< Psalms 87 >

1 A Psalm of the sons of Korah; a Song. His foundation is in the holy mountains.
Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
2 The LORD loveth the gates of Zion more than all the dwellings of Jacob.
Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, karrawwan Xiyoon jaallata.
3 Glorious things are spoken of Thee, O city of God. (Selah)
Yaa magaalaa Waaqaa, waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
4 'I will make mention of Rahab and Babylon as among them that know Me; behold Philistia, and Tyre, with Ethiopia; this one was born there.'
“Ani Raʼaabii fi Baabilonin warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
5 But of Zion it shall be said: 'This man and that was born in her; and the Most High Himself doth establish her.'
Dhugumaan waaʼee Xiyoon, “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
6 The LORD shall count in the register of the peoples: 'This one was born there.' (Selah)
Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.
7 And whether they sing or dance, all my thoughts are in Thee.
Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.

< Psalms 87 >