never thirst.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
36 But I said to you, That you also have seen me, and believe not.
Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.
37 All that the Father gives me shall come to me; and him that comes to me I will in no wise cast out.
Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
38 For I came down from heaven, not to do my own will, but the will of him that sent me.
Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.
39 And this is the Father’s will which has sent me, that of all which he has given me I should lose nothing, but should raise it up again at the last day.
Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.
40 And this is the will of him that sent me, that every one which sees the Son, and believes on him, may have everlasting life: and I will raise him up at the last day. (aiōnios )
Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.” (aiōnios )
41 The Jews then murmured at him, because he said, I am the bread which came down from heaven.
Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban.
42 And they said, Is not this Jesus, the son of Joseph, whose father and mother we know? how is it then that he says, I came down from heaven?
Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
43 Jesus therefore answered and said to them, Murmur not among yourselves.
Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
44 No man can come to me, except the Father which has sent me draw him: and I will raise him up at the last day.
Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
45 It is written in the prophets, And they shall be all taught of God. Every man therefore that has heard, and has learned of the Father, comes to me.
Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
46 Not that any man has seen the Father, save he which is of God, he has seen the Father.
Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.
47 Truly, truly, I say to you, He that believes on me has everlasting life. (aiōnios )
Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba. (aiōnios )
48 I am that bread of life.
Buddeenni jireenyaa ana.
49 Your fathers did eat manna in the wilderness, and are dead.
Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.
50 This is the bread which comes down from heaven, that a man may eat thereof, and not die.
Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.
51 I am the living bread which came down from heaven: if any man eat of this bread, he shall live for ever: and the bread that I will give is my flesh, which I will give for the life of the world. (aiōn )
Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.” (aiōn )
52 The Jews therefore strove among themselves, saying, How can this man give us his flesh to eat?
Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
53 Then Jesus said to them, Truly, truly, I say to you, Except you eat the flesh of the Son of man, and drink his blood, you have no life in you.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
54 Whoever eats my flesh, and drinks my blood, has eternal life; and I will raise him up at the last day. (aiōnios )
Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. (aiōnios )
55 For my flesh is meat indeed, and my blood is drink indeed.
Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.
56 He that eats my flesh, and drinks my blood, dwells in me, and I in him.
Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.
57 As the living Father has sent me, and I live by the Father: so he that eats me, even he shall live by me.
Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.
58 This is that bread which came down from heaven: not as your fathers did eat manna, and are dead: he that eats of this bread shall live for ever. (aiōn )
Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.” (aiōn )
59 These things said he in the synagogue, as he taught in Capernaum.
Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
60 Many therefore of his disciples, when they had heard this, said, This is an hard saying; who can hear it?
Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
61 When Jesus knew in himself that his disciples murmured at it, he said to them, Does this offend you?
Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree?
62 What and if you shall see the Son of man ascend up where he was before?
Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?
63 It is the spirit that vivifies; the flesh profits nothing: the words that I speak to you, they are spirit, and they are life.
Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
64 But there are some of you that believe not. For Jesus knew from the beginning who they were that believed not, and who should betray him.
Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii.
65 And he said, Therefore said I to you, that no man can come to me, except it were given to him of my Father.
Innis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
66 From that time many of his disciples went back, and walked no more with him.
Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
67 Then said Jesus to the twelve, Will you also go away?
Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
68 Then Simon Peter answered him, Lord, to whom shall we go? you have the words of eternal life. (aiōnios )
Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. (aiōnios )
69 And we believe and are sure that you are that Christ, the Son of the living God.
Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.”
70 Jesus answered them, Have not I chosen you twelve, and one of you is a devil?
Yesuusis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!” jedhe.
71 He spoke of Judas Iscariot the son of Simon: for he it was that should betray him, being one of the twelve.
Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii!